Kitaaba Iyyoobii 42 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoob

1Kanaan maayessa Iyyoob akkana jedhee Rabbii deebise,

2«Akka ati waan maraa godhuu dandeettu;

akka karoorri kee sirima dhooggamuu hin dandeenne beekeera.

3Ka uduu beekkumsa hin qabaatin dubbii kiyya milissu eennu? jetteerta;

dhugama waan naa hin galle,

waan hin beennee fi

waan hubachuu hin dandeenne dubbadheera.

4‹Yabo'oo hin dubbadhaa na dhagayi;

ani si gaafadhaa atillee natti dubbadhu.› naan jette;

5Dhagayuu gurraan dhagayee ture;

amma garuu ijji tiyya si argiteerti.

6Kanaafuu uf tuffadhee

biyye'ee fi daaraa irra taa'ee aagii gala.»

Yaada Dhumaa

7Rabbillee Iyyoobitti waan kanniin haga dubbateen maayessa Eelfaaz nama biyya Teemaaniitiin akkana jedhe, «Isin akka garbicha kiyya Iyyoobii waan kiyya dubbii qajeelaa waan hin dubbanneef lolli kiyya si'ii fi goshoota tee lamaan irratti bobayeera.

8Eeganaa amma mirgoolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba qabadha'aatii gara garbicha kiyya Iyyoobii dhaqa'aa waan keessaniif ciincaa gubamu dhiyeessaa'a; garbichi kiyya Iyyoob isinii kadhataa, anillee akka ceem'aa keessanii akka isin irratti hin gooneef kadhaa isaa hin dhagaya; akka garbicha kiyya Iyyoobii dubbii qajeelaa waan kiyya waan hin dubbanneef.»

9Kanaan maayessa Eelfaaz namni biyya Teemaanii, Baldaadoos namni biyya Shuha'aatii fi Soofaar namni biyya Naa'ima'aallee deemanii akka Rabbi isaan ajaje godhan; Rabbillee kadhaa Iyyoobii hin dhagaye.

10Iyyoob waan goshoota ufii haga kadhateen maayessa, Rabbi boojuu isaa hin deebise; Rabbi waan duraan qabu caalaa dachaa lama godhee deebisee kenneef. Iyyo. 1:1-3

11Obboleeyyan dhiiraatii fi ta intalaa ta isaa, worri duraan isa beekan maruu gara isaa dhufanii mana isaatitti isa woliin dhiyana nyaatan. Waan isaatiif hin gaddan; waan hamaa Rabbi isatti fide maraaf jajjabeessaniin. Isaan maruu birri'ii fi qubee worqi'ii kennaniif.

12Rabbi Iyyoobiin waan duraa caalaa eebbiseen; hoolota kuma kudha afurii, gaallan kuma jahaa, sangaa morma kuma tokkootii fi harriin dhadhaltuu kuma tokko qaba.

13Deebi'ee ijoollee dhiiraa torbaa fi ijoollee intalaa sadihi argate.

14Maqaa ta hangafaa Yimiimaa, ta lammeesso'oo Qaasiyaa, ta sadeesso'oo Amaltooyaas Qiraas jedhee itti baase.

15Bareenni akka ijoollee intalaa ta Iyyoobii biyya maraa keessa hin jiran; abbaan isaanii obboleeyyan isaanii woliin lafa isaanii kenne.

16Kanaan maayessa Iyyoob woggaa dhibbaa fi afurtama jiraatee ijoollee ufiitii fi ijoollee ijoollee ufii haga dhaloota afurii arge.

17Iyyoob jaaree umurii geeffatee du'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help