Seera Uumamaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Qaa'elii fi Aabeel

1Aadam haadha manaa ufii Hawwaa bira gaye; isiin ulfooftee ilma deette; isiin, «Gargaarsa Rabbiitiin ilma argadhe» jettee maqaa «Qaa'el» jettee itti baafte.

2Ammallee deebitee obboleessa isaa Aabeeliin deette; Aabeel tissee hoolotaa ta'e; Qaa'el ammo lafa qota ture.

3Guyyaa baay'e'een maayessa Qaa'el waan qote keessaa kennaa Rabbii dhiyeesse.

4Aabeelillee tika hoolotaa keessaa korbeessa dura dhalate qalee cooma isaa ciincaa Rabbii dhiyeesse; Rabbillee gara Aabeeliitii fi gara ciincaa isaa laale.

5Gara Qaa'eliitii fi gara kennaa isaa ammo hin laalle; Qaa'el guddisee aaree fuulli isaa gurraachate.

6Hennaa san Rabbi Qaa'eliin, «Maaf aarte? Maaf aartee fuulli kee gurraachate?

7Uduu waan mishaa gooteerta ta'ee silaa fuulli kee hin ifaamii? yoo waan mishaa hin goone ammo cubbuun balbala kee jalatti riphxee si eega'aarti isiin si argachuu feeti; ati ammo isii irratti mooyuu si barbaachisa» jedheen.

8Kanaan maayessa Qaa'el obboleessa ufii Aabeeliin «Koottu gara raasa'aa baanaa» jedheen; haga gara raasa'aa deeman Qaa'el akka diinaatitti itti ka'ee obboleessa ufii Aabeeliin ajjeese.Fiixaa Qaa'elii

17Qaa'el haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee Heenoohiin deette; qachaa ijaaree, maqaa qachaa saniillee maqaa ilma ufii «Heenooh» jedhee itti baase.

18Heenoohillee Gaayidaadiin uumate; Gaayidaad Mee'eeliin uumate; Mee'eeli Maatusaa'eliin uumate; Maatusaa'el Laamehiin uumate;

19Laamehi haadha manaa lama fuudhe; maqaan ta duraa Aada'a; ta lammataa Seela'a.

20Aadaan Yaabaaliin deette; inni abbaa worra horii horsiisa'aa daasee keessa jiraataniiti.

21Maqaan obboleessa isaa Yuubaal; inni abbaa worra kiraara taphatuutii fi ka worra boobaa afuufaniiti.

22Seelaan Tubalqaayinii meeshaa sibiila diima'aa fi sibiila gurraacha irraa tuma'aa hojjatu deette; obboleettiin Tubalqaayinii Naa'imaa turte.

23Laamehi haawwota manaa ufii «Aada'aa fi Seela'aan,

«Isin waan ani isiniin jedhu dhagayaa'a;

dubbii kiyyallee caqasaa'a;

ani ka'imtichi tokko dhayee waan na madeesseef hin ajjeeseen;

24Yoo Qaa'eliin dachaa torba haluu bayan

Laamehiin ammo dachaa torbaatamii torba haluu bayan» isaaniin jedhe. Seeti'ii Fi Heenoos

25Aadam ammallee haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deette; isiin «Bikka Qaa'el Aabeeliin ajjeese Rabbi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa «SEET» jetteen.

26Seetillee ilma uumate; maqaa isaa «Heenoos» jedheen. Namoonni bara san maqaa Rabbii waamuu jalqaban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help