Seera Leewwotaa 20 - Kitaaba Woyyuu

Adabbii Ajajamuu Dhabuun Fidu

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Banii Israa'eliitiin akkana jedhi, ‹Banii Israa'elii keessaa eennullee waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo ciincaa dhiyeesse sirima haa ajjeefamuu; namoonni biyya Israa'elii dhaga'aan isa haa dhayanii.

3Eennullee ijoollee ufii keessaa tokko waaqa tolfamaa Molook jedhamuu kennee mana woyyuu kiyya yoo batteesse, maqaa kiyya yoo salphise, Ani nama san hin adaba; banii kiyya keessatti isa hin laakkayu.

4Namni sun fiixaa ufii waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo kenne, baniin biyyaa isa argee nama san yoo lash itti jedhee ajjeesuu baate,

5Ani isaa fi banii mana isaanii irratti balaa fida; isaa fi worra waaqa tolfamaa sanii sagadu'uuf duukaa deeman maraa banii keessaa fooyee balleessa.

6«Worra hafuura ekera'aa waaman, worra moru duukaa deemanii fi worra hujii ufiitii sagadan, nama san ani hin balleessa; banii keessaa isa baasee adaba.

7Kanaafuu ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef qaama keessan woyyoomsa'aatii woyyoota ta'aa'a.

8Seera kiyya eegaa'a; raawwadhalle'e; Ani Rabbi Waaqa isin woyyoomsu» jedheen.

9Eennullee ka abbaa ufiitii fi haadha ufii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; Abba'aa fi haadha ufii waan arrabseef inni nama dhiigaati.

17Namni tokko obboleettii ufii ta abbaan isaa uumate, yookaan ta haati isaa deette yoo fuudhee, isaan lamaanuu waan shinga'aa waan hojjataniif banii ufii afo'otti haa ajjeefamanii; waan inni obboleetti ufii fafeesseef cubbuunillee tama isaaniiti.

22«Kanaafuu biyyi itti galu'uuf taatan akka isin hin dinne, seeraa fi ajaja kiyya maraa eega'aa raawwadhaa'a;

23Seera banii ani isin afo'oo balleessuutitti hin bulinaa'a; waan waan kanniin maraa godhaniif ani isaan jibbeera.

24Isin garuu biyya isaanii dhaaltan; akka dhaaltaniifillee biyya aannanii fi damma baaftu isinii kenna waan jedheeruuf; ani Rabbi Waaqa keessan ka banii ormaa keessaa fooyee isin baase.

25Kanaafuu horii qulqulluu battii irraa, simbira qulqulluu simbira battii irraa fooyaa'a; hori'ii fi simbira ani batti'i jedhee addaan fooye, waan lafa irra sosocho'u maraan uf hin batteessinaa'a.

26Ani Rabbi woyyuu waan ta'eef isinillee akka kiyya taatan banii ormaa keessaa waan isin fooyeeruuf isinillee woyyoota naa ta'aa'a.

27«Dhiirti yookaan intalti yoo ekeraa dubbifte yookaan yoo mortuu ta'an, dhaga'aan dhayamanii haa ajjeefamanii; gumaa isaaniitiifillee namni gaafatamu hin jiru.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help