1-2 Luq. 15:24,32; Qol. 2:13 Isin yakkaa fi cubbuu keessaniin worra du'e turtan. Hennaa san isinillee akkanatti hammeenna adunyaa tanaa duukaa deemtanii, ka ayyaana amma qilleensa keessa jiru bulchuu fi ka ammallee ijoollee Rabbii hin ajajamne irratti hojjatuuf ajajama'aa jiraata'aa turtan.
3Qol. 3:6-7; Phex. 1ffaa 4:3 Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre.
41:5-7; Yoh. 1ffaa 3:1; Phex. 1ffaa 1:3 Haa ta'uu ammo Rabbi araara ufiitiin dureessa waan ta'eef,
55:14; Qol. 2:12-13; Hu. Er. 15:11 sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan.
6-7Filph. 3:20 Baroota dhufanillee karaa Kiristoosiitiin arjummaa nuu qabu ka maraa caaluun durummaa badhaadha isaa mudhisu'uuf isa woliin nu kaase; Yesuus Kiristoosiin keessaan hulee sami'ii isa woliin nu teessise.
8Rom. 3:23-24; Gal. 2:16 Badhaani isaa amanti'iin isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee hujii keessaniinii miti.
9Rom. 3:27-28; Qor. 1ffaa 1:29 Eennullee akka uf hin janye kun huji'iinii miti.
10Tit. 2:14; Qor. 2ffaa 5:17 Nu uumama isaa waan taaneef Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne.
Kiristoosiin Tokko Ta'anii Jiraachuu'u11 5:8; Rom. 2:29; Qol. 2:13 Isin worri kanaan dura dhalootaan Yihuudii hin taane, worra harka namaatiin gadoome ka hin gadoomne jedhamtan kana yaadaa'a.
12Rom. 9:4; Tas. 1ffaa 4:13 Bara san mootummaa Israa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan.
131:7; Isa. 57:19; Qol. 1:20 Amma ammo isin worri dura Rabbiin irraa fagaattanii turtan, ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uun dhiiga Kiristoosiitiin gara isaa dhiyaattaniirtan. Inni nagaya keenna.
14Qol. 2:14 Lamaanuu ka tokko godhee seera labsi'iin himame diigee, dallawa lolaa foon ufiitiin diige.
15Kunillee lamaan isaanii irraa nama haarawa tokko ufumaa uumee nagaya buusu'uuf.
16Qol. 1:20 Jibba fannoo isaa irratti ajjeesee isaan lamaanuu qaama tokkoon Rabbiin wolitti araarse.
17Hu. Er. 10:36; Isa. 57:19 Dhufee isin worra Rabbiin irraa fagaattanii turtaniif nagaya, worra gara Rabbii dhiyaattanii jirtaniifillee nagaya gammachuu jedhee lallabe.
183:12; Rom. 5:2; Ibr. 7:25; Yoh. 14:6 Hujii isaatiin nu maruu Ayyaana tokkoon gara Aabbaa galuu hin dandeenna.
19 2:12; 3:6; Ibr. 12:22-23 Eeganaa ammaa achi isin woyyoota woliin biyya tokkoo fi maatii Rabbiiti malee galtu'uu fi keessumma'aa miti.
20Qor. 1ffaa 3:9-11; Qol. 2:7; Isa. 28:16; Phex. 1ffaa 2:4-6 Hundee ergamtootaatii fi raattotaa irratti ijaaramtaniirtan; utubaan dhaga'aallee Yesuus Kiristoos.
214:15-16; Qol. 2:19 Isumaan gamoon maruu wol qabatee Goofta'aan mana woyyuu ta'u'uuf guddata.
22Qor. 1ffaa 3:16; Phex. 1ffaa 2:5 Isinillee akkasuma Rabbiif hulee jireennaa ta'u'uuf Ayyaanaan isa woliin ijaaramtan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.