Raajii Hisqeelii 30 - Kitaaba Woyyuu

Rakkoo Biyya Misirii Irra Gayu

1Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate,

2«Ati ilma namaa! waan ani Rabbi sitti mudhisu maraa beessisa'aa raaga kana dubbadhu;

‹Guyyaa saniif aanne'e!› jedha'aa booyiif.

3Guyyaan duumessaa dhiyaateera;

guyyaan kun guyyaa murtii Rabbiiti!

guyyaan kun banii maraaf guyyaa rakkinnaa ta'a.

4Biyya Misiriititti lolatu ka'a;

biyya Itoophiya'aatittillee waan guddisee nama naasisutu ta'a;

namoonni hedduu biyya Misiriititti dhuman;

biyyattiin saamamtee bu'uurri isi'ii hin diiggama.

5«Woraanni sun biyya Itoophiya'aa, biyya Liibiya'aa, banii biyya Liidiya'aa, fuuxii fi banii worra kiyya keessaa dhufan ka Arabaallee hin fixa jedhee natti dubbate.

6Rabbi biyya Migidooniitii jalqabee haga biyya Siwaanii worri biyya Misirii gargaaran woraanaan dhuman; uf jajuun jabeenna biyya Misirii hin salphata; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.

7Biyyattiin biyyoota ona ta'an caalaa ona taati; qachoonni isi'ii maruu qachoota diiggaman caalaa diiggaman.

8Hennaa ani ibidda biyya Misirii gubu qabsiisu akkasuma hunni worra isii gargaaruullee hennaa butute akka ani Rabbiin ta'e beekan.

9Guyyaa san wonti isaan nu irra gaya jedhanii hin mamne worra Itoophiya'aa sodaachisu'uuf ergamtoonni ajaja kiyyaan bayan; isaan sababaa badii biyya Misirii irra gawuun dhugamaan guddisanii sodaatan» jedha.

10Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani akka inni banii biyya Misirii balleessuuf mootii Baabiloonii Naabukadanatsooriin erga.

11Inni loltoota ufii garjabeeyyii qabatee biyyattii balleessu'uuf dhufa; isaan biyya Misirii guraade'een dhayan; biyyattii keessa reeffatu guuta.

12Ani bisaan laga Abbaayii hin gossa; worra biyya Misirii akka baallii namoota hama'aa jalatti kuftu taasisa; kanaafuu baniin ormaa maruu biyyatti sirima balleessan; ani Rabbi waan kana dubbadheera» jedha.

13Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Waaqolee tolfamaa meemfiisiin keessa jiranii fi waaqolee sobaa maraa hin diiga; namni biyya Misirii keessatti bulchaa ta'u hin jiru; ani akka baniin sodaatan godha.

14Ani qachaa Phaaxiroosii ta biyya Misirii keessa gara kibbaatiin jirtu ona taasisa; qacha Tsu'aanii ta gara kaabaatiin jirtullee ibidda qabsiisa; qachaa Teebisiillee itti murteessee adaba.

15Qachaa Peeluusiyaanii ta biyya Misiriitiif kushee taate akka balaan kiyya isii irratti bu'u godha; banii hedduu ta qachaa Teebisii ta kushee biyya Misirii taate akka balaan kiyya guddaan isii irratti bu'u godha; banii hedduu ka Teebisii hin ajjeesa.

16Ani biyya Misiriititti ibidda bobeessa; Peelusiyaan guddiftee hucuucamti; dalloofni dhaga'aa ka Teebisii hin diiggaman; qachaa Meemfiisii rakkoo wol irraa hin cinnetu isii irra gaya.

17Ka'imman qachoota Ooniitii fi Bubaastisii keessatti argaman maruu hin booji'aman.

18Hennaa ani hunna biyya Misirii caccabsee waan isaan ittiin dhaadatan balleessu Xaafinaas dukkanaan golgamti; biyyi Misirii duumessaan golgamti; worri qachoota isi'ii keessa jiraatan hin booji'aman.

19Hennaa ani akkaataa kanaan biyya Misirii adabu akka ani Rabbiin ta'e beekan»

Hunni Mootii Biyya Misirii Caccabe

20Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa torbeesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

21«Ilma namaa! Ani irree biyya Misirii cabseera; ogeessi worqaanaan hidhee isa fayyisu hin jiru; kanaafuu inni ammaa achi jajjabaatee guraadee ol fudhachuu hin danda'u.

22Sababaa kanaaf wonti ani Rabbi Gooftaan jedhu kana; «Ani mootii biyya Misirii lolaan itti ka'eera; kanaafuu harka isaa lamaan ka dura cabee fi ka fayya'aallee deebi'ee cabsu'uuf qophaayeera; akka guraadeen harkaa bu'u godha.

23Worra biyya Misirii bani'ii fi biyyoota gara garaa keessa isaan bittinneessa.

24Akkaataa kanaan ani hunna mootii Baabiloonii jajjabeessee akka inni guraadee kiyya harkatti qabatu godha; hunna mootii biyya Misirii garuu hin caccabsa; inni akka nama madaayee du'uu gayeetitti diina ufii afo'otti woyata.

25Ani mootii biyya Misirii dadhabsiisee mootii Baabiloonii jajjabeessa; hennaa ani guraadee kiyya mootii Baabilooniititti kennee inni mootii biyya Misiriititti bikkatu namni maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan.

26Ani worra Misirii bani'ii fi biyyoota gara garaa keessa isaan bittinneessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beekan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help