1«Jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageettee ajaja ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee amanamumma'aan yoo raawwatte Rabbi Waandhi kee orma lafa irra jiru maraa caalaa ol si qaba;
2jecha Rabbii Waaqa keetii dhageettee yoo ajajamte eebbi kunniin maruu sii ta'a;
3«Rabbi qachaa keetii fi maasaa keellee hin eebbisa.
4«Rabbi fiixaa kee, sanyii lafa keetii, horii kee, hormaata sa'aa, hormaata hoolaa keetii hin eebbisa.
5«Rabbi koobo'oo fi qalqala kee hin eebbisa.
6«Rabbi bayaa gala kee hin eebbisa.
7«Rabbi Waandhi diintota kee ka si afoo dhaabatan si afo'oo dhaya; karaa tokkoon sitti dhufaniiti karaa torbaan si dheessan.
8«Rabbi eebba ufii si irratti, gootaraa keetii fi hujii harka keetii irrattillee akka bu'u ajajeera; lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu irratti si eebbisa.
9«Ajaja Rabbii Waaqa keetii yoo eeddee karaa isaa irra deemte Rabbi akkuma sii kakate banii isaaf fooyame godhee uf afoo si dhaaba.
10Kanaan maayessa ormi lafa irra jiraatu maruu akka maqaan Rabbii si irratti waamame arganii si sodaatan.
11Rabbi lafa abboota teetii kennu'uuf kakate irratti fiixaa kee, horii keetii fi sanyii lafa keetii irratti eebba ufii buusa.
12Rabbi rooba ufii lafa tee irratti henna'aan sii rooba, hujii harka keetii maraa sii eebbisa, galmee mishaa Sami'ii sii bana; sii rooba kanaaf ati orma baay'e'ee liqeessita; ati garuu eennuun irraallee hin liqeeffattu;
13-14Ajaja Rabbii Waaqa keetii ka ani adha si ajaje kanniin irraa bita'aa fi mirga yoo jechuu baatte, isaanii sagadu'uuf gara waaqa tolfama'aa yoo deebi'uu baatte, Rabbi mataa si taasisa malee duuba si hin taasisu; ati hennaa maraa ol aanaa taata malee gadi aanaa hin taatu.Abaarsa Ajajamuu Didu'uun Dhufu(Ser. Lew. 26:14-46)
15«Garuu jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhagawuu baattee ajajaa fi seera ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee yoo hin raawwanne abaarsi kunniin maruu gara kee dhufa.
16«Ati qachaa keessatti abaaramaa taata; qonni kee hin abaarama.
17«Kooboon keetii fi qalqalti teellee hin abaaramti.
18«Fiixaan kee, sanyii lafa keetii, hormaanni sa'a keetii, hormaanni hoolaa keetiillee hin abaarama.
19«Ati hennaa baatuu fi hennaa galtullee hin abaaramta.
20«Ati waan na dhiifteef waan hammeenna hujii keetiitiif akka jarjartee daddaftee baddu hujii kee ka itti dadhabdee hojjattu maraa irrattuu abaarsa, baqaa fi lola sitti fida.
21Rabbi lafa ati dhaaltee irra jiraattu irraa si balleessu'uuf balaa sitti fida.
58Jechoota seeraa ka kitaaba kana keessatti barreeffaman maraa eeddee yoo hin raawwanne Rabbii Waaqa kee kana ka galatoonfamee fi ka sodaatame maqaa isaa yoo hin sodaanne,
59Rabbi balaa'a, si'ii fi ijoollee tee irrattillee balaa'a, balaa guddaa bara hedduu jiraatuu fi dhukkuba badaa bara hedduu jiraatu sitti fida.
60Dhibee biyya Misirii ka sodaatte maraa deebi'ee sitti fida; innillee sitti dhufa.
61Akkasuma dhibee kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffamne maraa haga ati baddutti Rabbi balaa maraa sitti fida.
62Isin jecha Rabbii Waaqa keessanii waan hin dhageenneef laakkobsi keessan ka akka urjii Sami'iititti baay'ateeru hin diqqaata.
63Akkuma Rabbi hennaa waan mishaa isinii godhu, hennaa isin baay'isu gammade sanitti Rabbi hennaa isin balleessuu fi isin diigullee hin gammada; lafa dhaalu'uuf itti galtan san irraallee hin buqqaatan.
64Rabbi orma daangaa lafaatii haga daangaa lafaa jiruu si bittinneessa; achitti waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne ka mukaa fi dhagaa irraa tolfame waaqeffatta.
65Orma sanniin jiddu'utti hara hin baafattu hulema lukaan irra ijjattullee hin argattu; achitti Rabbi onnee hollattu, ija laaluu hin dandeenne fi dadhabbii sitti fida.
66lubbuu keetiin mamtee halkanii fi guyyaa sodaatta; jireenna keetitti hin amantu.
67Ati waan onnee keetiin sodaattuuf waan yaada ija keetiin argituuf ganama yoom galgalaaya? jetta; galgala ammo yoom naa bari'a? jetta;
68karaa ammaa achi deebitee hin argitu siin jedheen markabaan Rabbi gara biyya Misirii si deebisa; achitti garboota dhiiraatii fi ta intalaa isaanii ta'u'uuf diintota keessanitti uf gurgurattan; garuu ka isin bitu hin argamu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.