1Haale luyaa!
Isin tajaajiltoonni Rabbii
galatoonfadhaa'a!
maqaa Rabbii jajadhaa'a!
2Ammaa haga bara baraa
maqaan Rabbii haa galatoomu.
3Baya adu'uutii haga dhiya adu'uu;
galanni maqaa Rabbiitiif haa ta'u!
4Rabbi banii maraa caalaa kabajjama'a;
ulfinni isaallee samiiiwwanii oli.
5Ka akka Rabbii Waaqa keennaa;
ol teessoo ufii irra ka taa'e eennu?
6Ka sami'ii fi ardii irra jirullee laalu'uuf;
ka uf gad qabu eennu?
7Hiyyeessa daaraa irraa kaasa;
rakkataa biyyee irraa ol kaasa.
8Qondaaltota woliin bakka qixxee kennaaf;
muudamtoota bani'ii woliin isa kaaya.
9Dubartii dhabduu mana keessa jiraachisa;
ta gammadde haadha ijoolle'ee taasisa.
Halee luyaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.