1Kadhaan Imbaaqoomiin raattichi faaru'uun dhiyeesse kana;
2Yaa Rabbi! ani hujii maalale'ee ka ati hojjatte maraa dhagayee guddisee sodaadhe;
ammallee bara keenna kana keessatti hujii kee ka durii deebi'ii hojjadhu;
bara marattuu akka beekkamu taasisi;
hennaa loltullee araara kee nu irraa hin fageessin.
3Rabbi woyyummaa ufiitiin biyya Teemaaniitii fi
gaara Faaraaniitii deebi'ee dhufa;
gaachenni Waaqummaa isaa samiiwwan dhosseera;
galanni isaa ardii guuteera.
4Ifti isaa akka ifa adu'uuti;
hunna ufii yoo dhosse harka isaa keessaa
ifa biiftuu ganamaatitu baya.
5Dhukkubni isa afoo deema;
balaan isa duubaan deema.
6Hennaa inni dhaabatu lafti hin raafamti;
baniin hennaa inni isaan laale hin hollatan;
gaarran durii hin diiggaman;
tulloonni inni dur irraa jalqabee irra deemu
gad liqimfaman.
7Ani hennaa gandi Itoophiya'aa hucuucaman,
namoonni Miidiyaamii hennaa hollatan arge.
8Rabbii kiyya! ati hennaa farado'oo fi gaarii kee ka fardaa gara hulee moote'ee masakkite
lolli kee guddaan galaannan irra turee?
mo'o galaanaan lolte?
9Ati buundhee kee qolaa luqqifatte,
eboo kee darbatu'uuf aggaamte
ati lafa baqassitee laggiin baafte.
10Gaarran si arganii sodaatanii hollatan;
lolaan roobaa lafa haree lufe;
galaanni laagaa guddaa dhageessise;
dambaliin guddisee ol ka'e.
11Sababaa bakakkaa kee ka akka buundhe'eetitti darbamuu fi
ka akka ebo'ootitti ifuutiin
adu'uu fi jiini hulee jiranitti dhaabatan.
12Ati lafa irra dhaabattee,
banii dheekkamsa keetiin dhidhiitte.
13Ati banii kee oolchu'uuf mootii muuddee moosifte hambisu'uuf baate;
bulchaa biyya badi'ii hin tumte;
worra isa faanaa deemanillee balleessitee qullaa isa hambifte;
miilaa haga mata'aa qullaa isa hambifte.
14Bulchaa loltootaa ka akka qilleensa bubbe'ee nu bittinneessu'uuf dhufe
eboma isaatiin isa woraante;
inni akkuma bineensa busaawaa dadhabaa cicciru'uuf kajeeluu
hiyyeeyyii dhokatan miidhu'uuf qophaayee ture.
15Ati hennaa faradoo keetiin galaana keessa deemtu
galaanni xiillaan hin raafama.
16Ani hennaa kana mara dhagawu qaamni kiyya hin hollata;
laagaan isaa hidhii kiyya hollachiisa;
lafeewwan kiyya hin shaman;
miilli kiyya na jalatti hollatan;
ani rakkoo diintota kiyya irra gawu
obsaan eega.
17Yoma munni hurbu'uu daraaruu baate,
yoo biqiltuu woyini'ii irra daraaraan hin argamne,
yoo munni ejersaa daraaraa hin kennine,
yoo lafa qonnaa keessaa midhaan bade,
yoo tinni hoolotaa maruu dhumanii fi
yoma moonaa keessa horiin woyiituu hin jiraanne
18Yoma kunniin maruu dhabamellee ani Rabbiin gammada;
Waaqa fayyisaa kiyyaan burraaqa.
19Rabbi Gooftaan hunna kiyya;
luka kiyya akka luka borofaatitti naa jabeessa;
gaarran irrallee akka deemu na taasisa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.