1Tiisifni dhume urgaa dhadhaa urgeeffamee ajeessa;
akkasuma gowwummaan diqqoon
ogumma'aa fi kabajjaa balleessa.
2Namni ogeessi waan mishaa hojjachuun,
namni gowwaan garuu dogoggoruun woma jiru.
3Namni gowwaan hennaa karaa irra deemu waa hubachuu hin danda'u;
gowwummaa ufiillee hulema gayetti uf irratti beessisa.
4Obsi balleessaa guddaa waan hambisuuf
hennaa mootichi siin lole ati hulee kee gad hin dhiisin.
5Wonti badaan biraa ka ani sami'ii gaditti arge hin jira;
kunillee dogoggora worri biyya bulchu dogoggoru.
6Worri gowwaan hennaa baallii guddaa argatan,
dureeyyiin garuu hulee gad aanaa taa'aniiran.
7Garboonni yoo farda irra taa'an,
worri murtii murteessan garuu
akka garbootaatitti hennaa lafa irra deeman arge.
8Namni boolla namaa qotu ufii itti kufa;
nama dallawa diigu bofatu idda.
9Namni dhagaa fonqolchu ufii itti miidhama;
namni gudeelcha baqassullee hin miidhama.
10Namni dhagaraa doome hin qarre hunna guddaa fixata;
ogummaan garuu bu'aa gudda'aan isa gaya.
11Haga bofni nama iddeen maayessa
qorichi hadhaa bofaatiin balleessan womaa bu'aa hin qabu.
12Namni ogeessi dubbii ufiitiin ulfinna argata;
namni gowwaan garuu dubbima ufiitiin bada.
13Namni gowwaan dubbii ufii gowwumma'aan jalqabee
maraatuu gudda'aan fixa.
14Namni gowwaan dubbii guddisa
waan uf afoo ta'u hin beeku;
waan isaan maayessa ta'ullee eentu itti himuu danda'a?
15Hujiin gowwa'aa isuma dadhabsiisa;
karaa gara qacha'aa isa fidullee hin beeku.
16Biyya mootii dargaggeessa gowwaa ta'e qabduu fi
bulchoota ganamaan nyaata'aa dhugan qabdu isii hobbaasi.
17Biyyi mootii akka misha'atti guddatee fi
bulchoota hunna argachu'uuf jedhanii hennaa murtaayetti
nyaatanii dhugan qabdu ta kabajjamte.
18Namni yoo mana midhaassuu baate,
manni sun hin daba;
ginnoon mana saniillee hin dhim'isa.
19Gammachuun dhiyanaa fi daadhii woyini'ii irraa argamti;
martinuu garuu horii malee hin argamtu.
20Namni na hin dhagayu jettee dhossa'aan mootii hin hamatin;
hulee raftuttillee dureessa hin arrabsin
worri dubbii namaa butuu danda'an
akka simbira barartuutitti dhufanii
dubbii si jalaa himuu waan danda'aniif.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.