Kitaaba Iyyoobii 32 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Eelihu'uu

1Iyyoob, «Ani nama qajeela'a» jedhee waan yaada ufii irra dhaabateef namoonni sadiinuu dubbachuu dhiisan.

2Elihuun gosa Kaaraamii Buuzaawichi ilma Baarki'eelii Rabbiin caalaa waan qajeelaa uf godheeruuf guddisee aaree Iyyoobiin lole.

3Waan Iyyoobiin irratti murteessisiisu deebii gayaa waan hin arganneef Eelihu goshoota ufii sadiiniinillee hin lole.

4Eelihu umuri'iin kaawwanii gadi waan ta'eef marti isaaniituu haga dubbatanii fixaniif koree ufiititti Iyyoobiin woliin dubbatu'uuf eega'aa ture.

5Eelihu afaan namoota sadiin kanniinii keessaa deebii haga dhabe guddisee aaree lole.

6Ilmi Buuzaawicha Baarki'eelii Eelihu akkana jedhee dubbate

«Ani umuri'iin diqqa'a; isin garuu jaarsota;

kanaaf sodaadhee beekkumsa kiyya ibsuu hin dandeenne.

7‹Dura jaarsonni haa dubbatanii;

ogummaa bara dheeraa argatan haa barsiisanii› jedhee ture.

8Garuu nama keessa bulee ka ogummaa namaa kennu

Hafuura Rabbiiti.

9Jaaruun ogummaa namaa hin kennu;

waan sirrii ta'e hubachu'uuf ka isaan gargaaru baay'inna umuri'iitii miti.

10Kanaafuu na dhagayaa'a;

anillee yaada kiyya isinii ibsaa,

11«Ani dubbii keessan haga isin dubbattanii

raawwattaniif obsaan isin eege.

waan isin jecha bareechisa'aa dubbata'aa turtan sirri'itti isin dhagaye.

12Akkasuma ani qalbi'iin isin caqase;

kunoo isin keessaa namni Iyyoobiin ‹ati sirrii hin jirtu› jedheen;

yookaan ka dubbii isaatiif deebii kenne hin jiru.

13Isin «nu ogummaa arganneerra;

nama uduu hin ta'in Rabbi haa mooyatu» hin jedhinaa'a.

14Inni garuu dubbii ufii natti hin dubbanne;

anillee akka isin dubbattanitti isaa hin deebisu.

15«Isaan hin nayan,

womaa hin deebifne

waan dubbatan dhaban.

16Eega isaan hin dubbanne

sababa waan deebisan dhabanii dhaabataniif

ani obsaan isaan eeguu na barbaachisaa ree?

17Anillee waan dubbadhu qaba;

waan beekullee hin ibsa.

18Ani waan dubbadhu qaba;

Hafuurri na keessa jirullee na tuttuqa.

19Garaan kiyya dhoowu'uuf

akka qalqala haarawa daadhii woyini'ii bokokeera.

20Diqqoo akka naa bayu hin dubbadha;

afaan kiyya banadhee deebisa.

21Ani fuula laalee nama wol hin caalchisu

eennuunillee hin shelu.

22Ani nama shela'aa dubbachuu hin beeku.

uduu waan akkas godhu ta'ee

silaa uumaan kiyya dafee na adaba ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help