1Saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii dhufaniinii daasee Daawiti qopheesseef keessa kaayan; achiin maayessa ciincaa ciincawuu fi ciinaa fayyumma'aallee Rabbii dhiyeessan.
2Daawiti hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee fixe, maqaa Rabbiitiin banii eebbise.
3Banii Israa'elii dhiiraa fi dubara maraafuu xoroshoo, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixilee woyini'ii tokko tokko isaanii kenne.
4Daawiti akka saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti tajaajilan, Rabbii Waaqa Israa'elii jajanii akka isa kabajjanii galatoonfataniifillee worra Leewwotaa keessaa namoota hagoo muude.
5Asaaf bulchaa isaanii ture; isaan maayessa Zakkaariyaas, I'i'eel, Saamraamooti, Yihi'eel, Matitiyaa, Eliyaabi, Baanaayaas, Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eel masiinqo'oo fi Dibbe'een Asaafillee meeshaa shaka shaka jedhuun faarfata'aa turan.
6Baanaayaasiin gadichinii fi Yahizi'eel saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti hennaa maraa xurumbaa afuufa'aa turan.
7Daawiti Asaafii fi worra Leewwotaa ka hafaniif akka Rabbiif faaruu ulfinnaa dhiyeessan hennaa san muude.
Faaruu Galataa(Far. 105:1-15; 96:1-13; 106:1)8Rabbiin galatoonfadhaa'a,
Maqaa isaa waamaa'a
Maalalee inni hojjate maraa bani'itti himaa'a;
9Faaruu galataa Rabbiif faarfadhaa'a,
maalalee inni godhe maraa himaa'a;
10Maqaa woyyuu isaatitti gammadaa'a!
Namni Rabbiin soqu maruu haa gammaduu!
11Rabbii fi hunna isaa jabaa hedadhaa'a;
Hennaa maraa isa soqaa'a;
12-13Banii Israa'elii worra Waaqa tajaajiltan!
Ijoollee Yaaqoobii isin worri Rabbi filate!
waan maalale'ee ka Rabbi hojjate,
Murtii inni kennee fi
Maalalee inni hojjate qaabadhaa'a.
14Rabbi Waaqa keenna,
Murtiin isaa adunyaa mara irratti.
15Waadaa dubbii ufii, abdii ufii kenne haga dhaloota kumaallee yoo ta'e;
baraa haga bara baraa hin irraanfatu.
16Waadaa dubbii ufii ka Abrahaamii gale hin eega,
jecha abdi'ii ka Yisaaqii kennellee hin raawwata.
17Seera Yaaqoobiitii fi
Waadaa abdii ufii worra Israa'eliitii
baraa haga bara baraa
jabeessee dhaabe.
18Waadaan kunillee,
«Biyya Kana'aanii sii kenna,
lafti sunillee tee taati» jedha.
19Hennaan wonti kun ta'e hennaa isaan
namoota hagoo ta'anii, biyyaafillee keessummoota ta'anii uduu jiran.
20Banii tokko irraa gara banii biraa,
biyya tokko irraa gara biyya biraatitti jaljal jedhan.
21Rabbi garuu eennullee
akka isaan gad qabu hin barbaanne; isaaniif jedhee mootota teedeffate.
22«Tajaajiltoota tiyya ta ani filadhe hin tuqinaa'a;
Raattota tiyyallee hin miidhinaa'a» jedhee isaan seera.
23Isin baniin lafa irra jiraattan maruu
Rabbiin galatoonfadhaa'a!
Oduu fayyinna isaa guyyama guyya'aan himaa'a,
24Banii jiddu'utti ulfinna isaa beessisaa'a,
banii marattuu hujii isaa guddaa odeessaa'a,
25Rabbi gudda'a,
galanni isaallee guddaa waan ta'eef;
waaqolee tolfamaa maraa caalaa sodaatamuu barbaachisa;
26Waandhi biraa ka baniin kuuwwan waaqeffatu waaqolee tolfaman;
Rabbi garuu Waaqa samii uume;
27Naannoo isaa ulfinnaa fi gaachenatu jira;
Mana ufii woyyuu keessa akka ulfinninii fi gammachuun guutu godhe.
28Baniin lafa irra jiraattan maruu!
Waan ulfinnaa fi hunna isaatiif Rabbiin galatoonfadhaa'a.
29Ulfinna maqaa isaatiif ta'u Rabbiif kennaa'a
Kennaa qabadha'aa gara mana woyyu'uu seenaa'a
gaachena woyyooma Rabbiitiif sagadaa'a;
30Baniin lafa irraa maruu Rabbiif holladhaa'a!
Lafti waan Rabbi jabeessee dhaabeef hin sochootu;
31Ardi'ii fi samiin gammadaa'a!
Baniin maruu, «Rabbi mooti'i» haa jedhuu.
32Galaanninii fi wonti isa keessaa maruu haa ililfatuu!
Maasaanii fi midhaan maasaa irraa maruu haa gammaduu!
33Rabbi lafa irratti murteessu'uuf waan dhufuuf
mukkiin bosona keessa jiran isa afo'otti haa ililfatanii!
34Waan arjaa ta'eef, jaalalli isaallee
baraa haga bara baraa waan ta'eef
Rabbiin galatoonfadhaa'a!
35Rabbiin, «Waaqa fayyisaa keenna!
Worra Yihuudota hin taane keessaa
gara biyya keennaa nu galchi;
hennaa san akka si galatoonfannu;
maqaa kee woyyuu akka ulfeeffannu
yabo'oo nu oolchi!» jedha'aan;
36Rabbi Waandhi Israa'elii
baraa haga bara baraa haa ulfaatu!
Baniin maruu «Amiin» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
Seera Waaqeffanna'aa Ka Yerusaalemii Fi Gabaa'ooniin Jiddu'utti Taasifame37Mootichi Daawiti worra guyya guyya'aan saanduuqa waadaa Rabbii tajaajilan Asaaf obboleewwan isaatii fi Obeedi'eedoomiinillee obboleewwan ufii jahaatamii saddeettanuu saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti isaan dhiise.
38Obeedi'eedoomii ilma Edootaamiitii fi Hoosaan akka balbala eeganiif achumatti isaan dhiise.
39Saadooqii gadichaa fi gadoota obboleewwan isaa balbala hulee bulti'ii ka mana woyyu'uu ka gaara Gabaa'oonii ka hulee itti waaqeffatanii bira isaan dhaabsise.
40Wonti inni waan kana godheef akka seera Rabbi worra Israa'elii kenneetitti hennaa maraa ganamaa fi galgalallee ciincaa ciincawu hulee ciinca'aa irratti akka ciinceessaniif.
41Dhiifamsi isaa baraa haga bara baraa waan ta'eef akka Rabbiin galatoonfataniif Eemaanii fi Eedootaamiin worri maqaa isaatiin filatamanillee worra hafan isaan woliin dhaabsise.
42Worri gadootaa xurumba'aa fi meeshaa shaka shaka jedhu laagaa isaa dhageessisu'uuf faaruu Rabbiitiif meeshaa sagalee kennullee harkaa qaban; ijoolleen Eedootaamii worra balbala eegan turan.
43Achiin maayessa namni maruu gara mana ufii deeme; Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf gara mana ufii deebi'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.