1Muuseenillee deemee jecha kana ijoollee Israa'eliitiin;
2«Ani amma umuriin kiyya woggaa dhibbaa fi diddama ta'eera; asiin maayessa bayee galuu hin danda'u; Rabbillee galaana Yoordaanosii kana hin ceetu naan jedheera.Seerri Woggaa Torba Torbaan Haa Dubbifamuu
9Kanaan maayessa Muuseen seera kana katabee gadoota worra ijoollee Leewwotaa worra saanduuqa kaku'uu baadhata'aa turanii fi jaarsota worra Israa'elii marattuu kenne.
10Muuseen akkana jedhee isaan ajaje «Woggaa torbeesso'oo dhuma irratti bara liqaan maruu namaa dhiifamu hennaa ayyaanni daase'ee kabajjamu;
24Muuseen jechoota seeraa kanniin haga kitaabatti katabee raawwateen maayessa;
25worra leewwotaa ka saanduuqa kakuu Rabbii baadhatan akkana jedhee ajaje;
26«Kitaaba seeraa kana fuudha'aatii akka isinitti ragaa ta'u saanduuqa kaku'uu ka Rabbii keessanii bira kaayaa'a.
27Ani dhara keessanii fi mata jabeenna keessan hin beeka uduma ani adha isin woliin jiru isin Rabbiin diddaniirtanii; haga du'een maayessa garuu atta ta'ittu?
28Jecha kana akka isinitti himu Ard'ii fi Samii akka isin irratti rageessisu jaarsota gosa keessanii maraa fi bulchoota keessanillee wolitti naa qabaa'a.
29Haga ani du'een maayessa sirima akka battooftan karaa ani isin ajaje irraa akka gortan ani waan beekuuf hujima harka keessaniitiin Rabbiin akka gaddisiiftan isa afo'otti waan hamaa waan gootaniif bara maayessaa waan hama'atu isin irra gaya.»
Faaruu Muuse'ee30Achiin maayessa Muuseen banii Israa'elii maraa faaruun kun haga gurra isaanii seenutti dubbise.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.