Raajii Isaayyaasii 8 - Kitaaba Woyyuu

Ilmi Isaayyaasii Boojuu Bani'iitiif Malkata Ta'e

1Rabbi akkana naan jedhe, «Gabatee guddaa fudhadhuutii ‹Maahir-Shaalal- Hash- Baaz› jedhii qubee mudhatuun irratti barreessi»

2Gadicha Uuriya'aa fi Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu ragoota amanmtoota akka naa ta'an godhi»

3Ani haadha manaa tiyya raattittii bira gaye; isiin hin ulfoofte; ilma dhiiraa deette; Rabbi akkana naan jedhe, maqaa «Maahir-Shaalal-Hash-Baaz jedhii itti moggaasi;

4Daa'imni uduu ‹Aabba; yookaan Aayya› jedhee waamuu hin dandeenneen dura qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaari'ya'aa mootii Asooriitiin fudhatama»

Akkaataa Mootiin Asoorii Itti Mooyeen

5Rabbi ammallee akkana jedhee

natti dubbate;

6«Baniin kun burqaa Saalihoomii ka cadhisee yaa'u dhiisanii

ilma Roomeeliyu'uutii fi

Resiinitti waan gammadaniif,

7Kanaafuu Gooftaan

bisaan lola'aa jaba'aa fi

guddaa;

mootii Asoorii hunnaa fi gaachenuma isaa woliin

isaanitti fida;

bisaan boyii irra gara galee

lafa daangaa lagaa maraa irra cambalaqa.

8Hara'aa gara Yihuuda'aa bu'a;

cambalaqa'aa lufa;

haga mormaa gaya;

Amaanu'eel!

Koolli diriire lafa kee

daanga'aa haga daanga'aa eega»

9Isin worri Yihuudii hin taane, dhaadadhaa'a;

garuu hin dhumtan;

worri biyya fagoo jirtan dhagayaa'a;

lolaafillee qophaayaa'a; garuu hin dhumtan;

lolaafillee qophaayaa'a; garuu hin dhumtan;

10mari'adhaa'a; garuu hin milkooftan;

waan Rabbi nu woliin ta'eef;

akeenni isin baafattan isinii hin ta'u.

Rabbi Akka Raattichi Uf Eeggatu Godhe

11Rabbi harka ufii jabaa na irra godhee karaa namoota kanniinii akka hin deemne na seere;

12«Waan namoonni kunniin ‹mala hammeennaati› jedhanii waaman;

waan maraa ‹mala hammeennaati› hin jedhinaa'a

waan isaan sodaatan hin sodaatinaa'a;

hin raafamina'aaf.

13Ka woyyoomfachuu isin barbaachisu

Ana Rabbii Gooftaa banii maraa calla'a;

ka sodaachuu isin barbaachisu anuma;

ka hollatu'uufii isin barbaachisullee ana.

14Ani mana woyyuu ta'a;

mana Israa'elii lamaaniif ammo

dhagaa gufachiisu

dhagaa qarsa'aa ka nama gufachiisu isaanitti ta'a;

banii Yerusaalemiitiillee

siibo'oo fi sakaallaa ta'a.

15Isaan keessaa heddutu gufata,

hin kufan; hin caban;

siiboo keessa seenan; hin qabaman» naan jedhe.Uf Eeggannoo Namoota Worra Du'an Waamanii Fi Worra Isaanii Moranii Kenname

16Ragaa isaa cufi;

seera isaallee duuka bu'oota kiyya jiddu'utti

chaappeessi.

17Rabbii fuula ufii

mana Yaaqoobii dhoffate eeggadha;

isa abdadha.

18Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kenne Rabbii Gooftaa Israa'elii ka gaara Tsiyoonii irra jiraatuu Israa'elii malkataa fi maalale'e.

19Namoonni yoo «worra wocu, worra hasaasu, worra falfaluu fi worra hafuura hamaa waamu gaafadhaa'a» isiniin jedhan; baniin Waaqa ufii gaafatuun hin ta'uufii? bikka jiraattotaa worra du'e waamuun maaf barbaachise?

20Gara seera isaatii fi gara dubbii raga'aa dhaqaa'a! isaan yoo dubbii akkanaa hin dubbannee ifti bariisa'aa isaanii hin iftu.

Hennaa Rakko'oo

21Rakkatanii, beelayanii lafa irra yaantaran; yoo akka hamaa beelayan hin lolan; ol laala'aa Waaqaa fi mootii ufii abaaran;

22Achii gara lafaa laalan; wonti isaan arganillee rakkinna, dukkanaa fi hurrii nama sodaachisu calla'a; gara dukkana jimi'ii gataman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help