1Namni Rabbii Muuseen uduu hin duuneen dura eebbi inni ijoollee Israa'elii eebbise kana;
2Muuseen akkana jedhe;
«Rabbi gaara Siina'aa irraa dhufe,
Seeyiritti mudhate;
gaara faaraanii irraa isaanii ibse;
isa woliin maleekkota kumaatamatu ture;
mirga isaatiin arraba ibiddaatitu ture.
3Rabbi dhugamaan banii ufii hin jaalata;
woyyoota ufii maraa hin eega;
isaanillee miila isaa jalatti jilbiiffatanii sagadaniif;
dubbii keellee hin fudhatan.
4Seera Muuseen kenne ka dhaala isaanii ta'e,
baniin Israa'elii hin eegan.
5Gofti isaaniitii fi bulchoonni isaanii hennaa wol gayan
Rabbi banii Israa'elii irratti mooye.
6Muuseen waan gosa Roobeelii akkana jedhe;
«Gooftaa kiyya! laakkobsi gosa Roobeelii yoma diqqaatellee
gofti Roobeelii haa jiraatuu malee hin du'in»
7Waan gosa Yihuuda'aatiif akkana jedhe
«Rabbii kiyya! iyya gosa Yihuuda'aa dhagayi;
gosoota biraa woliinillee akka wol ta'an godhi;
akka diina uf irraa dhooggan hunna jabaa isaanii kenni;
hennaa diina ufiitiin lolan isaan gargaari.
8Waan gosa Leewwi'ii akkana jedhe,
Gooftaa kiyya! karaa Tumiimiitii fi Uuriimiitiin,
bisaan Maasa'aatii fi Mariiba'aa biratti worra mormitee isaan qorte
garboota tee worra Leewwotaatitti fedhii kee ibsi.
9Isaan siif jedhanii worra ufii irraanfataniiran;
fira ufii irraallee gargar bayaniiran;
ijoollee ufiillee dhiisaniiran;
jecha keellee kabajjaniiran;
waadaa keellee eeganiiran.
10Murtii kee Yaaqoobiif,
seera keellee worra Israa'elii barsiisan.
si afo'otti hixaana,
hulee ciinca'aa keetitti ciincaa
ciincawu dhiyeessan.
11Waandhana! qabeenna isaanii eebbisi;
hujii harka isaaniillee fudhadhuuf;
Worra isatti ka'u mudhii isaanii woraani;
worra isa jibban lammata akka hin kaane godhi!»
12Waan Biiniyaamiillee akkana jedhe,
«Namni Rabbi jaalate isa hedatee jiraata;
Waandhi guddaan guyyaa maraa isa eega;
eeddoo Rabbii jala jiraata.»
13Waan Yooseefiillee akkana jedhe
«Rabbi rooba gubba'aa roobuun,
bisaan gad qilee keessaa argamuun
lafa isaanii haa eebbisu.
14Akkasuma lafti isaanii daraaraa filatamaa;
adu'uun bilchaateen ta guuttamte haa taatu;
hennaa maraa oomisha baay'ee haa kennitu.
15Akkasuma gaarri isaaniitii fi
gooddi isaanii oomisha filatama'aan ka durooman haa ta'an.
16Lafti isaanii waan mishaa maraan haa guuttamtu;
Waaqa saatoo gubatu keessaan mudhate biraa badhaani isaaf haa baay'atu.
Eebbi kunniin maruu gosa Yooseefii bira haa gawu; inni waan obboleewwan ufii keessatti adda ta'eef.
17Gaachenni Yooseefii akka kormaa sodaachiisa;
gaafni isaa akka gaafa gafarsaa jabeeyyi'i;
isaaniin orma woraana;
haga daangaa lafaa isaan ari'a;
kumni kudhanii ka Efreemiitii fi kumni kudhanii ka Minaase'eellee akkasuma ture.
18Waan Zaabilooniitii fi gosa Yisaakoorii akkana jedhe;
«Zaabiloon yoo markabaan deemtu gammadi;
Yisaakoorillee daasee kee keessa taa'ii gammadi.
19Orma gara gaaraa waamee,
achitti ciincaa sirrii ta'e dhiyeessan;
qabeenna galaana keessaa,
qabeenna dhokataa xidhacha keessatti kuufame argatan.»
20Waan gosa Gaadii akkana jedhe;
«Rabbii daangaa Gaadii badhise galanni haa gawu;
Gaad akka leenca irree yookaan
kallacha cabsu'uuf riphuuti.
21Waan gayeen bulchiinsaa kennameefiif
lafa isaaf taatu michuu filate;
hennaa bulchoonni ormaa wol gayan
fedhii Rabbiitii fi
seera ufii Israa'eliif raawwate»
22Waan Daanii akkana jedhe;
«Daan akka leenca darmi'iiti;
Baasaaniin keessaa utaalee baya.»
23Waan gosa Niftaalemii akkana jedhe;
«Niftaaleem Gooftaa biratti baay'ee jaalatama'a;
eebbaa Rabbiitiin guuttameera;
daangaan isaa haga galaana bita'aa badhata.»
24Waan gosa Aseerii akkana jedhe;
«Aseer gosa maraa caalaa ka eebbifame haa ta'u;
obboleewwan ufii biratti ka jaalatame haa ta'u;
lafti isaa muka ejersaatiin haa duroomtu.
25Balballan qachoota teetii sibiilaa fi sibiila diima'aan ta jabaatte haa taatu;
bara jireenna keetii maraa hunna qabaadhu.»
26Yaa banii Israa'elii!
duumessa Sami'ii irraa gaachena ufiitiin ka si gargaaru
ka akka Rabbii Waaqa keennaa
eennullee hin jiru.
27Waandhi kee ka bara baraa irkoo keeti;
irreen isaa ka bara baraallee si irkifti;
diina kee si afo'oo ari'a; akka isaan balleessitu si taasisa.
28Kanaafuu fiixaan Yaaqoobii
lafa cophxi Sami'ii irratti buutuun
midhaanii fi daadhii woyini'iitiin guuttamteen,
wobii argattee nagayaan jiraatti.
29Yaa Isaa'el! ka akka keetii wontee gargaarsaa,
guraadee moote'ee,
fayyinna Rabbiin irraa baniin argate sirima hin jiru;
ati ka akkam tolteef!
diintonni tee hennaa si shelata'aa gara kee dhufan
ati dudda isaanii keessa dhiitta;
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.