1Hennaa san mootichi Daariyoos kitaabonni mana galmee Baabilooniin keessa jiru maruu akka qoratamu ajaje.
2Qachaa «Ahimtaa» jedhamtu ta godina Meedooniititti mana mootichaa keessatti kitaabni marame argame; wonti isa keessatti barreeffame kanatti aaneera.
3Mootichi Qiroos mooyee woggaa jalqabaatitti «Huleen ciinca'aa ka mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu itti dhiyeessan haa hojjatamuu, bu'uura jaba'aan haa jalqabamuu, dheerinni isaa ciqilee jahaatama, dalgi isaallee ciqilee jahaatama haa ta'uu.
4Naannaya isaa sadiin dhagaa gugurda'aan haa ijaaramuu; naannofni tokko ammo mukaan haa ijaaramuu; birrii mana kana ijaaru'uuf bawu mootichi haa kennuu.
5Akkasuma meeshaan mana Rabbii ka worqi'iitii fi ka birri'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Qulqulluu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiru keessa kaaye gara Mana Qulqulluu Yerusaalemii keessa jiruu gara hulee ufii deebi'ee manuma Rabbii keessa haa jiraatuu.» jedhee ajaje.
Ijaarsi Mana Qulqullu'uu Akka Deemu Daariyoos Ajaja Kenne6Kanaan maayessa mootichi Daariyoos ajaja akkana jedhu dabarse « Tantinaayi bulchaa biyyaa ka laga Efraaxisii gama jirtu; akkasuma Satarbuzinaayii fi gargaartoonni keessan ka laga Efraaxisii gama jiran worri Afarsikaawotaallee Mana Qulqulluu biraa fagaadhaa'a;
7Manni Rabbii kunillee haa ijaaramuu dhiisaa'a. Bulchoonni biyya Ayihuudi'iitii fi jaarsonni biyya Ayihuudi'ii mana Rabbii hulee isaatitti haa ijaaranii isaan dhiisaa'a.
8Mana Rabbii kana akka ijaaraniif wonti isin jaarsota biyya Ayihuudi'iitiif gootan gibira biyya laga Efraaxisii gamaa dhufu, birrii mooti'ii keessaa baasii akka isaanii gootan, hujii kana jabaatanii akka hojjatan hujii akka isaan hin hiissifne ajajeera.
9Ciincaa Waaqa Sami'iitiif ciincawu, jiboole'ee fi korbeeyyii hoola'aa, korbeeyyii darmii akkuma fedha gadoota Yerusaalemiin keessa jiraataniititti qamadii, sooqidda, daadhii woyini'iitii fi Sayitii ejersaa guyyama guyya'aan uduu addaan hin kunne isaanii kennaa'a.
10Kunillee akka ciincaa urgaawaa Waaqa sami'iitiif dhiyeessanii fi akka ana mootichaa fi umurii ijoollee tiyyaatiifillee kadhataniif.
11nama ajaja kana jijjiire maraa utubaan mana isaa buqqa'ee inni itti haa fannifamuu, mana isaa ammo kosii itti gataa'a jedhee ajajeera.
12Waandhi maqaa ufii achi keessa kaayellee, mootota waan kana jijjiiru'uuf harka ufii badhisanii mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru diigu'uuf ta'an haa balleessu; ani Daariyoos manni kun hojjatamee akka raawwatamu ajajeera. Kun jabeennaan haa hojjatamuu.»
Ayyaana Eebba Mana Qulqullu'uu13Asiin maayessa akkuma dubbii mootichi Daariyoos ergeetitti bulchaan laga Efraaxisii gama jiru Tantinaayi, Satarbuzinaayi, akkasuma worri isaan gargaaranillee jabaatanii hojjatan.
14Jaarsonni biyya Ayihuudi'ii raaga raatticha Hage'eetii fi raaga raatticha fiixaa Ado'oo Zakkaariyaasiitiin ijaaran, isaanii qajeelelle'e. Akka ajaja Waaqa Israa'elii, akka mootota Faarisii, akka mooticha Qiroosii, akka ajaja Daariyoosiitii fi akka mooticha Arxeeksisiititti ijaaranii raawwatan. Hag. 1:1; Zakk. 1:1
15Manni kun bara mootichi Daariyoos mooye woggaa jaheesso'oo ji'a Adaar jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti raawwatame.
16Ijoolleen Israa'elii gadoonninii fi Leewwonni, booji'amtoonni hafanillee ayyaana eebba mana Rabbii kana gammachu'uun kabajjan.
17Isaan eebba mana Rabbii kanaaf jiboolee dhibbaa, Korbeeyyii hoola'aa dhibba lamaa fi korbeeyyii hoola'aa darmii dhibba afur fidan; ciincaa cubbu'uutiif akka laakkobsa gosa Israa'eliititti isaan maraafuu korbeeyyii Re'iinii kudha lama fidan.
18Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame tajaajila mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru irratti worra gadootaa akka ballii isaaniititti, worra leewwotaallee akkuma garee isaaniitiin dhaabsisan.
Ayyaana Faasika'aa19Worri booju'uu deebi'anillee ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfaffa'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteeffatan. Ser. Ba'u. 12:1-20
20Gadoonninii fi worri Leewwotaa akkuma seeraatitti uf qulqulleessan; worri Leewwotaallee ayyana faasika'aatitti banii booju'uu deebi'anii fi gadootaaf akkasuma ufiifillee horii dhiyeeffatan qalan.
21Ijoolleen Israa'elii ta booju'uu deebite worri Rabbii Waaqa Israa'elii waaqeffatu'uuf jedhanii waan battii irraa uf eegan maruu waan Rabbi isaan gammachiiseef woliin hin nyaatan.
22Mootichi biyya Asoorii akka manni Rabbii ijaaramuuf isaan haa jajjabeessu'uuf Rabbi onnee isaa gara isaanii deebisee waan isaan gammachiiseef ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa gammachu'uun ayyaanteeffatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.