1«Namni tokko waan beeku seera afoo dhiyaatee waan beeku san yoo himuu baate waan cubbuu itti ta'uuf yakkama'a.
2«Eennullee uduu hin beenne yoo waan battii tuqe, raqa busaawaa du'ee, yookaan raqa horii battaayee, yookaan raqa busaawaa lafa irra looyuu ka du'ellee yoo ta'e inni akka tuqe yoo beeke itti himaa'a yakka itti ta'aa.
3«Yookaan namni uduu hin beenne yoo waan battii tuqe yoomiinillee akka waan battii san tuqe yoo beeke yakka itti ta'a.
4«Eennullee waan hama'aa fi waan mishaa uduu hin beenne jarjaree ariiti'iin yoo kakate sanniin lamaan keessaa tokko dogoggora ta'uu yoo beeke, kanniin keessaa tokkoon yakkama'a.
5«Waan kanniin keessaa yoo waan tokkoon yakke waan hojjate saniif cubbuu ufii hin himata.
6Cubbuu hojjate saniif ciincaa dhiifamsa cubbu'uu Rabbii dhiyeessa; inni tika keessaa goromtii hoola'aa yookaan goromtii re'e'ee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa dhiyeessa; gadichi waan cubbuu isaatiif araara godhee dhiyeessa.
7«Cubbuu hojjatee wonti hoola'aan bitatu yoo hanqateef kuukurruu lamaa yookaan ilmoolee handari'ii takka ciincaa cubbu'uu, ta lammeesso'oo ciincaa ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa.
8Gara gadichaa fidee inni ciincaa cubbu'uu san morma micciira garuu hin kutu;
9dhiiga ciincaa dhiyaatee girgiddaa hulee ciinca'aatitti facaasa; dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissa; inni sunillee dhiifamsa cubbu'uuti.
10Akkuma seeraatitti ka lammeesso'oollee ciincaa godhee qopheessa; akka kanaan gadichi cubbuu inni hojjate dhiisisiisaaf; isaallee hin dhiifama.
11«Yoo kuukurruu lama yookaan ilmoolee handari'ii lama bitu'uuf ka horiin hanqatuuf ta'e cubbuu hojjate saniif daakuu iifii tokkoo ciincaa cubbu'uu godhee haa dhiyeessuu; waan ciincaa cubbu'uu ta'eef dhadha'aa fi hixaanallee itti hin buusu.
12Achiin maayessa gara gadichaa fida; gadichi akka yaadannoo ta'uuf daakuu ganaa tokko guutuu fuudhee kennaa ciinca'aa ka Rabbiif ibiddaan ciincawu irratti hulee kennaan dhiyaatu irratti ciinceessa; kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti.
13Gadichi waan sanniin keessaa tokkoon waan cubbuu hojjatameetiif dhiifamsa taasisa; innillee hin dhiisaaf; kennaan midhaanii ka hafe ka gadichaa ta'a.»
Akkaataa Ciincaan Yakkaa Itti Dhiyaatu14Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
15«Eennullee yoo cubbuu Rabbi hin hojjatinaa'a jedhe hojjatee yakke, uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, dhiifamsa cubbu'uutiif mana woyyuu keessatti akkuma tilmaamaatitti Rabbiif ciincaa dhiyeessa; akkuma hubattetti dhiyeessita.
16Waan qulqullaayeen gatii cubbuu hojjatee kaffala; waan dura kaffalu irratti harka shanii keessaa harka tokko eda'ee gadichatti kenna; gadichi hoolaa san gatii ciincaa cubbu'uu godhee dhiyeessa; cubbuunillee isaa dhiifama.
17«Eennullee ajaja Rabbii keessaa uduu hin beekin tokko diigee yoo cubbuu hojjatee yakke, inni yakkama'a; yakki isaa isuma irra jira.
18Korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne hoolota keessaa akkuma gatiin isaa bikkameen gadichatti fida; gadichillee yakka inni uduu hin beenne hojjateef hin araarsaaf; cubbuunillee isaa dhiifama.
19Kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti; kun dhugamaan waan Rabbiin biratti yakka ta'eef.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.