Seera Bayu'uu 9 - Kitaaba Woyyuu

E. Dhumiinsan Hori'ii

1Rabbi Muuse'een, «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akka na tajaajilaniif banii kiyya gad dhiisi siin jedha› jedhiin» jedheen.

2Yoo gad dhiisuu diddee isaan uf biratti qabde;

3irreen Rabbii loowwan kee maraa, sa'oolee, faradoo, harriin, gaallan, sangootaa fi hoolota irratti balaa gudda'atu bu'a.

4Rabbi horii biyya Misiriitii fi horii worra Israa'elii gara gara fooya; horii ijoollee Israa'elii keessaa tokkollee hin du'u.

5Rabbi boru waan kana hin godha jedhee murteesse› »

6Rabbi waan kana bariisama san godhe; horiin biyya Misirii maruu hin dhume; horii ijoollee Israa'elii keessaa ammo tokkollee hin duune.

7Fari'oon nama ergee ijoollee Israa'elii keessaa horiin tokkollee akka hin duune dhagayee onnee jabeeffatee banii gad dhiisuu dide.

F. Madaa Badaa Akka Dhulla'aa

8Kanaan maayessa Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Ganaa harka keessaniitiin daaraa ibiddaa hammaara'aatii Muuseen Fari'ooniin afo'otti gara Sami'ii haa bittinneessuu.

9Innillee biyya Misirii maraa irratti daaraa bullaayaa ta'ee biyya Misirii maraa keessatti sa'aa nama irratti madaa badaa ta'a» jedheen.

10Isaanillee daaraa ibiddaa hammaaranii Fari'ooniin afoo dhaabatan; Muuseen daaraa ibiddaa san gara Sami'ii bittinneessinaan sa'aa nama irrattillee madaa badaa ta'e.Mudh. Yoh. 16:2

11Worri morulle waan nafti isaanii madaayeef Muusee afoo dhaabachuu hin dandeenne waan madaan banii biyya Misiriitii fi worra mortootaa irra jiruuf;

12Rabbi onnee Fari'oonii waan jabeesseef waan Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin jedhe hin dhageenne.

G. Rooba Barada'aa

13Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Ganamaan ka'ii Fari'ooniin afoo dhaabadhuutii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akkana jedha› akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi;

14Lafa marattuu Waandhi akka kiyyaa akka hin jirre akka beettu si'i, garboota teetii fi banii kee maraa irratti amma badii erga.

15Amma silaa harka kiyya diriirsee si'ii fi banii keellee lafa irraa dhaya ture.

16Garuu ani hunna kiyya si irratti mudhisu'uuf akka maqaan kiyya lafa maraa irratti waamamuuf si jiraachise.Rom. 9:17

17Ati ammo banii kiyya gad dhiisuu diddee irratti uf jajja.

18Kunoo ani boru hennaa akkanaa kana waan haga Ardiin tun uumamte irraa jalqabee haga adhaa biyya Misirii irratti ta'ee hin beenne baradaa guddaa si irratti roobsa.

19Sa'aa nama raasaa jiru maraa irratti baradaan bu'ee dhumanii amma nama ergiitii loowwanii fi waan raasa'aa qabdu maraa ariifachiisii manatti galchi jedhi› » jedheen.

20Garboota Fari'oonii keessaa namni jecha Rabbii sodaate loowwan isaatii fi garboota isaa gara manaa galche.

21Worri jecha Rabbii hin dhageenne ammo garbootaa fi loowwan ufii raasa'atti dhiisan.

22Achiin maayessa Rabbii Muuse'een «Sa'aa nama biyya Misirii, midhaan maasa'aa maraa irratti akka baradaan bu'u harka kee gara Sami'ii ol diriirsi» jedheen.

23Kanaafuu Muuseen ulee ufii gara Sami'ii ol qabe; Rabbi gigissaa keessaan baradaa gad dhiise; ibiddillee Sami'ii bu'e; Rabbi biyya Misirii irratti baradaa roobse.

24Baradaa keessaan ibiddi bobaya'aa ture; baradaan akkasii sun seenaa biyya Misirii keessatti mudhatee hin beeku.Mudh. Yoh. 8:7; 16:21

25Baradaan sunillee waan raasaa biyya Misirii keessa jiru maraa fi sa'aa namallee hin dhaye; baradaan sun midhaan maasa'aa mara dhayee muka biyya sanii maraa caccabse.

26Biyya Geeseemii ta ijoolleen Israa'elii keessa teettu calla'atti baradaan hin buune.

27Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin nama itti ergee waamsisee «Amma ani yakkeera; Rabbi Waaqa dhuga'aati; anaa fi banii kiyyatu cubbama'a.

28Gigissaanii fi baradaan Sami'ii waan baay'ateef Rabbiin naa kadhadhaa gad isin dhiisaa; ammaa achi as hin teettanii» isaaniin jedhe.

29Muuseen mootichaan, «Yoo qachaa tana keessaa baye; harka kiyya gara Rabbii badhisa; akka ati lafti ta Rabbii taate beettu gigissaan hin dhaabata; baradaanillee hin bu'u.

30Garuu atii fi garboonni teellee Rabbiin Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedheen.

31Garbu'uu fi talbaa biilellee hin balleesse.

32Qamadi'ii fi Hayisaa ammo hennaan isaa waan hin geenneef barada'aan hin dhayamne.

33Muuseen Fari'ooniin biraa gara qacha'aa bayee harka ufii gara Rabbii badhifnaan gigissaanii fi bardaan dhaabate; roobnillee hin caame.

34Fari'oon roobni akka caame, gigissaanii fi baradaan akka dhaabate arginaan, ta qaraa caalaa garaa jabaate; inninii fi garboonni isaallee garaa jabaatan.

35Garaan Fari'oonii waan jabaateef akka Rabbi Muuse'een isatti dubbatetti inni ijoollee Israa'elii gad hin dhiifne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help