Gara Ximootewoosii 1ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Woldeenni Kiristaanaa Itti Waaqeffattu

1-2Eeganaa Rabbiin waaqeffatuu, suutuma, cadhisu'uu fi gad uf qabuu maraan akka jiraannu, Rabbiin kadhachuu, faateffachuu, waan namoota biraatiif Rabbiin kadhachu'uu fi galatoonfachuu, waan moototaatii fi bulchoota maraaf waa maraa dura kunniin akka ta'u gorsa.

3-4Rabbi fayyisaan keenna namoonni maruu akka fayyanii fi dhugaa maraa akka beekan jaalatu afo'otti wonti mishaanii fi ka nama gammachiisu kana.

5Yoh. 17:3; Rom. 3:30; Ibr. 9:15 Rabbi tokkicha; ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e.

6Mat. 20:28; Gal. 1:4; 2:20; Tit. 2:14 Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne.

7Xim. 2ffaa 1:11; Rom. 1:5; Gal. 2:7-9 Anillee waan kanaaf amanti'ii fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame dhugaa dubbadha malee hin sobu.

8 Yaq. 1:6 Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.

9Phex. 1ffaa 3:3-5 Akkasuma ammo intalti uffata ta'u uffachu'uun lash jedhanii qaama ufii haa qandhafanii.

105:10; Tit. 2:3-5 Dubartoonni Rabbiin waaqeffanna jedhan akka ta'utti waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookaan faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin.

11Qor. 1ffaa 14:34-35 Dubartiin ammo waa maraanuu ajajama'aa suutaan haa barattuu.

12Efe. 5:22; Ser. Uma. 3:16 Dubartiin lash jettee haa jiraattuu malee barsiisuu, yookaan dhiira irratti baallii akka qabaattu ani isaanitti hin dhiisu.

13Ser. Uma. 1:27; 2:7,21-22; Qor. 1ffaa 11:8-9 Sababnillee dura Aadamtu uumame; maayessa ammo Heewwantu uumame.

14Ser. Uma. 3:1-6; Qor. 2ffaa 11:3 Ka sobame Aadamii miti, dubartittiin ammo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte.

155:14; Tit. 2:4-5 Haa ta'uu ammo jaalalaa fi amanti'iin, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help