1«Akkasuma ammallee jirbii fooyame mishaa waan dhiilgee bifa Sami'ii qabu, hulee bulti'ii ka golloo kudhanii qabu, akka kiruubeelii hojjataan ogeessi hojjateetitti isaan irra kaayi.
2Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee diddamii saddeeti; dalgi isaa ciqilee afur haa ta'uu; golgi maruu wol qixa haa ta'uu.
3Golgaan shananuu ka wol qabatan haa ta'anii; golgi shanan kuuwwanillee akkasuma ka wol qabatan haa ta'anii;
4Golgaa wolitti hidhame sanniin keessaa qaccee golgaa tokkoo irratti qubee bulee bifa Sami'ii itti godhi; akkasuma qaccee golgaa tokkoollee akkasuma godhi.
5Qubeewwan shantamaa golgaa tokko irratti godhi; qaccee golgaa lammeesso'oo irrattillee qubeewwan shantamaa godhi; qubeewwan maruu haa mudhatanii.
6Qabata shantamaa ka worqi'ii hojjadhu; huleen bulti'ii tokko haa ta'uu; golgaa isaanii wol qabsiis.
7Waan hulee bulti'iitiif ta'u golgaa daase'ee rifeensa re'e'ee irraa hojjadhu; isaan martinuu golgaa kudha tokko goota.
8Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee soddoma; dalgi golgaa maraatuu ciqilee afur; golgaan martinuu wol qixa haa ta'anii.
9Golgaan shanii wolitti haa hidhamanii; akkasuma golgaan jahaa wolitti haa hidhamanii; golgaan jaheesso'oo afoo daase'ee irra haa dhayamuu.
10Golgaa wolitti hidhame sanniin keessaa qaccee golgaa tokkootitti qubeewwan shantamaa godhi; akkasuma golgaa wolitti hidhame kaawwan keessaallee qaccee golgaa tokkootitti qubeewwan shantamaa godhi.
11Sibiila diimaa irraa qadhabaa shantama hojjadhuutii qubeewwan itti godhi; akka daaseen tokko ta'u wolitti hidhi.
12Waan golgaa daase'ee irraa hafe wodhakkaa golga sanii hulee bulti'ii dudda duubaan haa rarra'uu.
13Akka hulee bulti'ii san dhossu gama tokkoon dheerinna ciqilee tokkoo wonti golgaa daase'ee irraa hafe hulee bulti'ii duubaan gamaa fi gamanaan haa rarra'uu.
14«Ka daasee irra dhayan gogaa hoolaa arrawaa irraa, dachaa gubba'aa irraanillee golgaa biraa gogaa re'e'ee irraa hojjadhu.
15«Cufanaa balbala bulti'ii muka woddeessaa irraa hojjadhu.
16Dheerinni cufanaa balbalaa maruu ciqilee kudhan; dalgi isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakkaa haa ta'u.
17Balbala cufanaa maraa ka tokko tokkoon wol qabsiisu waan isaan wol qabsiisu lamaan godhiif; cufanaa hulee bulti'ii maraa akkasuma godhi.
18Balbala hulee bulti'ii san gama bita'aatiin cufanaa diddamaa godhiif;
19balbala diddamaa kana jala luka afurtamaa birri'iin hojjadhu; cufanaa maraa jalatti wol qabsiiftuu lama lama godhi.
20Hulee bulti'ii gara mirgaatiin balbala diddamaa luka afurtamaa ka birrii irraa hojjate godhiif.
21Jalli cufanaa maraatuu luka lama lama haa ta'uu.
22Hulee bulti'ii gara dhiyaa duuba isaatiin cufanaa jahaa godhiif.
23Hulee bulti'ii ladda lamaan dudda duuba irraan cufanaa lamaa godhiif.
24Jalaa haga qaalawa qubee jalqabaa cufanaan tokko dachaa haa ta'u; lamaaniifuu akkasuma haa ta'u; isaan lachuu ladda gamaa gamanaatiif ta'an.
25Balbala saddeetaa fi luka birri irraa hojjatame kudha jaha godhiif; cufanaa maraa jala luka lama godhiif.
26«Hulee bulti'ii ka muka ajo'oo irraa hojjatame, balbala shanan gama tokkootitti loosaa shanii;
27Cufanaa hulee bulti'ii ka gama lammeesso'ootiillee loosaa shanii; cufanaa hulee bulti'ii ka gara karaa dhiyaatiin jiruu loosaa shanii godhiif.
28Loosaan balbala wodhakka'aallee cufanaawwan balballan jiddu'uu haa lufuu.
29Loosaa worqi'iin uwwis; qubeewwan akka loosaawwan keessa dabarsu'uuf ta'utti worqii irraa hojjadhu; loosaa sanniinillee worqi'iin uwwis;
30Hulee bulti'ii san akka fakkeenna gaara irratti sitti mudhisee sanitti dhaabi.
31«Golgaa isaallee uffata bulee Samii fakkaatu, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii irraa hojjatamee tolchi; fakii kiruubeelii hojjataa ogeessaan golgaa san irratti kaasi.
32waan kanniin utubaawwan arfan muka ajo'oo irraa hojjatame ka worqi'iin uwwifame irratti fannis; wonti itti fannifamullee worqii irraa, lutti isaallee birrii irraa haa ta'uu.
33Golgaa sanniin hookkoowwan garaa jalaatitti rarraafta; golgaa san keessa saanduuqa raga'aa galchi; golgaan sun ta hulee Woyyuu Woyyoota keessaa adda footu haa taatuu.Ibr. 6:19; 9:3-5
34Achiin maayessa Saanduuqa Waada'aa qadaada araaraatiin qadaadi;
35gabataa Woyyuu Woyyootaatiin ala, daasee gara mirgaatiin kaayi; baattuu ibsa'aa gara bita'aatiin kaayi.
36«Balbala daase'ee golgaa isaa carqii bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame godhiif.
37Golgaa sanniinii fi utubaawwan shanan muka ajo'oo irraa hojjatame godhii worqi'iin uwwis; fannoonillee worqii irraa ka hojjatamee fi ka luka shanii qabu haa ta'uu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.