Kitaaba Naahimiya'aa 1 - Kitaaba Woyyuu

Nahimiyaan Waan Yerusaalemiitiif Yaaddaye

1Dubbiin Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa kana.

Arxeeksis biyya Faarisii irratti mooyee woggaa diddameesso'oo ji'a Kaaseeluutitti ani Nahimiyaan qachaa guddoo Suusaa jedhamtu keessa uduu jiru,

2obboleewwan kiyya keessaa ka Ananii jedhamu tokko namoota biraa woliin Yihuuda'aa gara kiyya dhufe. Anillee waan worra fayyanii, waan worra achi jiranii ka boojuu irraa hafanii, waan worra Yihuuda'aatii fi waan worra Yerusaalemii isaan gaafadhe.

3Isaanillee, «Worri boojuu irraa hafan rakkoo gudda'aa fi miidhama keessa jiran, dalloofni Yerusaalemii diiggameera, balballan isi'iillee ibiddaan gubateera.» naan jedhan.

4Ani haga waan kana dhagaye taa'ee booye; guyyoota hedduuf gadda'aa ture, Waaqa Sami'ii afo'otti soomaan kadhata'aa ture.

5Ani akkana jedhe «Yaa Rabbi Waaqa Sami'ii! ati worra si jaalatanii fi worra seera kee eeganiif waada'aa fi araarallee hin eedda; yaa Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a,

6kadhaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa sababaa garboota tee ijoollee Israa'eliitiif kadhadhu gurri kee naa haa dhagayu; ijji teellee naa haa argitu, cubbuu nu'u ijoolleen Israa'elii si irratti hojjanne himadhaa; anii fi manni abbaa kiyyaallee yakkineerra.

7Nu'u si afo'otti waan hamaa guddaa hojjanneerra; seeraa fi ajaja ati garbicha kee Muuse'etti kennite hin eenne.

8Ammallee Yabo'oo dubbii garbicha kee Muuse'etti ‹Yoo yakkitan worra Yihuudii hin taane keessa isin facaasa,Ser. Lew. 26:33

9yoo gara kiyya deebitanii fi ajaja kiyya eeddanii raawwattan garuu isin keessaa namoonni yoo haga daangaa lafaallee faca'an, achii wolitti isaan qaba; gara hulee maqaa kiyya itti kabajjisiisu'uuf filadhee isaan fida.› jettee dubbatte san yaadadhu! Kes. Deb. 30:1-5

10Baniin kunniinillee garboota keetii fi banii kee ka ati hunna gudda'aa fi harka kee jaba'aan oolchite.

11Gooftaa kiyya! kadhaa garbicha keetiitii fi kadhaa garboota maqaa kee sodaatanii dhagayi; yabo'oo adha ana garbicha keetii qajeelchi; garaa mootichaa naa laaffisi.»

Ani hennaa kana nama mooti'iif daadhii kennu ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help