Raajii Isaayyaasii 1 - Kitaaba Woyyuu

1Mudhanni ilmi Amootsii Isaayyaas waan Yihuuda'aatii fi waan Yerusaalemii bara Ooziyaa, Iyyoo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas mootota ta'an arge kana.Rabbi Banii Ufii Gorse

2Samiiwwan dhagayaa'a! ardiinillee caqasi!

Rabbi waan akkana jedhee dubbateef

«Ijoollee uumadhe; isaan guddise;

isaan garuu na dhiban.

3Sangaan gooftaa ufii;

harreen moonaa abba ufii beeka;

Israa'el garuu hin beenne;

baniin kiyyallee hin hubanne.»

4Isin baniin cubbamtoonni;

worri yakkamtoonni,

fiixaa worra hammeenna hujuu;

ijoollee haala baddan isin hobbaasi!

Rabbiin dhiisaniiran;

woyyicha Israa'elii salphisaniiran;

dudda itti galaniiran.

5Maaf dhibuu irratti dhibuu edaatani

ammallee dhayamuu barbaaddan?

mataan keessan maruu dhibameera;

garaan keessan maruu raafameera.

6Qeensa lukaatii haga rifeensa mata'aa

fayyaa hin qabdan;

iitaa fi mada'a; akkasuma dirmammuu calla'a

hin dhiqamne; hin hidhamne;

sayiti'iin hin sukkuumamne.

7Biyyi keessan ona;

qachoonni keessan ka ibiddaan gubatan ta'an;

uduu ijji teessan argitu

lafa teessan ormi fudhata;

hin bada.

8Intalti Tsiyoonii;

akka daasee biqiltuu woyini'ii keessa jiruu;

akkuma goom'ee biqiltuu baasqula'aa keessatti argamuu;

akkuma qachaa marfamteetitti gatamte.

9Rabbi Waandhi banii maraa

uduu fiixaa nuu hambisuu baatee,

akkuma Soodomii taana;

Gamoraa fakkaanna ture.

10Isin worri akka bulchoota Soodomii!

dubbii Rabbii dhagayaa'a;

isin namoonni akka worra Gamora'aa!

seera Rabbii caqasaa'a.

11«Guddinni ciincaa keessanii

anaaf maali'i?» jedha Rabbi;

ciincaa hoola'aa ka gubatuu fi

cooma horii coomee quufeera;

dhiiga sanga'aa, ka korbeessa hoola'aatii fi ka re'e'eetitti

hin gammadu.

12Yoo na afoo dhiyaachu'uuf dhuftan;

kana maraa akka naa fiddan;

akka balbala mana woyyuu kiyya ijjattan

eentu isin gaafate?

13Kennaa gatii hin qabne hin dhiyeessinaa'a;

ani hixaana keessan hin balfa;

ayyaana keessan ka jalqaba ji'aa;

sambattan keessan; gumii keessanii fi

wol gayii keessan ka hammeennaa

obsuu hin dandeenne.

14Ayyaana keessan ka jalqaba ji'aatii fi

ayyaannan keessan

lubbuun tiyya guddiftee jibbiteerti;

ba'aa natti ta'aniiran;

obsuu hin dandeenne.

15Yoo faate'eef harka keessan gara kiyya badhiftanillee;

ani ija tiyya isin irraa deebifadha;

yoma guddiftanii faateffattanillee isinii hin dhagayu;

harki keessan dhiigaan maanxameera;

16Dhiqadhaa'a; uf qulqulleessaa'a;

hujii keessan hamaa

na afo'oo fageessaa'a;

waan hamaa hojjachuu dhiisaa'a.

17Waan mishaa hojjachuu baradhaa'a;

haqa barbaadaa'a;

worra dhiibaman oolchaa'a;

worra abba'aa fi haadha hin qabnee dhaabadhaa'a;

haadha hiyyeeyyi'iitii tamaaggadhaa'a.

18«Mee koottaa'a; wol haa ajiifannuu»

jedha Rabbi;

cubbuun keessan akka dhiigaa yoo diimatellee

akka barada'aa addaata;

yoo akka dhiigaatitti diimatellee

akka jirbi'ii addaata.

19Yoo maarre jettan; yoo ajajamtan;

eebba ardi'ii nyaattan.

20Yoo diddan; yoo worra dhibu taatan garuu;

guraade'etu isin nyaata.»

Afaan Rabbii kana waan dubbateef.

Qachaa Cubbamtuu'u

21Qachaan amanamtuu turte;

attamitti akka seebartuu taate laalaa'a!

ta balchummaan itti babadhate turte;

amma garuu ta worri lubbuu baasu keessa jiraatu taate!

22Meetiin kee dammeessayeera;

daadhiin woyini'ii kee filatamaan bisaaniin wolitti makame;

23bulchoonni kee worra dhibuu fi

hiriyyoota worra hatuuti;

maruu gabbarsuu jaalatan;

waan fudhatanillee guddisanii barbaadan;

worra abba'aa fi haadha hin qabnee hin dhaabatan;

iyyata haadha hiyyeeyyi'ii hin dhagayan.

24Kanaafuu Gooftaan; Rabbiin banii maraa;

jabaan Israa'elii akkana jedha;

«Ani nyaapholee kiyyatti dheekkamsa kiyya mudhisa;

diintota kiyyallee haluu baya.

25Harka kiyya si irra badhisa;

dammeessaya kee sirima qulqulleessa;

xurii kee maraa hin balleessa.

26Abboota murti'ii kee akkuma duriititti;

worra kee ka gorsu akkuma duriititti deebisa;

achiin maayessa ati «Qachaa balchumma'aatii fi

qachaa amanamtuu»

jedhamtee waamamta.

27Tsiyoon haqaan;

worri isii keessa jiraatu

ka aagii galu'uun deebi'u

balchumma'aan furaman.

28Worri dhibuu fi cubbamtoonni garuu

woliin bututan;

worri Rabbiin dhiisan hin badan.

29Qilxuu keessan ka itti gammaddanitti

hin saalfattan;

hulee biqiltu'uu keessan ka filattanitti

hin salphattan.

30Akka qilxuu baalli quuree;

akka hulee biqiltu'uu ka bisaan hin qabnee taatan.

31Namni jabaan akka bura'aa;

hujiin isaa akkuma qaanqee ibiddaa ta'a;

lachuu wolumaan gubatan;

ka ibidda san balleessullee hin jiru.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help