1«Hulee ciinca'aa ka hixaana itti aarsan muka ajo'oo irraa hojjadhu;
2dheerinni isaa ciqilee tokko, badhinni ciqilee tokkoo fi ka roga afurii qabu haa ta'uu; ol fageenni ciqilee lama haa ta'uu; gaaffanillee wolitti qabsiisii itti hojjadhu;
3naannaya girgidda'aa ka gubba'aa gaafa isaa worqii misha'aan uwwifta; naannaya isaallee worqi'iin goodda.
4Gooda'aa gaditti qaalawa qubee worqi'ii lama itti hojjadhu; gama lachiifuu akkasuma goota; hulee loosaa ittiin baatanillee itti godhi.
5Moloogoota muka ajo'oo irraa hojjadhuu worqi'iin uwwis.
6Afoo saanduuqa waada'aa ka raga'aa golga afo'oon goota; kanallee hennaa ani sitti dhufu afoo qadaada cubbuun ittiin dhiifamu irra keetta.
7Aaroon hixaana urgaa misha'aa irratti haa aarsuu; ganama ganama hennaa ibsaan ife hixaanni itti haa aaruu.
8Kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti hixaana hennaa maraa ilma ilma keessaniitii ta'u akka ta'u Aaroon galgala hennaa ibsaa ibsu aarsa.
9Hixaana biraa kennaa midhaanii ka ciincawu irratti hin dhiyeessin; kennaa dhuddo'oollee irratti hin buusin.
10Aaroon woggaa keessa harka tokko gaaffan irratti waan araaraa godha; woggaa keessa harka tokko waan araara ijoollee teessaniitiif ta'u ciincaa dhiigaa ka cubbu'uu irratti godha; kun ka Rabbiif woyyoome.
Qarshii Furamaa11Rabbi Muuse'een akkana jedhe;
12«Ati hennaa ijoollee Israa'elii laakkoftu akka balaan isaan irra hin geenne namni maruu akkuma laakkobsa isaaniitiin waan lubbuu ufii ittiin furu Rabbii haa kennuu.
13Worri laakkayame maruu akkuma kennaa mana woyyumma'aatiin saqilii madaallii wodhakkaa kenna; saqilii wodhakkaa Rabbiif keessaa fuudha; kun haga dhagaa diddamaa ta'a;
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.