1Mootichi Daawiti abbaan Solomoonii Yerusaalemiin keessatti gaara Mooriya'aa irratti hulee manni woyyuun itti ijaaramu qopheesse; Huleen kun hulee Rabbi isatti mudhatee fi ka Oornaan gosa Iyyaabusii oobdii godhatee itti fayyadamu ture.
14Golga woyyittii woyyootaa, uffata dheeraa gad diratanii fi carqii addaa ka bifa biraatiin hojjatan; bifti golgaa diimaa, bule'ee fi diimaa dhiilgee fakii kiruubeeli'iillee irratti kaasaniiran.Utubaawwan Lamaa Ka Sibiila Diimaa Irraa Hojjataman(Mot. 1ffaa 7:15-22)
15Mootichi Solomoon utubaa lamaa ka dheerinni isaanii ciqilee kudha shanii fi wodhakka'aa hojjatee mana woyyuu afoo dhaabe; qaccee mataa utuba'aa irra ginnoo ciqilee shanii hojjatee irra kaaye.
16Qaccee utubaa sanniinii irratti waan akka maraba gingilcha'aa hojjatee irra kaaye.
17Utubaawwan kanniin bita'aa fi mirgaan dhaabee maqaa utuba'aa ka gara kaabaatiin jiru «Yaakiin» maqaa tuba'aa ka gara kibbaatiin jiru garuu «Boo'eez» jedhee itti baase.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.