Gara Worra Qorontoosii 2ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Hu. Er. 18:1; Qor. 1ffaa 1:1; 16:10; Filph. 1:1 Phaawuloos ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtu akkasuma woyyoota guutuu Akaayiyyaa keessa jiran maraaf.

2Rom. 1:7; Qor. 1ffaa 1:3; Gal. 1:3 Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u.

Phaawuloos Rabbiin Galatoonfate

3 Rom. 15:5; Efe. 1:3; Phex. 1ffaa 1:3 Abbaan gara laafumma'aa fi Waandhi jajjabeenna maraa ta'e Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.

47:6; Far. 94:19 Inni rakkinna keenna maraa keessatti nu jajjabeessa. Kanaafuu jajjabeenni nu Rabbiin jajjabaannu worra rakkinna keessa jiran maraa jajjabeessuu hin dandeenna.

5Qol. 1:24; Far. 34:19 Rakkinni Kiristoosii nu irratti akka guddate akkasuma jajjabaachuun karaa Kiristoosiitiin waan nuu baay'atuuf.

64:8-11,15,17 Haa ta'uu ammo rakkinni yoo nu irra gaye waan isin jabaattanii dhaabattaniif, waan fayyuu keessaniitiif, yoo jajjabaannellee nu akkasuma rakkinni rakkannu waan isin dhaabattanii fi jajjabaattaniif.

7Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Akkuma rakkinna keenna qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammo akka qoodamtan waan beennuuf.

8Hu. Er. 19:23-40; Qor. 1ffaa 15:32 Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna rakkinna keenna akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.

9Dhugamaan akka waan murtiin du'aa nutti murtaayeetitti nutti dhagayame; kunillee ka ta'e, Rabbii worra du'an du'aa kaasu akka abdannuuf malee akka uf abdannuufii miti.

10Xim. 2ffaa 4:18 Innillee du'a hagana gayu keessaa nu hambise; nu hambisalle'e;

11isinillee ammo akkasuma waan keenna Rabbiin kadhata'aa nu woliin taatanii yoo nu gargaartan karaa namoota hedduutiin kennaa badhaadhumma'aa ka nuu kennameef hedduun isaanii waan keennaaf akka galatoonfatan duranallee akkasuma akka nu fayyisuuf isa abdii godhanneerra.

Phaawuloos Karoora Ufii Jijjiire

12 2:17; Qor. 1ffaa 1:17; 2:4,13; Hu. Er. 23:1; 24:16; Xim. 2ffaa 1:3; Ibr. 13:18 Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef ogummaa fooniitiinii miti; badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa calla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.

13Waan dubbiftanii fi waan qaabattaniin ala waan biraa waan isinii hin barreessineef, guyyaa gaafa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii,

14isinillee worra nuun boonu akka taatan, nullee akkasuma worra isiniin boonu akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.

15Kanatti abdadhee, lammeessoo akka badhaadha argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera.

16Hu. Er. 19:21; Qor. 1ffaa 16:5-6 Isin keessaa bayee gara Maqedooniya'aa akka deemu, akkasuma Maqedooniya'aa gara keessan dhufee gara Yihuuda'aa hennaa deemu waan imala kiyyaatiif akka na gargaartan yaade.

175:16; Mat. 5:37; Yaq. 5:12 Eeganaa hennaa kana yaadee karoorfadhu akka waan salpha'aatitti karoorfadhee? yookaan nama yaada lamaa isaanitti fakkaadhaa? Yookaan akka aadaa namoota adunyaa kanaatiin «Ee» yookaan «Wa'a» jedha'aa waan godhe seetanii?

18Qor. 1ffaa 1:9 Rabbi ammo amanama'a, dubbiin isinitti dubbadhu Ee, wa'a fi hin ta'u'u.

19Hu. Er. 18:5; Tas. 1ffaa 1:1 Nu'u dubbii naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, «Eeyi'ii fi wa'aa» hin turre. Haa ta'uu ammo isaan Eeyiin ta'eera.

20Mudh. Yoh. 3:14 Dubbiin abdi'iin ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan.

21Yoh. 1ffaa 2:27 Nuu fi isin Kiristoosiin woliin akka dhaabannu ka nu dibe Rabbi.

225:5; Rom. 8:16; Efe. 1:13-14 Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa.

23 11:31; 12:20-21 Ani ammo garaa isinii laafu'uuf jedhee deebi'ee gara Qorontoosii akka hin dhufne lubbuu tiyya irratti Rabbiin ragaa waama.

244:5; Phex. 1ffaa 5:3 Nu worra gammachuu keessaniif isin woliin hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help