1Yesuus ammallee yabala galaana Galiila'aa irra jirtu irra taa'ee barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduu isa bira qarqara galaanaa turan. Baniin maruu qarqara galaanaa lafa irra turan.
24:33-34; Mat. 13:34 Inni waan hedduu mammaakaan barsiisa'aa ture. Hennaa barsiisu akkana isaaniin jedhe:
3«Dhagayaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye.
4Hennaa facaasu tokko tokko daangaa kara'aa irratti bu'ee simbirroonni dhufanii nyaatan.
5Ka biraallee lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaga'aa irra bu'e; biyyeen gad fageenna waan hin qabneef yoma san mute.
6Hennaa aduun baate ammo hin qoore; hiddalle waan hin godhanneef goge.
7Ka biraallee qoree eddu'utti bu'ee sanyii hin godhanne.
8Ka biraa ammo lafa mishaa irratti bu'ee mutee guddatee sanyii kenne. Gariin soddoma, gariin jahaatama, gariinillee sanyii dhibba kenne.»
94:23; Mat. 11:15; Luq. 14:35; Mudh. Yoh. 2:7 Achiin maayessa Yesuus, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe.
Mammaanni Maaf Akka Mammaakame(Mat. 13:10-17; Luq. 8:9-10)10Hennaa Yesuus hojja jirutti worri hulee sanii darasoonni kudha lamaa waan mammaaka kanaa isa gaafatan.
11Inni akkana isaaniin jedhe: «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isinii kennameera. Worra diida jiraniif ammo wonti maruu mammaakaan himama.
12Sababaan,
‹Uduma laalan horoma akka hin argineef;
uduma dhageeffatan horoma akka hin hubanneef,
gara Rabbii deebi'anii,
cubbuun isaaniillee akka isaanii hin dhiifamne.› »
13Achiin maayessa Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka kana hin hubannee? Eegasuu attamitti mammaaka biraa beettan ree?
14Namichi facaasu dubbii Rabbii facaasa.
15Sanyiin karaa irratti harca'e mammaaka worra akkuma dubbii Rabbii dhagayaniin Seexanni dubbii dhagayan san isaan keessaa fudhatuuti.
16Sanyiin lafa dhagaa irratti harca'e mammaaka worra dubbii Rabbii akkuma dhagayaniin gammachu'uun fudhataniiti.
1714:27; Mat. 26:31 Isaan ammo hidda gad fagaatu waan hin qabneef hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan.
18Sanyiin qoree keessatti bu'e mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayaniiti;
1910:23-24 haa ta'uu ammo yaaddayu'uun jireenna adunyaa tanaa, durumma'aan sobamu'uu fi halchi waan adda addaa itti seenee, dubbii Rabbii huutee uduu sanyii hin godhanne hafan.
20Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammo mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayanii fudhatanii gariin sanyii soddoma, gariin sanyii jahaatama, gariinillee sanyii dhibba godhatan» jedhe.
Mammaaka Waan Ifa Gombisoo Jalaa(Luq. 8:16-18)21 Mat. 5:15; Luq. 11:33 Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Ibsaa fidanii gombisoo yookaan siree jala hin kaayanii ree? Kololee irra kaayanii mii?
22Mat. 10:26; Luq. 12:2 Wonti dhokate mudhatuun, wonti golgame ifatti bawuun isaa hin hafu.
23Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu.»
24 Mat. 7:2; Luq. 6:38 Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Waan dhageettan qalbifadhaa'a! Bikkituu isin itti bikkitanitti isiniif bikkama; ka san caalutu isinii eda'ama.
25Mat. 13:12; 25:29; Luq. 19:26 Ka qabuuf eda'amee kennama; ka hin qabneef ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.»
Mammaaka Waan Sanyii Ufumaan Guddatuu26Yesuus ammallee akkana jedhe: «Jeennanni Rabbii nama maasa'atti sanyii facaasu fakkaatti.
27Yaq. 5:7 Namichi halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; inni attam akka ta'e uduu hin beenne sanyiin mutee guddata.
28Ardiin akka sanyiin ufumaan mutee guddatu gooti. Dura mutee hudha, itti aansee hin daraara, achiin maayii tumee gaya.
29Iyyu. 3:13; Mudh. Yoh. 14:15 Hennaa sanyiin gayee goge, haamaan waan gayeef yoosuu worri haamu haamaa jalqaba.»
Mammaaka Waan Sanyii Heexo'oo(Mat. 13:31-32; Luq. 13:18-19)30Yesuus akkana jedhe: «Jeennata Rabbii maali'iin wol fakkeessina? Yookaan mammaaka attamiitiin himna?
31Isiin akka sanyii Heexo'ooti; Isiin hennaa lafatti facaasan sanyii lafa irra jiru maraa irra diqqo'o.
32Dan. 4:9,18; His. 17:23; 31:6 Hennaa facaafamte muttee guddatti; ta biqiltuu maraa caaltu taati; dameewwan gugurdaa baafatti; Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isi'ii jalatti maandhee ijaaratan.» jedhe.
33Yesuus mammaaka hedduu ka kanniin fakkaatuun haga hubannaa isaaniititti dubbii isaanitti hima'aa ture.
34Inni waa maraa mammaakaan isaanitti hime. Hennaa darasoota ufii woliin hojja jiru ammo waa maraa isaanii ibsa'aa ture.
Yesuus Dambalii Cadhisiise(Mat. 8:23-27; Luq. 8:22-25)35Gaafas hennaa aduun dhiite Yesuus, «Beenaa galaana gama ceenaa» isaaniin jedhe.
36Darasoonni isaa banii achitti dhiisanii Yesuusiin akkuma durumaa yabala keessa taa'eeruun isa fuudhanii deeman. Yaballan biraallee isa woliin turan.
37Bubbeen jabaan bubbisee dambaliin bisaanii haga yabala guututti itti seena'aa ture.
38Luq. 10:40 Inni yabala san keessaa gara duubaatiin boraatii boraafatee rafee ture. Darasoonni isaa isa dammassanii, «Barsiisaa'a! baduun keenna garaa si hin nyaatuu?» jedhaniin.
396:51 Inni dammaqee bubbee san teedeffate; dambali'iinillee, «Cadhisi! Hin socho'in!» jedhe; bubbeenillee hin cadhise, hin sokossinelle'e.
40Achiin maayii darasoota ufiitiin, «Maaf akkana sodaattan? Haga ammaallee amantii hin qabdanii» isaaniin jedhe.
41Guddisanii waan sodaataniif, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun eennu inni?» woliin jedhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.