1Halee luyaa!
Rabbiin galatoonfadhaa'a;
maqaa Rabbii jajaa'a;
isin garboonni Rabbii Rabbiin galatoonfadhaa'a.
2Worri mana Rabbii keessa,
balbala mana Waaqaa afoo dhaabattan;
isa galatoonfadhaa'a.
3Rabbi waan arjaa ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a;
waan mishaa ta'eef maqaa isaatii faarfadhaa'a.
4Rabbi Yaaqoobiin ufiif,
Israa'eliin filatee ka ufii taasise.
5Rabbi guddaa akka ta'e,
Waaqa waaqolee tolfamaa maraa caalu akka ta'e waan beekuuf.
6Ardi'ii fi sami'itti galaana xiillaa keessatti
Rabbi waan jaalate maraa hin godha.
7Daangaa lafaatii duumessa fida;
rooba keessa bakakkaa buusa;
qilleensallee hulee ufii kaayee baasa.
8Ijoollee Misirii ta hangaffanii,
nama irraa jalqabee haga hori'ii maraa dhaye.
9Achitti mooticha Fari'oonii fi hojjattoota isaa adabu'uuf
baasaa fi maalalee baay'ee godhe.
10Banii heddu dhaye;
mootota jajjabaa ajjeese.
11Mootii Amoorotaa Seewooniin,
mootii biyya Baasaanii Aagiin,
mootota biyya Kana'aanii maraa ajjeese.
12Lafa isaanii banii ufii Israa'elii kenne.
13Yaa Rabbi! maqaan kee ka bara baraati;
yaa Rabbi dhaloonni maruu si qaabata.
14Rabbi banii ufiitii hin murteessa;
garboota ufiitiillee garaa laafa.
15waaqoleen worra ormaa
birri'ii fi worqii irraa harka namaatiin hojjataman.
16Afaan qaban ammo hin dubbatan;
ija qaban ammo hin argan.
17Gurra qaban ammo hin dhagayan;
afaan isaanii keessa hafuurri hin jiru.
18Worri kana hojjatan,
worri isaan hedatan maruu
akka isaanii haa ta'anii.
19Isin banii Israa'elii!
Rabbiin galatoonfadha'aa!
isin manni Aaroonii Rabbiin galatoonfadhaa'a!
20Isin worri leewwi'ii Rabbiin galatoonfadhaa'a!
isin worri Rabbiin sodaattan isa galatoonfadhaa'a!
21Tsiyooniin keessatti Rabbiin galatoonfadhaa'a!
Yerusaalemiin hulee inni itti argamutti isa galatoonfadhaa'a!
Halee luyaa!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.