Abboota Murti'ii 19 - Kitaaba Woyyuu

Nama Leewwi'ii Tokkoo Fi Ta Inni Mata Gala Itti Galu

1Bara san hennaa worri Israa'elii mootii hin qabne, nama Leewwi'ii ka biyya Efreemii ka gaara gamaa jiraatu tokkotu ture; inni biyya Yihuudaa Beetaliheemii keessaa ta mata gala itti galu takka fuudhe.

2Ta inni fuudhe sun jalaa seebartee, isa dhiiftee gara mana abbaa ufii gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaxxee ji'a afurii achi teette.

3Abbaan worraa ka isii fuudhellee diqqoo turee gara mana abbaa isi'ii dhaqee isii fudhachu'uuf murteeffate; hennaa achi deemu tajaajilaa ufiitii fi harriin lamaa qabatee deeme; hennaa achi gaye mucattiin isa reebbattee mana seensifte; abbaan mucatti'iillee hennaa isa arge guddisee gammadee isa simate.

4Akka haga guyyaa sadihii achi bulu godhe; nyaata'aa, dhuga'aa achuma turan.

5Guyyaa arfeesso'ootitti ganama ka'anii deemu'uuf qophaayan; abbaan mucatti'ii soddaa ufiitiin, «Akka jabaattu, dura midhaan nyaadhu! achiin maayessa hin deemtaa» jedheen.

6Kanaafuu namoonni lamaanuu taa'anii woliin nyaatanii dhugan; abbaan mucatti'ii namicha gosa Leewwi'ii saniin, «Yabo'oo adhallee gammadii asuma buli» jedheen.

7Soddaan hin dhooggeen; inni garuu deemu'uuf ka'e; inni isa dhoogginaan achuma bule.

8Guyyaa shaneesso'ootitti deemu'uuf ganamaan ka'e, abbaan mucatti'ii garuu, «Yabo'oo waa nyaadhu t aduun sii haa qabbanooftuu» jedheen; kanaafuu namoonni lachuu woliin nyaatan.

9Namichi gosa Leewwi'ii, ta inni mata gala itti galuu fi tajaajilaan isaa deemsaaf hennaa ka'an abbaan mucatti'ii, «Laalaa'a! kunoo amma lafti galgalaaye, lafti waan isinitti halkanaawuuf edana asuma buluu isinii woyya boru ganamaan kaatanii deemtanii» isaaniin jedhe.

10Namichi Leewwi'ii sun garuu halkan san achi buluu hin barbaanne; kanaafuu achii ka'ee harriin fe'a'aa lamaanii fi ta inni mata gala itti galu woliin deemanii Iyyaabuusii qachaa Yerusaalemiin ladda jirtuu gayan.

11Hennaa Iyyaabuusiin gayan waan isaanitti halkanaayeef tajaajilaan isaa gooftaa ufiitiin, «Koottaa gara qachatti Iyyaabuusii gorree achi haa bulluu» jedheen.

12Gooftichi isaallee, «Gara qachaa gosa Israa'elii hin taanee hin gorruu, gara Gibi'a'aa haa lufnuu» jedheen.

13Inni garbicha ufiitiin, «Qachoota kanniin keessaa gara qachaa takkaa Gibi'aa yookaan Raamaa keessa haa bulluu» jedheen.

14Karaa qabatanii deemanii qachattii gosa Biiniyaamii bira yoo gayan aduun isaanitti dhiite.

15Gibi'aa keessa seenanii achi bulu'uuf goran; haga inni qachattii keessa seene namni isa bulchu'uuf isa simate waan hin jirreef qachattii afoo taa'an.

16Uduma isaan achi taa'a'aaran jaarsi tokko lafa qotata'aa oolee gara galgalaa isaanitti dhufe; namichi kun nama biyya gaaraa ka Efreemiitii keessummummaa dhufee achi taa'a'aaru; namoonni biyya sanii garuu namoota gosa Biiniyaamiiti.

17Jaarsi sun ol jedhee namicha karaa deemu afoo qachatti'iititti argee, «Eessa dhaqa'aarta? eessaa dhuftelle'e?» jedheen.

18Namichi gosa Leewwi'iillee akkana jedhee deebiseef, «Nu'u Yihuudaa Beetaliheemii irraa gara biyya gaaraa ka Efreemii lufa'aarra; ani achii dhufe gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaqee ture; amma gara mana Rabbii dhaqa nama mana ufii nu bulchu dhabe.

19Nu'u harriin teennaa okayaa fi buraa qabna, na'aa fi garbittii teetii akkasuma garbicha kiyyaa fi ufiillee buddeenaa fi daadhii woyini'ii qabna; waan nu barbaachisu maraa hin qabna womaa hin dhabne» jedheen.

20Jaarsichi, «Nageenni siif haa ta'u! waan ati barbaaddu maraa ani sii kennaa ati garuu diida hin bulin» jedheen.

21Kanaaf mana ufii isaan seensisee harriin isaatiillee okaya buuseefii isaanillee luka dhiqatanii nyaatanii dhugan.

22Uduma isaan akkanatti gammada'aaran worri adaba hin qabne ka qachaa keessa jiran dhufanii mana isaan keessa jiran san marsanii balbala tuttuma'aa jaarsicha abbaa mana saniitiin, «Nama mana kee seene hin fafeessinaa gad nuu baasi» jedhaniin.

23Jaarsichi abbaan manaallee isaanitti gad bayee, «Obboloowwan tiyya! yabo'oo waan hamaa akkanaa kana hin godhinaa'a; namni kun waan mana kiyya seeneef cubbuu akkanaa kana isa irratti hin hojjatinaa'a;

24Mucattiin tiyya ta durbaatii fi ta inni mata gala itti galu kunoo mana jiranii, ani gad isinii baasaa isaan salphisa'aatii waan barbaaddan isaan irratti godhaa'a, garuu nama kana irratti cubbuu akkanaa kana hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.Ser. Uma. 19:5-8

25Namoonni sunniin garuu waan inni isaaniin jedhe jalaa dhagawuu didan, namichillee ta inni mata gala itti galu gad baaseefii jennaan isaan bira gayanii haga lafti bariituu koro koroo isii irratti seebaranii lafti gagaarrannaan gad isii dhiisan.

26Intalattiin sun ganamaan gara mana gooftaan isi'ii jiruu dhuftee balbala isaatitti kuftee haga lafti bari'uu achumatti hafte.

27Bariisaa san abbaan worraa isi'ii deemu'uuf hennaa balbala banatu, isiin akkuma harka ufii gara manaa deebiftee badhifteen ka kufteertu argee,

28«Ka'i hin deemnaa!» jedheen; isiin garuu waan duuteertuuf isa hin dhageenne; hennaa san reeffa isi'ii harre'etti fe'ee gara hulee dhaqa'aaruu deeme.

29Haga mana ufiititti gale reeffa ta mata gala itti galee billawa fudhatee hulee lafeen itti wol gawu hulee kudha lamatti kukkutee gara biyya Israa'elii marattuu erge.Sam. 1ffaa 11:7

30Achiin maayessa «Worri Israa'elii ka waan kana arge maruu, urga biyya Misiriitii baanee jalqabee wonti akkanaa kun sirima ta'ee hin beeku, wonti akkanaa kun hin argamnelle'e waan kana itti yaadaa'a, mari'adha'alle'e» woliin jedha'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help