Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 25 - Kitaaba Woyyuu

Saamu'eel Du'e

1Saamu'eel du'ee baniin Israa'elii maruu hulee tokkotti wol gayanii booyaniif; achiin maayessa gara Raama'aa fidanii achitti awwaalan; achiin maayessa Daawiti gara gammoojjii Faaraanii deeme.

Daawitii Fi Abigiyaa'a

2-3Achiin maayessa namicha gosa Kaaleebii ka maqaan isaa Naabaal jedhamu tokkotu jira; inni biyya Maa'onii keessa jiraata'aa ture; qachaa Qarmeloosii biratti lafa qonnaa qaba; inni nama dureessa; hoolota kuma sadihiitii fi re'iin kuma tokkoo qaba; maqaan haadha manaa isaa Abigiyaa jedhamti; isiin guddiftee bareeddu'uu fi ta qalbii qabdu turte; inni ammo nama bushaaya'aa fi ka amala bada'aati; Naabaal Qarmeloositti rifeensa hoolotaa mura'aa ture.

4Daawiti hojjataa ufii irraa oduu kana dhagaye.

5Daawiti dargaggeeyyii kudhanii filatee gara Qarmeloosii akka dhaqan maqaa isaatiin nagaya akka gaafatan ajajee erge.

6Dhaamsa akkana jedhu Naabaalitti himaa'a, «Bara dheeraa jiraadhu nageenni si'ii fi maatii keetiif, nageenni waan ati qabdu maraafuu haa ta'u»

7Akka ati hoolota irraa rifeensa mura'aartu dhagayeera; hennaa tisseen tee nu woliin turan miidhaan tokkollee isaan irra hin geenne; hennaa nu bira jiran wonti tokkollee jalaa hin hanqanne.

8Isaanuu waan kana sitti himan; nu adha guyyaa mishaa dhufne; Daawitillee dargaggeeyyiin tiyya si afo'otti kabajjaa haa argatanii; yabo'oo ijoollee teetii fi Daawitiifillee waan argite ergi» jedhan jedhe.

9Namoonni Daawitii dhaamsa kana maqaa Daawitiitiin Naabaalitti himanii waan inni jedhu eeguu jalqaban.

10Achiin maayessa Naabaal deebisee hojjattoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu? ilmi Isseyii kun eennu? bara kana hojjattoonni mootii jalaa bada'aaran baay'ataniiran.

11Kanaafuu maaf ani buddeenaa fi bisaan kiyya worra rifeensa hoolotaa muraniif qophaaye fuudhee namoota garana dhufanii hin beennetti kenna!» jedhe.

12Worri ergamellee dhufanii waan Naabaal jedhe Daawititti himan.

13Daawiti «Amma isin maruu guraadee keessan hidhadhaa'a!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; Daawitillee guraadee hidhatee achii worra mi'a eegan namoota dhibba lamaa hambisee namoonni dhibba afurii deemsaaf ka'an.

14Hojjattoota Naabaalii keessaa namni tokko gara haadha manaa isaa gara Abigiya'aa dhaqee «Daawiti lafa gammoojji'ii keessaa namoota ergee gooftaa keenna nagaya gaafatan; gooftaan keenna garuu isaan ari'e.

15Jarri sun nu'uuf worra mimmishaa turan; nu hin tundhe; hennaa isaan woliin jiraannu maraa wonti tokkollee nu jalaa hin banne; isaan woliin hennaa bosona keessa jirru maraa womaa nu jalaa hin hanne.

16Isaan bara nu isaan woliin hoolota keenna tiffata'aa turre maraa guyya'aa fi halkanillee naannoo keennatti dallaya nuu ta'an.

17Amma ammo gooftaa keenna irratti, maatii isaa maraa irrattillee wonti hamaan akka dhufu murtiin murteeffameera; inni nama waan tokkoof garaa hin laafne waan ta'eef namni tokkollee isatti hin dubbatu; ati waan kana beeki; waan godhuu barbaadde akka gootu yaadadhu!» jedhe.

18Abigiyaanillee ariiti'iin buddeena dhibba lamaa, daadhii woyini'ii waabaa lamaa hoolota qalmaaf qophaayan shan, qorsoo iifii soddomii torbaa, xoroshoo ija woyini'ii dhibba tokkoo fi xoroshoo muka hurbu'uu dhibba lama fuutee harriinitti feete.

19Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin «Ani isin faanaa deemaa isin ana afoo deemaa'a» jette; abbaa manaa ufii Naabaalitti ammo hin himne.

20Uduu isiin harree yaabbattee karaa mammaramaa keessa deema'aartu Daawitii fi namoonni isaa gara isi'ii gad dhufan; isiinillee isaan wolitti dhufte.

21Daawiti onnee ufii keessatti akkana jedha'aa ture, «Ani horii namicha kanaa keessaa tokkollee akka hin banneetti lafa gammoojji'ii keessatti eeguun kiyya dhugama; horii isaa gammoojjii keessatti akkanumaan tissee! inni bikka mishummaa kiyyaa waan hamaa naa deebise.

22Uduu lafti hin bariine namoota isaa maraa keessaa dhiira maraa yoo ani hin ajjeefne Rabbi na haa ajjeesu!» jedhe.

23Abigiyaanillee hennaa Daawitiin argite ariiti'iin harree irraa buutee Daawitiin jalatti gad jette.

24Miila kophee isaa irratti kuftee «Gooftaa kiyya! ani yakkamtuu yoo ta'ellee yabo'oo ani garbittiin tee sitti himadhaa na dhagayi!

25Ani garbittiin tee dargaggeeyyii ati gooftaan kiyya ergite hin argine; Naabaal akkuma maqaa isaa gowwa'a; ati namicha kanatti hin aarin;

26gooftaa kiyya! maqaa Rabbii jiraata'aatiin sii kakadhaa akka ati diintota kee ajjeeftee haluu hin baane ka si dhoogge Rabbi; ammallee diintonni keetii fi worri si gooftaa kiyya irratti waan hamaa yaadan akka Naabaalii haa ta'an.

27Kennaan ani garbittiin tee si'ii gooftaa kiyyaa dhiyeesse kun hojjattoota keetitti haa kennamuu.

28Gooftaa kiyya! ati lola Rabbii waan loltuuf Rabbi dhugamaan mootummaa kee hin jabeessaa bara jireenna keetii maraa hammeenni si biratti hin argamin; yabo'oo cubbuu kiyya ka garbittii teetii dhiisiif.

29Namni si miidhu'uu fi si ajjeesu'uuf yoo yaadellee Rabbi lubbuu tee nagayaan jiraachisa; lubbuun diintota keetii ammo akka namni dhagaa furaanfurrisaan darbuutitti darbamti.

30Akkuma Rabbi abdii sii kennee waan mishaa maraa sii godhe, mootummaa Israa'elii irra si kaaya.

31Kun yaada garaa gooftaa kiyyaa ka gufachiise waan hin taaneef dhiiga dhangalaasu'uun yookaan haluu baafachu'uun hin ta'u; Rabbi gooftaa kiyyaaf yoo waan mishaa godhe ana garbittii tee yaadadhu» jette.

32Daawiti Abigiya'aan «Rabbi Waandhi Israa'elii ka gara kiyya si erge haa galatoomu!

33Guyyaa adhaa dhiiga jissu'uuf haluu baafachuu irraallee na oolchiteertaa ati eebbifami.

34Uduu ati ija keessa na dhufuu baattee dhugaa Waaqa Israa'elii silaa haga boru ganamaatitti ilmaan Naabaalii keessaa dhiira tokkollee uduu hin hambifne ajjeesa» jedhe.

35Daawiti waan isiin isaa fidde harkaa fudhatee «Ani dubbii kee dhageeffadhee waan ati na kadhattellee sii kenneera; nagayaan gara mana keetii deebi'i» jedheen.

36Abigiyaan deebitee gara Naabaalii dhufte; Naabaal fiixaa ufiitii nyaachisa mana mooti'ii keessatti qopheesse nyaata'aa dhuga'aara; waan machaayeef garaa ufii keessatti gammada'aa ture; kanaaf haga lafti bari'utti isiin waan tokkollee isatti hin himne.

37Ganama haga machiin irraa bade Abigiyaan haati manaa isaa dubbii kana isatti himte; inni waan nayeef onneen isaa qabbanooftee akka dhaga'aa taate.

38Guyyaa kudhaniin maayessa Rabbi Naabaaliin hin qoome.

39Daawiti akka Naabaal du'e haga dhagaye «Waan inni na arrabseef Rabbi Naabaaliin waan haluu naa baaseef ani ammo akka isa hin ajjeefne waan na dhooggeef galanni isa haa gawu; inni waan hammeenna isaatiif isa adabe; achiin maayessa Daawiti gara Abigiya'aa namoota ergee akka isii fuudhu'uuf ta'u itti himaa'a» jedhe.

40Ergamtoonnillee hulee isiin jirtu gara Qarmeloosii deemanii «Daawiti si fuudhuu barbaadee gara kee nu ergeera» jedhanii isi'itti himan.

41Abigiyaan kaatee gad jetteefii, «Kunoo ani garbittiin teessan luka garboota Daawitii dhiqu'uuf as jira» jette.

42Ariifattee kaatee harree yaabbattee dubartoota worra isi'ii hojjatan shan fudhattee namoota Daawiti ergate faanaa deemtee haadha manaa taateef.

43Achiin dura Daawiti Akinaahoomii dubartii biyya Iyiziraa'elii fuudhee ture; isaan lachuu haadha manaa ta'aniif.

44Saa'ol ammo ufii Milkooliin ta Daawiti fuudhe jalaa baasee Faliixii ilma Leesa'aa nama qachaa Galiimiititti heerumsiise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help