Gara Worra Efesoonii 5 - Kitaaba Woyyuu

Ifa Keessa Jiraadhaa'a

1 Mat. 5:48; Luq. 6:36 Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a.

2Yoh. 13:34; Gal. 2:20; Ibr. 9:14; Ser. Ba'u. 29:18; Far. 40:6 Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a.

3Qol. 3:5; Qor. 1ffaa 6:18-19 Wonti woyyootaa hin taane seebaruun, battumma'aa fi hawwuun isin biratti sirima hin dhagayamin.

4Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef isin biratti hin argamin. San caalaa ammo worra galataa ta'aa'a.

5Qor. 1ffaa 6:9-10; Hu. Er. 8:21; Mudh. Yoh. 21:8 Waan kana beekaa'a; seebara yoo ta'e, yookaan battii, yookaan ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa waaqeffatullee, Kiristoosii fi jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.

62:2; 4:14; Rom. 1:18; Qol. 2:3-4; 3:6 Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf eennullee dubbii duwwa'aan isin hin sobin.

7Qor. 2ffaa 6:14 Eeganaa namoota akkanaa woliin tokko hin ta'inaa'a.

82:11,13; Filph. 2:15; Phex. 1ffaa 2:9 Dura dukkana keessa turtan; amma ammo Goofta'aan worra ifaati.

9-10Mat. 5:14; Yoh. 12:36; Tas. 1ffaa 5:5; Gal. 5:22 Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'aa akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.

11Qor. 2ffaa 6:14 Hujii dukkanaa ka daraaraa hin qabne woliin wol hin ta'inaa'a, caala'atti ammo isaan ifatti baasaa malee,

12Waan isaan dhossa'atti godhan dubbachuunuu nama saalfachiisa.

13Yoh. 3:20-21; Qor. 1ffaa 4:5 Maruu ammo hennaa ifatti baye addaataa mudhata.

14Isa. 26:19; 60:1-2; Yoh. 8:12; Rom. 13:11 Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef,

«Ati ka raftu dammaqi!

worra du'an keessaa ka'i!

Kiristoos sii ibsaa» jedhame.

15 Mat. 10:16; Yaq. 3:13 Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.

16Qol. 4:5 Guyyoonni waan hammeeyyii ta'aniif, carraa qabdan maratti fayyadamaa'a;

175:10; Rom. 12:2 Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.

18 Luq. 21:34; Mam. 20:1; 23:20,29-35 Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a; kun xaarii waan ta'eef.

19Far. 33:2-3; 96:1; Qol. 3:16; Yaq. 5:13 Faaruu faarfachu'uun, weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.

20Qol. 3:16-17 Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galatoonfadhaa'a.

Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa

21 Mat. 20:26; Phex. 1ffaa 5:5 Isin maruu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii wolii ajajamaa'a.

22 Ser. Uma. 3:16; Qol. 3:18; Phex. 1ffaa 3:1 Haawwota manaa! Akkuma Goofta'aa ajajamtan abbaa manaa keessanii ajajamaa'a.

231:22-23; Qor. 1ffaa 11:3; Qol. 1:18 Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa ta fayyisee fi ta qaama isaa taatee mataa ta'e, abbaan manaa mataa haadha manaati.

24Akkuma woldaan Kiristaanaa Kiristoosii ajajamtu, akkasuma haatii manaa ammo waa maraanuu abbaa manaa ufiitii haa ajajamanii.

25Qol. 3:19; Phex. 1ffaa 3:7 Isinillee abboonni manaa! Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa jaalate, haadha manaa teessan jaaladhaa'a.

26Inni Woldaa Kiristaanaa dubbii ufiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee Rabbii Woyyoomsu'uuf kana godhe.

271:4; Qol. 1:21-22; Qor. 2ffaa 11:2 Xurii yookaan fuula qonshooruu yookaan wonti akkana jiru kun uduu isii irratti hin taane, woyyitti'ii fi ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.

28Akkasuma abbaan manaa akka nafa ufiititti haadha manaa ufii jaalachuun isaan barbaachisa. Ka haadha manaa ufii jaalatu uf jaalata.

291:23; Rom. 12:5; Ser. Uma. 2:23 Eennullee ka nafa ufii jibbu waan hin jirreef, akkasuma ammo qaama nafa isaa waan taaneef,

30akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatiif godhe hin nyaachisa, hin eega.

31 Ser. Uma. 2:24 Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa ufii hin dhiisa; haadha manaa ufiititti maxxana; isaan lamaanuu foon tokko ta'an.

32Qor. 2ffaa 11:2; Mudh. Yoh. 19:7 Kun dhossaa gudda'a, ani ammo kana waan Kiristoosiitii fi waan woldaa Kiristaanaatiif jedha.

33Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help