Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 21 - Kitaaba Woyyuu

Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yeruusaalemiin Seene(Mar. 11:1-11; Luq. 19:28-40; Yoh. 12:12-19)

1Yesuusii fi darasoonni akkuma Yerusaalemitti dhiyaataniin gaara Ejersaatitti hulee Beetafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge.

2«Gara ganda isin afoo jirtuu dhaqaa'a; achitti harree ilmoo woliin hidhamteertu takka hin argitan; hiika'aa naa fidaa'a.

3Eennullee yoo waa isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin deebisa› jedhaa'a» isaaniin jedhe.

4

Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame!

Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan.

10 Yoh. 12:19 Yesuus hennaa Yerusaalem seene qachaan guutuun raafamee,

«Kun eennu?» jedhan.

11Gumiin isa woliin deema'aaran,

«Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii

ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.

Yesuus mana woyyuu Qulqulleesse(Mar. 11:15-19; Luq. 19:45-48; Yoh. 2:13-22)

12Yesuus gara mana woyyu'uu seenee namoota mana woyyuu keessatti bitatuu fi gurguratu maraa gad yaase; worra birrii sharafuu fi teessoo worra handarii gurguratuullee gara galchee,

13Isa. 56:7; Erm. 7:11 «Manni kiyya ‹mana Rabbiin itti kadhatan jedhama› jedhamee barreeffameera; isin ammo goda shiftootaa gootan» isaaniin jedhe.

14Mana woyyuu keessatti worri ija jaamanii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan; inni isaan fayyise.

15Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godhee fi hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.

16Far. 8:2 Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin.

Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe.

17Achiin maayessa gara qachaa Biitaaniya'aa deemee achi bule.

Muka Hurbu'uu Ta Yesuus Abaare(Mar. 11:12-14,20-24)

18Yesuus ganama barii hennaa gara qacha'aa deebi'u beelayee,

19Luq. 13:6 Karaa irratti muka hurbu'uu argee gara isi'ii goree yoo laalu baala malee womaa irratti hin argine. Achiin maayessa inni hurbuu saniin, «Horomaa deebi'ee sanyiin si irratti hin argamin» jedheen. Yoma san munni hurbu'uu sun goge.

20Darasoonni isaallee kana arganii attamitti yoosuu godde? jedhanii maalalan.

2117:20; Luq. 17:6; Qor. 1ffaa 13:2 Yesuus deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e callaa hin gootan; isin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan hin ta'a.

22Yoo Amanti'iin Rabbiin kadhattan waan Rabbiin kadhattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe.

23Yoh. 2:18; Hu. Er. 4:7 Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.

24Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima.

25Luq. 7:30 Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookaan nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe.

Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha;

26‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan.

27Maarre isaan deebisanii, Yesuusiin, «Nu hin beennu» jedhan.

Yesuusillee, «Baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.

Mammaaka Waan Ilmaan Haadhaa Lamaanii

28Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya! adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen.

29Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; maayessa ammo gaabbee deeme.

30Abbaan gara ilma lammeesso'oollee dhaqee akkasuma jedhe; ilmi lammeesso'oo, ‹Hin dhaqa, abbaa kiyya!› jedhe. Inni garuu hin dhandhe.

31Luq. 3:12; 18:14 Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen.

Isaan, «Hangafticha» jedhan.

Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.

32Luq. 7:29-30 Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe; isin ammo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammo itti amanan. Isin kana argitaniillee aagii galtanii itti hin amanne.

33Isa. 5:1-2 Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka biraa dhagayaa'a! Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qonnaan bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.

34Hennaa woyiniin sun gaye, midhaan fudhachu'uuf hojjattoota ufii gara worra biqiltuu woyini'ii eeganii erge.

35Qonnaan bultoonni isaa sun hojjattoota isaa keessaa nama tokko qabanii dhaanan; kaan hin ajjeesan; kaan ammo dhaga'aan tuman.

36Abbaan maasaa biqiltuu sanii worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan.

37Maayessa ammo, «Ilma kiyya hin kabajjan.» jedhee, Ilma ufii isaanitti erge.

38Qonnaan bultoonni sunniin ammo, Ilma isaa hennaa argan, ‹Ka dhaalu kanaa; koottaa, isa ajjeefnee lafa fudhannaa.› woliin jedhan.

39Ibr. 13:12 Isaan Ilma isaa qabanii biqiltuu woyini'ii keessaa baasanii ajjeesan.

40Eegasuu abbaan biqiltuu woyini'ii sun hennaa dhufe qonnaan bultoota san waan maal godhu seetan?» isaaniin jedhe.

41Isaan deebisanii, «Inni worra hammeeyyii hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa ka hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin.

42 Far. 118:22-23; Hu. Er. 4:11; Rom. 9:33; Phex. 1ffaa 2:6-8 Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti,

‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate,

inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e;

kun Goofta'aan ta'e,

Ija keennaafillee waan baasaati!›

Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?

43 Hu. Er. 13:46 «Kanaaf akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee banii daraaraa godhatuuf kennamti.»

45Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni hennaa mammaaka dhagayan, akka inni waan isaanii dubbata'aaru hubatan.

46Isa qabuu barbaadanii gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii dhiisaniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help