1Biyya «Uuzi» jedhamu keessa nama maqaan isaa «Iyyoob» jedhamu tokkotu ture; Inni qajeelaa mudaa hin qabne ka Rabbiin sodaatuu fi ka hamaa irraa fagaate ture.
2Dhiira torbaa fi intala sadihi qaba.
3Qabeenni isaa hoolota kuma torba, gaallan kuma sadihi, qotilee morma dhibba shanii fi harriin dhaltuu dhibba shan qaba; hojjattoota baay'ee qaba; namni kun namoota gara baya biiftu'uu jiran caalaa nama dureessa guddaa ture.
4Ijoolleen isaa ta dhiiraa kore kore'een deema'aa mana obboleeyyan ufii dhaqa'aa nyaata'aa dhuga'aa turan. Obboleeyyan intalaa sadiinillee akka isaan woliin deema'aa nyaata'aa dhugan nama erga'aa isaan waamsisa'aa turan.
5Guyyoonni affeerra'aa haga lufaniin maayessa «maal laataa Iyyoob ijoolleen tiyya Rabbiin yakkanii, garaa ufii keessattillee arrabsinnuunii» jedhee nama erga'aa isaan woyyoomsa'aa ture; Iyyoob ganamaan ka'ee akkuma laakkobsa isaaniitiin ciincaa gubamu dhiyeesse; Iyyoob hennaa maraa akkasuma godha.
6Gaaf tokko akkana ta'e, Maleekkonni Rabbii afoo Rabbii dhaabachu'uuf dhufan. Seexannillee dhufee jidduu isaanii dhaabate. Ser. Uma. 6:2
7Rabbillee Seexanaan «garamii dhufte?» jedheen.
Seexannillee «ardii maraa keessa asii fi achi naannayee isii keessa deddeeme» jedhee Rabbii deebise.
8Rabbi Seexanaan «Garbichuma kiyya Iyyoobiin argitee? lafa irra namni akka isaa qajeela'aa fi mudaa irraa fagaate fayyaalessi Rabbiin sodaatu ka hamaa irraa fagaate hin jiru.» jedheen.
9Seexannillee Rabbiin akkana jedhe, «Dhugamaan Iyyoob wonti Rabbiin sodaatuuf akkanumaanii? Mudh. Yoh. 12:10
10Isaa fi mana isaa, waan naannoo isaa jiru maraa Ati hin dalloofneefii? hujii harka isaa eebbifteertaaf; horiinillee lafa irratti baay'ateeraaf.
11Garuu harka kee diriirsitee waan inni qabu maraa uduu jalaa balleessitee; dhugamaan inni addaatama si arrabsa» jedhee deebiseef.
12Rabbi Seexanaan, «Kunoo wonti inni qabu maruu harka kee keessa jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin» jedheen. Kanaan maayessa Seexannillee Rabbiin afo'oo bayee deeme.
Dhuma Ijoollee Iyyoobiitii Fi Qabeenna Isaa13Gaaf tokko akkana ta'e, ijoolleen Iyyoobii ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa ufii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan.
14Guyyama san ergamaan tokko gara Iyyoobii dhufee akkana jedheen; «sangoota qambarree qota'aa turre; harriinillee raasaa nu ladda jiru dheeda'aa turan.
15Namoonni Saaba'aa dhufanii balaa buusanii waan maraa saamanii fudhatan; garboota tee maraa guraade'een fixan; ana calla'atu dheessee waan ta'e sitti himu'uuf dhufe»
16Uduma inni kana hima'aaru ka biraa dhufee akkana jedheen «ibiddi Rabbii samii irraa bu'ee hoolotaa fi worra tisse'eellee gubee fixe, ani callaan waan hafeef kana sitti himu'uuf dhufe.»
17Uduu inni dubbatee hin findhe ergamaan biraa dhufee, «Kalaadaawoonni bakka sadihitti qoodamanii gaallan irratti balaa buusanii fudhatan; daa'immanillee guraadee qarameen ajjeesan; anuma calla'atu jalaa bayee kana sitti himu'uuf dhufe» jedheen.
18Uduma inni dubbata'aaru ammallee ergamaan biraa dhufee, «Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa isaanii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan;
19dimmaa bubbeen lafa gammoojji'iitii dhufee roga arfan manaa dhayee; ijoollee irratti jige, isaanillee hin du'an; ana calla'atu jalaa dheessee bayee kana sitti himu'uuf dhufe.» jedheen.
20Waan kanniin amaraan maayessa Iyyoob gadda'aa lafaa ka'ee woyaa uffateeru tarsaase; mataa ufii hin haadate; lafatti kufee sagadee akkana jedhe,
21«qullaa garaa haadha tiyyaa keessaa bayeera; qullama gara biyye'ee deebi'a; Rabbi naa kenne; Rabbi hin fudhate maqaan Rabbii haa eebbifamu!» jedhe.
22Waan kana maraan Iyyoob Rabbiin hin yakkine; Rabbitti dubbii hamaa hin dubbanne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.