Kitaaba Iyyoobii 2 - Kitaaba Woyyuu

Seexanni deebi'ee Iyyoobiin Ataabe

1Gaaf biraallee maleekkonni Rabbiin afoo dhaabachu'uuf dhufan; Seexannillee isaan woliin Rabbiin afoo dhaabachu'uuf dhufe.

2Rabbi Seexanaan «garamii dhufta?» jedheen; Seexannillee «ardii irra naannayee isii keessa asii fi achi deddeeme» jedhee Rabbii deebise.

3Rabbi Seexanaan «Garbicha kiyya Iyyoobima argitee? lafa irra namni akka isaa qajeelaanii fi ka mudaa hin qabne, ka Rabbiin sodaatu, ka hamaa irraa fagaate hin jiru; isa akka balleessitu maarre akka sii jedhuuf duwwama na kakkaafte kunoo Iyyoob haga adhaa mudaa malee jiraata'aara» jedheen.

4Seexannillee deebisee Rabbiin «Akkuma gogaan goga'aaf» jedhamu «namni lubbuu ufii oolfachu'uuf jedhee waan qabu maraa kenna.

5Garuu mee harka kee diriirsii foonii fi lafee isaa dhayi dhugamaan addaatama si arrabsa!» jedheen.

6Rabbillee Seexanaan «lubbuu isaa hin tuqin malee kunoo inni si harka jira» jedheen.

7Kanaan maayessa Seexannillee Rabbiin afo'oo deemee Iyyoobiin qeensa miila isaatii jalqabee haga rifeensa mata'aa madaa hama'aan dhaye.

8Sababaa kanaaf Iyyoob gadhii fuudhee mada'aan hooqata'aa daaraa irra taa'e.

9Haati manaa isaa «Ati haga ammallee amanamummaa kee hin dhiifnee? Rabbiin ganii du'i» jetteen.

10Inni garuu, «ati akka dubbartoota yartu'uutitti dubbatte; harka Rabbiitii waan mishaa fudhanneerra; waan badaa qofa hin fudhannuu?» is'iin jedhe.

Waan kanniin maraan Iyyoob Rabbiin hin yakkine.

Goshoonni Iyyoobii Sadiin Isa Jajjabeessu'uuf Dhufan

11Goshoonni Iyyoobii sadiinuu waan isa irra gaye kana maraa dhagayanii biyya ufiitii dhufan; isaanillee Eelfaazii biyya Teemaanii, Baldaadoosii biyya Shuha'aa, Soofaarii biyya Naa'ima'aa fa'a turan. Isaanillee isaa gaddu'uu fi jajjabeessu'uuf tokkumma'aan gara isaa dhufu'uuf wolii galan.

12Fagoo dhaabatanii hennaa laalan isaan isa ta'uu hin beenne; haga akka isa ta'e hubatan iyya'aa booyan; marti isaaniituu woyaa uffataniiran uf irraa mulqanii bibbiinxan; mataa ufii irrattillee daaraa firfirsan.

13Guyyaa torbaa fi halkan torbaa isa woliin lafa irra taa'an; dhukkubbiin guddisee waan itti jabaateeruuf isaan keessaa namni tokkollee isatti womaa hin dubbanne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help