Kitaaba Faaru'uu 46 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Nu Woliin JiraFaaruu ijoollee Qore'ee ka laagaa ijoollee durbaatiin faarfatan

1Rabbi irkoo keennaa fi hunna keenna;

hennaa rakkoon nu irra gayu maraa gargaaraa keenna.

2Kanaafuu yoo lafti sochoote,

yoo gaarranillee bisaaniin liqimfaman hin sodaannu;

3Galaannillee raafamee yoo laagaa ufii dhageessise,

sababaa raafama galaanaatiin

yoo gaarri socho'e nu hin naanu.

4Laggiin qachattii Waaqaa,

hulee bultii woyyicha Goofta'aa

gammachiisan hin jiran.

5Rabbi isii jidduu jira;

hin raafamtu;

Rabbi ganamaan isii gargaara.

6Baniin didda'aan ka'an;

mootonnillee hin kufan;

Rabbi laagaa ufii ol qabatee dhageessise;

lafti hin baxxe.

7Waandhi banii maraa nu woliin jira;

Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna.

8Kootta'aa hujii Rabbii;

attamitti akka lafa duwwaa godhe laalaa'a.

9Inni lola ardii maraa irratti taasifamu hin dhaabsisa;

ebo'oo fi woraana hin cabsa;

wonteellee ibiddaan guba.

10Gab jedhaa'a;

hara baafadhaa'a; akka ani Waaqa ta'e beekaa'a;

Ani banii maraa irratti hin kabajjama;

ardii irrattillee hin kabajjama.

11Gooftaan banii maraa nu woliin jira;

Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help