1Jechi Muuseen gama Yoordaanosiititti lafa gammoojjii Arabaa keessatti galaana diimaa afoo, Faaraan, Xoofeeliim, Laabaa, Hatseerootii fi Dizahaabiim jidduu uduu jiran ijoollee Israa'elii marattuu hime kana.
2Karaa gaara Seeyiriitiin Kooreebiin irraa haga Barnee qaadeesii deemsa guyyaa kudha tokkooti.
3-4Haga biyya Misirii gad dhiisanii bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a jalqabaatitti Muuseen mootii Seewoonii ka Hasebooniin keessa taa'aa ture, Mootii Amoorotaa Seewooniin, ka Astaarootii fi Ediraayiin keessa taa'aa ture mootii Baasaanii Aagiin haga dhayeen maayessa waan Rabbi waan isaanii isa ajaje maraa ijoollee Israa'eliititti hime;Rabbi Worra Israa'elii Adabe(Ser. Lak. 14:20-25)
34«Rabbi jecha keessan dhagayee dheekkamee kakate;
35‹lafa michuu abboota isaaniitii hin kenna› jedhee waadaa gale namoota hammeeyyii kanniin keessaa namni tokkollee lafa tana hin argu;Ibr. 3:18
36ilma Yoofoonii Kaaleebiin malee; inni ammo hin arga; inni waan guddisee Rabbiin duukaa bu'eef, lafa inni ijjate isaa fi ijoollee isaatii kenna›
37Rabbi akkasuma sababaa keessaniif akkana jedhee natti dheekkame; ‹Muusee; atillee achi hin galtu;
38ilma Nawwe'ee Iyyaasuu isin afoo dhaabatutu itti gala; inni waan lafa san ijoollee Israa'elii dhaalchisuuf jajjabeessi›
39«Achiin maayessa Rabbi nu maraanuu ‹Ijoolleen teessan ta isin diinaan booji'amti jettan ta bada'aa fi mishaa addaan baasanii hin beenne calla'atu gara lafa sanii gala; lafattii isaanii kenna.
40Isin garuu deebi'a'aatii karaa galaana diimaa biraan gara lafa gammoojji'ii fidu saniin deemaa'a›
41«Isinillee, ‹Nu'u Rabbiin yakkineerra; akkuma Rabbi Waandhi keenna nuun jedhe baanee lolla jettanii akkuma salpha'atti lolaaf qophooftan; namni keessan maruu woraana harkatti qabatee gara biyya gaaraa san bayuu jibbe.
42«Rabbi garuu, ‹Ani isin woliin hin jiru; diina keessan harkatti akka hin kufne baatanii hin lolinaa'a› jedhiin naan jedhe.
43Ani isinitti hime; isin garuu ajaja Rabbii diddan malee na hin dhageenne; uf jajuu keessaniin gara biyya gaaraa duultan.
44Biyya gaaraa san irratti worri Amoorotaa dhufanii isiniin lolanii akkuma duula kinniisaatitti isin ari'anii Seeyiriin irraa haga Heermaamii isin dhayan.
45Deebitanii Rabbiin Waaqa afo'otti boottan; Rabbi garuu laagaa booyichaa keessan dhagayee gara keessan hin deebine.
46Kanaafuu biyya Qaadeesii keessa guyyaa baay'ee jiraattan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.