1Ani Rabbiin hedadhe;
Isin attamitti, «Akka simbiraa gara gaaraa dheessi!» naan jettan?
2Ammallee maaf akkana naan jettan?
«Kunoo hammeeyyiin eboo mirmirfataniiran;
garaa nama qajeela'aa dukkanaan iddu'uuf;
buundhee ufii itti qajeelchaniiran.
3Hundeen yoo diiggame
balchaan maal godhuu danda'a?
4Rabbi mana woyyuu ufii keessa jira;
teessoon isaa sami'i;
ijji isaa nama maraa laalti;
nyaarri isaa ilmaan namaa qora.
5Rabbi balcha'aa fi cubbamaa hin qora;
inni worra diddaa jaalatu garuu hin jibba.
6Inni hammeeyyii irratti barbadaa ibiddaatii fi dhagaa roobsa;
hireen mijuu isaanii haboonbolattii nama gubu.
7Rabbi waan balchaa ta'eef
hujii balchaa jaalata;
qajeellonni fuula isaa argan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.