Seera Uumamaa 43 - Kitaaba Woyyuu

Obboleewwan Yooseefii Biiniyaamiin Qabatanii Gara Biyya Misirii Deebi'an

1Biyya Kana'aaniititti beelli guddisee jabaate;

2midhaan biyya Misiriitii bitatan nyaatanii haga fixataniin maayessa abbaan isaanii Yaaqoob «Ammallee deema'aatii midhaan diqqoo biyya sanii nuu bitaa'a» isaaniin jedhe.

3Yihuudaanillee abbaa ufiitiin «Namichi biyya san bulchu ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo dhufuu baattan gara kiyya hin dhufinaa'a› jedhee jabeessee nu seereera;

4kanaafuu ati yoo obboleessa keenna nu woliin ergite dhandhee midhaan sii binna.

5Ati yoo obboleessa keenna nu woliin hin erginee hin dhandhu; ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo hin dhufnee hin dhufinaa'a› waan nuun jedheef» jedheen.

6Israa'elillee, «Maaf na miitan? nama sanitti, ‹Obboleessa biraa qabna› jettanii maaf himtan?» isaaniin jedhe.

7Isaanillee akkana jedhaniin, «Namichi sun waan keennaa fi waan maatii keennaa «Abbaan keessan libbu'uun jiraa? obboleessa qabduu?» nuun jedhe; nullee woma inni nu gaafate deebifneef; akka inni ‹Obboleessa keessan fidaa'a› nuun jedhu beennaa?» jedhaniin.

8Yihuudaan abbaa ufii Israa'eliin «Nu'u, atii fi ijoolleen teennallee akka du'a oollu mucaa nu woliin ergi; kaanee deemnaa.

9Yoo deebi'ee mucaa kana sii hin finnee ati ana gaafattaa; bara kiyya guutuu ani nama si miidhe ta'aa.

10Nu'u uduu haga ammaa turuu baannee silaa harka lamaa deebina» jedheen.

11Abbaan isaanii Israa'el ammo «Eega akkana ta'e waan feetan godhaa'a; sanyii lafa kanaa nama sanii fidaa'a; balasii, damma diqqoo, urgoo, qumbii, waan urgaawuu fi Lawuzii qalqala keessatti qabadha'aa deemaa'a.

12Qarshii gaafa duraa qalqala keessan woliin dhufellee dachaa godha'aa deebisa'aaf; maal laataa dogoggoraan deebi'eera ta'aa.

13Obboleessa keessan qabadha'aa deema'aatii gara nama sanii deebi'aa'a.

14Rabbiin waa maraa danda'u obboleessa keessan ka duraatii fi Biiniyaamiinillee akka isinii kennu namicha san garaa isinii haa laaffisu; ani ijoollee tiyya yoo dhabellee akkuma dhabetti taa'aa» isaaniin jedhe.

15Kanaafuu namoonni sunniin kennaa gara garaa, qarshi'ii fi Biiniyaamiinillee qabatanii gara biyya Misirii Yooseefiin bira gad bu'an.

16Yooseef hennaa Biiniyaamiin isaan biratti arge ajajaa mana isaa ajajuun «Namoota sanniin mana seensis; qalii waa qopheessi; namoonni sunniin guyyaa na woliin haa nyaatanii» jedhee ajaje.

17Namichi sunillee akkuma Yooseef jedheen godhe; namoota gara mana Yooseefii seensise.

18Isaan mana Yooseefii waan seenaniif guddisanii sodaatanii «Inni waan qarshii duraan qabannee galle saniif nutti ka'ee nu miidhuu heda; nu garboonfatee harriin teennallee nu irraa fudhachu'uuf nu seensise» jedhan.

19Kanaafuu gara namicha mana Yooseefii bulchuu dhiyaatanii balbala afo'otti

20«Gooftaa keenna; nu dura midhaan bitachu'uuf as dhufne;

21haga hulee bullu geenne qalqala keenna yoo afaan bannu qarshiin keenna maruu afaan qalqala keennaa keessa jira; ammallee kunoo harkatti qabannee dhufneerra;

22qarshii biraa ka midhaan ittiin bitannullee finneerra; qarshii duraa san eentu akka qalqala keenna keessa kaaye hin beenne» jedhaniin.

23Inni «Nagawumaa hin sodaatinaa'a; Waandhi keessanii fi Waandhi abbaa keessaniif qarshii dhoffame qalqala keessanitti isinii kennee qarshiin kuunillee na gayeeraa» isaaniin jedhe.

24Namichi sunillee namoota sanniin mana Yooseefii seensisee bisaan lukaa isaanii kennee isaanillee luka dhiqatan; harriiniillee okaya kenne.

25Haga Yooseef dhiyanaaf galuu akka dhiyana isa woliin nyaatan waan dhagayaniif kennaa harkaa qaban san qopheeffatan.

26Haga Yooseef gale kennaa harkaa qaban sanniin kennaniifii kufanii haga kallachi isaanii lafa tuqutti gad jedhaniif.

27Innillee nagaya isaan gaafatee «Jaarsi gaafa duraa natti himtan abbaan keessan sun nagaya jiraa? ammallee ima jiraa» isaaniin jedhe.

28Isaanillee, «Garbichi kee abbaan keenna nagaya jira» jedhanii haga kallachaan lafa tuqanitti gad jedhaniif.

29Ol jedhee ilma haadhaa ufii Biiniyaamiin argee «Obboleessi keessan ka maandha'aa ka natti himtan kanaa?» jedhee Yooseef Biiniyaamiin, «Mucaa kiyya Rabbi si haa eebbisu» jedheen.

30Yooseef obboleessa ufii gara'aan waan yaadeef jarjaree ol lufee achitti booye.

31Achiin maayessa fuula dhiqatee obsee gara isaanii gad bayee waan nyaatan fidaa'a jedhe.

32Isaaf nyaata addatti, obboleewwaniillee addatti, worra biyya Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; waan worri Misiriitii fi worri Ibrootaa woliin hin nyaanneef worra Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; worri Misirii worra Ibrootaa woliin waa nyaachuu akka batti'iititti waan laalaniif.

33Isa afoo akka hangafaa maandha'aatitti teennaan namoonni maruu hin maalalfatan.

34Yooseef isaan maraafuu nyaata dhiyeessisiiseef; nyaanni Biiniyaamii dhiyeesse ammo harka shaniin ka kaawwanii caala; isaanillee nyaatanii dhuganii isa woliin gammadan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help