1Bara san bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee,
2Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatame» jedhe.
311:2; Luq. 3:19-20 Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture.
419:9; Ser. Lew. 18:16; 20:21 Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture.
521:26 Heroodiis Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade; gumiin ammo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate.
6Haa ta'uu ammo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbitee Heroodisiin guddiftee gammachiifte.
7Kanaafuu Heroodis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif waadaa gale.
8Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma morma Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette.
9Mootiinillee hin gadde; Haa ta'uu ammo waan dura kakateef namoota isa woliin jiraniif jedhee, morma Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.
10Inni nama gara mana hidha'aatitti ergee, morma Yohaannisii mursiise.
11Morma isaallee muranii qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde.
12Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan.
13Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe.
149:36 Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise.
15Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e; hin dhiiteerti; kanaafuu gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin.
16Yesuus ammo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe.
17Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, womaa asii hin qabnu» jedhaniin.
18Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» isaaniin jedhe.
1915:35-39 Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galatoonfatee xoroshoo caccabsee darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan.
20Mot. 2ffaa 4:43-44 Gumiin martinuu nyaatanii quufanii hambaa irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lama guutuu fuudhan.
21Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin dhiirti callaan kuma shan.
Yesuus Bisaan Irra deeme(Mar. 6:45-52; Yoh. 6:15-21)22Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime.
23Luq. 6:12; 9:18; 18 Yesuus haga gumii geegesseen maayii faateffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte inni hojjuma ufii achi ture.
24Hennaa san yaballi uduu galaana edduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef dambali'iin asii fi achi raafamte.
25Halkan keessa gara iyya lukkuu lammeesso'oo Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe.
26Luq. 24:37 Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan.
27Yesuus ammo hennama san, «Anaa, jabaadhaa'a! hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.
28Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a! yoo si taate gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen.
29Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Kanaafuu Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf bisaan irra deeme.
30Haa ta'uu ammo hennaa hunna bubbe'ee arge sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a! na oolchi!» jedha'aa iyye.
318:26 Yesuus yoma san harka ufii hiixatee isa qabee, «Ati bada nama amantii dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen.
32Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise.
3316:16; Yoh. 1:49 Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif.
Yesuus Gensaareexitti Worra Dhibame Fayyise(Mar. 6:53-56)34Yesuusii fi darasoonni isaa gama ceeyanii lafa Gensaareexi jedhamtu gayan.
35Worri hulee san jiran haga Yesuusiin ta'uu beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan.
369:20-21; Luq. 6:19 Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.