Seera Laakkobsaa 15 - Kitaaba Woyyuu

Seera Edaasa'aa Ka Waan Ciinca'aatiif Kenname

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Hennaa gara biyya ani isinii kennuu galtan,

3fedha keessaniin woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan hennaa ayyaana ayyaanteffattan, ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu'uuf sangaa, yookaan hoolota keessaa ciincaa ciincawuuf, yookaan kennaa ibiddaan ciincawu,

4-5namni Rabbii dhiyeessu ciincaa dhiyaatu sanniiniif yookaan ciincaa biraatiifillee korbeessa hoola'aa ka ciinca'aaf dhiyaatu, dhadhaa ejersaa ka sukkuumame ka liitirii tokkoo, daakuu mishaa kiiloo tokkoo woliin, daadhii woyini'ii liitirii tokko kennaa midhaanii woliin haa fiduu.

6-7Ciincaa korbeessa hoolaa tokko akka ciincaa mishaa urgaayaa Rabbiif ta'u dhadhaa ejersaa liitirii tokkoo ka sukkuumame daakuu kiiloo lamaa daadhii woyini'ii liitirii tokkoo fi wodhakka'aa kennaa midhaanii woliin fidda.

8Ciincaa ciincawuuf yookaan ciincaa biraatiif yookaan woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan ciincaa fayyumma'aatiif yoo jibicha Rabbii qopheessite jibicha woliin

9kennaa midhaanii wodhakkaa ka dhadha'aan sukkuumame daakuu mishaa iinii wodhakkaa kudhan keessaa ganaa sadihii Rabbii dhiyeessa.

10Kennaan kunillee daadhii woyini'ii liitirii lamaa woliin dhiyaata; ciincaan ibiddaan dhiyaatu kunillee ka urgaan isaa Rabbiin gammachiisu ta'a.

11«Ciincaa jibichaa maraafuu yookaan korbeeyyii hoola'aatii fi yookaan korbeettii re'e'eetiifillee akkasuma godhaa'a.

12Akkuma laakkobsa waan ciinca'aa qopheessitaniititti akkasuma maraafuu gootan.

13Namni biyyaa maruu hennaa kennaa ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu, innillee akkasuma godha.

14Namni isinitti gale ka isin woliin jiraatu yookaan fiixaa keessan keessaa eennullee yoo isin woliin jiraate kennaa mishaa urgaayaa Rabbiif ta'u yoo dhiyeessu woma isin gootan innillee godha.

15Isin nama biyyaatii fi nama isinitti galeellee tokkoma.

16Seerri kun baraa haga bara baraa seera ilmaan ilmaan teessanii ta'a; isinii fi worra isinitti galeellee, nama isin keessa taa'uufillee seerrinii fi murtiin tokkoma» jedheen.

17Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

18«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennee galtan,

19hennaa midhaan biyya sanii galfattanii nyaattan seera waan nyaattan irraa fuutanii Rabbii dhiyeessitanii ayyaanteffattan.

20Wonti dura ciincaa dhiyeessitan, bukoo bukeeffattan keessaa bixilee tokko kennaa Rabbii ta'u dhiyeessitan midhaan obdi'ii keessaallee kennaa Rabbiif ta'u dhiyeessitan.

21Bukoon bukeessitan ka duraa kennaa Rabbiif ta'u ilmaan ilmaan teessanii woliin Rabbii dhiyeessitan.

22«Yoo dogoggortan ajaja Rabbi Muusee ajaje kanniin maraa yoo raawwachuu baattan;

23guyyaa Rabbi Muusee ajaje irraa jalqabee duranaallee haga ilmaan ilmaan teessanii waan Rabbi Muusee ajaje maraa yoo raawwachuu baattan.

24Uduu baniin hin beenne yoo dogoggoraan raawwatame baniin maruu ciincaa ciincawuuf kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii woliin akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u jibicha tokkoo fi korbeessa re'e'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan.

25Gadichillee ijoollee Israa'elii maraaf araara godha; waan dogoggora ta'eef hin araaramaaf; isaan waan dogoggora isaaniitiif ciincaa ibiddaan ciincawu waan Rabbii dhiyeessaniif; waan ciincaa cubbu'uutiif Rabbii dhiyeessaniiran.

26Wollaalaan banii maraa birattuu waan raawwatameef ijoollee Israa'elii maraaf, worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu isaanii araarama.

27«Namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate sababaa cubbu'uutiif goromtii re'e'ee ta woggaa tokkoo haa dhiyeessuu.

28Nama cubbuu hojjatee hin beenne, ka amma uduu hin beenne cubbuu hojjatee gadichi Rabbiin wolitti araarsa; isaallee hin araaramaaf.Ser. Lew. 4:27-31

29Horteen ijoollee Israa'elii worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate seerri araaraa tokkoma.

30«Nama biyyaa ta'ee'e nama isinitti galee isin keessa jiraatullee yoo ta'e namni isinitti galee isin keessa jiraatu tokko yoo uf jaju'uun cubbuu hojjate waan Rabbiin yakkeef namni sun banii jiddu'uu bayee haa baduu.

31Namni sun dubbii Rabbii waan tuffateef ajaja isaallee waan diigeef inni sirima haa baduu; inni cubbama'a.»

Nama Sambata Diigu'uun Adabame

32Ijoolleen Israa'elii uduu lafa gammoojji'ii jiran, namni tokko Sambataan uduu qoraan guuru arganii

33qabanii Muusee, Aaroonii fi gara banii maraa fidan.

34Waan isa irratti godhan waan hin beenneef gara mana hidha'aa fidan.

35Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Namicha ajjeesaa'a; akkasuma namicha qe'e'een ala baasanii namni maruu dhaga'aan dhayee haa ajjeesuu» jedheen.

36Kanaaf baniin maruu akkuma Rabbi Muusee ajaje dhaga'aan tumanii ajjeesan.

Seera Handaara Uffataatiif Kenname

37Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

38«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Isaaniif horteen isaanii maruu qaccee uffata isaanii irratti fooyaa jirbi'ii bulee akka handaara qaccee uffata isaanii maraa irratti godhatan isaan ajaji.Kes. Deb. 22:12

39Ajaja Rabbii maraa akka yaadattanii fi akka isa hordoftan fedha onnee keessaniitiif waan ijaan argitan hordoftanii akka hin seebarre,

40ajaja kiyya maraa akka yaadattanii fi akka raawwattan, Rabbii keessaniif woyyoota akka taatan, wonti isin handaara uffata keessanii irratti gootan sun akka mudhatu godhaa'a.

41Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase› » jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help