1Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge.
2 baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaari; hennaa karaa kana deebi'u kanaa olillee yoo baafte sii kennaa› jedheen.
36Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen.
37Inni, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise.
Yesuus, «Atillee deemii akkasuma godhi» jedheen.
Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti Waamame38 Yoh. 11:1; 12:2-3 Uduu deema'aaran Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubartiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte.
39Isiin obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette.
40Maartaan ammo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen.
41Yesuus deebisee, «Maartaa! Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta,
42Mat. 6:33 Wonti barbaachisu ammo waan diqqo'o; yookaan waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.