1Yoonaas waan kanatti waan hin gammanneef aaree biibbaye;
2akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Yaa Rabbi! ani akka ati waan kana gootu uduu biyya kiyya jiru sitti dubbadhee hin turree? sababaa ani si jalaa dheessee gara Tarsesii deemu'uuf karoorfadheef kanaaf akka ati arjaa'a, ka namaa dhiiftu, ka obsitu, ka araarri kee gudda'aa, ka jaalala bara haga bara baraa qabdu, Waaqa lola dhiiftee namaa araaramtu taate hin beeka ture.
4Rabbillee Yoonaasiin «Hagana mara dheekkamuu si barbaachisaa?» jedheen.
5Yoonaas qachattii keessaa bayee qachatti'iin gara baya biiftu'uutitti daasee ijaaratee gaaddisa isi'ii jala taa'e; achi taa'ee waan Nanawwee irra gawu eega'aa ture.
6Rabbi Waandhi akka Yoonaas aduu jalaa gaaddiseeffatu biqiltuu buqqe'ee tokko baaseefii akka baalli isi'ii mataa isaatii ol ta'u godhe; Yoonaas waan gaaddisa baala buqqe'ee argateef guddisee gammade.
7Garuu Rabbi ganama barii raammoo tokko qopheesse; raammoon sun buqqee san nyaatte; buqqeenillee hin godde.
8Haga aduun bayeen maayessa Rabbi baya biiftu'uutii qilleensa gubu erge; oo'i adu'uu waan mataa isaa gubeef Yoonaas laafee du'a hawwee «Jiraachu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe.
9Rabbillee Yoonaasiin «Ati waan buqqee tanaatiif biibbawuu si barbaachisaa?» jedheen. Yoonaasillee Rabbiin «Dhugamaan biibbawuu na barbaachisa; sirimaa haga du'utti aaruu na barbaachisa!» jedhe.
10Rabbi, «Ati biqiltuu guyyaa tokkotti biqiltee guyyaa tokkotti godde, ta ati ufii hin dhaabnee fi hin guddifnee hagana mara gadditeerta!
11Nanawween qachaa baniin kuma dhibba tokkoo fi diddamaa olii ka misha'aa fi hamaa adda baasuu hin dandeennetu keessa jiraata; isii keessa busaawaa heddutu jira; eeganaa ani qachattii guddoo tanaa silaa garaa laafuu na hin barbaachisuu?» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.