Seera Keessa Deebii 32 - Kitaaba Woyyuu

1Samii dhagayaa'a ani hin dubbadhaa.

Laftillee jecha afaan kiyyaa haa dhageettuu.

2Barumsi kiyya akka roobaatitti rooba;

dubbiin kiyyallee akkuma fixeensaatitti coccopha;

Waan lalise irratti akka fixeensaa,

Marga irratti garuu akka tiifu'uuti.

3Ani maqaa Rabbii waamaa

isin guddinna Rabbii kennaa himaa'a.

4«Inni Waaqa; hujiin isaallee guutu'u.

Karaan isaa maruu qajeela'a.

Waaqa amanamaa'a ka waan badaa hin qabne

Inni Waaqa dhuga'aatii fi qajeela'a.

5Isaan worra battaayan; kanaafuu ijoollee isaatii miti.

Waan badaa uf irraa qaban

isaan dhaloota daba'aa fi worra gara gaggalu.

6Isin banii gurra duuda'aatii fi ka mala hin qabne Rabbii keetii waan kana deebiftaa?

Inni abbaa keetii mitii? ka si uumee fi ka si jabeesse isa.

7«Bara durii yaadadhu; bara dhaloota fiixaa hedduu qaabadhu;

Abbaa kee gaafadhu inni sitti himaa;

jaarsota keessan gaafadhu isaanillee sitti himanii;

8Hennaa Rabbiin guddaan waan maraa danda'u bani'ii lafa isaanii qoqqoode,

hennaa ijoollee Aadamii addaan foffooye,

akka laakkobsa ijoollee Israa'eliitiin daangaa worra ormaa dhaabe.

9Baniin Rabbii gayee isaati;

Sanyii Yaaqoobii worra ufii godhee isaan filate.

10«Lafa gammoojji'ii keessatti dheebuu'u;

Raasaa qilleensa gudda'aatitti isa argate;

Rabbi isa golge;

Isa tisse;

Akka gumaa ijaatitti eegeen.

11Akkuma bajja ilmoolee ufii yaafatu;

akkuma inni ilmoolee ufii irra koola qabatu;

koola badhisee isaan fudhate;

koola ufiitiin isaan baadhate.

12Rabbi hojjuma ufii isa masakke;

Isa woliin Waandhi biraa hin turre.

13Gaara gubba'atti isa baase;

Sanyii qonna ufii isa nyaachise;

Damma dhagaa jabaa keessaa argamuun;

Sayitii ejersaa ka Lafa dhaga'aa irratti argamu nyaachiseen.

14Inni aannanii fi aannan itittuu,

ka loon, hoolotaa fi re'iin irraa argamu,

korbeeyyii mimmichuu, korbeeyyii hoolotaa,

foon cooma korommi'iitii fi ka re'iinii

ka biyya Baasaanii daabboo qamadii misha'aa woliin isaan nyaachise.

15Worri Israa'elii hin furdatan; hin dhiban;

baay'ee nyaatanii furdatanii cooman;

Waaqa isaan uumellee hin dhiisan;

Fayyisaa irkoo isaanii hin diqqeessan.

16Waaqa tolfamaa isaanii waaqeffatanii isa hinaafsisan;

waan badaa hojjatan maraan Waaqa aarsan.

17Waaqa tolfamaa Waaqa dhuga'aa hin taaneef ciincaa isaanii dhiyeessan.

Isaanillee waaqa tolfamaa worri Israa'elii

tanaan dura hin waaqeffannee fi

waaqa tolfamaa abboonni isaanii hin beennee ciincaa dhiyeessan.

18Waaqa si uume dhiifte;

Rabbii si guddise irraanfatte.

19Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa

waan isa aarsaniif Rabbi isaan argee isaan gate.

20Fuula kiyya isaan irraa deebifadha;

dhumni isaanii maal akka ta'e hin laala;

isaan dhaloota daba'a;

isaan ijoollee hin amanamne› isaaniin jedhe.

21Waaqa tolfamaa Waaqa hin taaneen na hinaafsisan;

womaa womtee ufiitiin na aarsan;

Anillee banii kiyya hin taaneen isaan hinaafsisa;

banii waa hin hubanneen isaan aarsa.

22Lolli kiyya akka ibiddaa;

haga xiillaa asaabaa bobaya;

waan lafa irra jiru maraa nyaata;

hundee gaarraniillee hin guba.

23«Rakkinna isaanitti eda'a;

arfii kiyyaan isaan woraana.

24Beelaa fi oo'aan badan;

oo'a bada'aa fi badii hama'aan dhuman;

busaawa'aa fi bofa hadhaa qabu

ka lafaa isaanitti erga.

25Karaa irratti woraanni finna isaan dhabsiisa;

Mana keessatti soda'aan guuttaman;

ka'imman dhiiraatii fi ta intalaa;

jaarsonninii fi daa'immanillee hin dhuman.

26Ani sirima isaan balleessa;

achiin maayessa ka isaan yaadatu hin argamu;

27Garuu diintonni isaanii

‹hunna keennaan isaan mooyanne malee

Rabbii miti› jedhanii uf jaju'uun

akka na hin aarsine jedhee isaan yaadadhe.

28«Baniin Israa'elii worra yaada hin qabne;

worra qalbiillee hin qabne.

29Uduu sammuu qabaatanii silaa kana yaadatan ture;

dhuma ufiillee hin yaadan ture!

30Waandhi isaanii yoo isaan hin gurguranne

Rabbi dabarsee yoo isaaniif hin kennine

namni tokko attamitti nama kumaa ari'a ture?

Namni lamaallee attamitti nama kuma kudhanii ari'a?

31Akkuma diintonni keenna jedhan;

Waandhi keenna akka waaqolee tolfamaa isaaniitii miti;

32Diintonni teenna worra akka Soodomiitii fi Gamoora'aa battaayan;

daraaraan isaanii akka muka woyinii daraaraa hadhaayaa kennuuti; hurbuun isaallee hadhaaya'a.

33Daadhiin isaanii ka woyini'ii akka summii bofaati;

akka summii buuti'iiti.

34«Yakki diintonni teenna hojjatan

galmee Rabbii keessatti galmaayee argama.

35Tarkaanfii haluu bayu'uu isaanitti fudhatee isaan adaba;

Hennaan isaan kufanillee gayeera;

waan guyyaan murti'ii dhiyaateef;

murtiinii fi haluu bayuun kiyya.

36Akka hunna dhaban hennaa arge,

Rabbi garboota ufiitii garaa laafa;

wolabtichaa fi garbichallee uduu addaan hin baafne

Gooftaan banii ufiitiif murteessa.

37Innillee akkana jedha ‹Waandhi tolfamaan isaanii meeti?

waaqoleen tolfamaan isaan abdatan meeti?

waandhi tolfamaan isaan itti amanan meeti?

38worri cooma ciincaa isaanii nyaatan;

worri kennaa waan dhuganiitiif dhiyeessan dhugan meeti?

Isaan ka'anii isin haa gargaaranii;

irkoo isinii haa ta'anii.

39«Ani hojjuma kiyya Waaqa akka ta'e;

Anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a;

ani hin ajjeessa; hin jiraachisa;

ani hin madeessa; hin fayyisalle'e;

harka kiyya irraa ka isin hambisu hin jiru.

40Ani harka kiyya gara Sami'ii badhisee akkana jedha.

‹Ani jiraataa bara baraa waan ta'eef,

41Guraadee kiyya ka mallisu qara;

ani murtii qajeelaa kenna;

diintota kiyyallee haluu baya;

Worra na jibbanii gatii isaanii kennaaf.

42Woraanni kiyya dhiiga worra woraannameetii fi

worra booji'ameetiin faalama;

guraadeen kiyya

foon mataa bulchoota diinaa mummura.›

43«Isin baniin ormaa Rabbi dhiiga garboota ufiitiif haluu baya;

diintota ufiillee haluu baya;

worra isa jibbullee adabee cubbuu banii ufiitii hin dhiisa;

battummaa Ardi'iillee hin qulqulleessa;

kanaafuu banii isaa woliin gammadaa'a.

44Muuse'ee fi ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun jechoota faaruu kanaa maraa bani'ii dubbisan.

Gorsa Dhumaa Ka Muuseen Kenne

45Muuseen jecha kana maraa worra Israa'eliititti himee haga raawwate,

46akkana isaaniin jedhe «Jecha seeraa kana mara eeganii akka raawwataniif; akka ijoollee teessan ittiin ajajjaniif jecha adha isinii rageessu kana maraa qalbi'itti qabadhaa'a.

47Seerri kun jireenna keessan malee waan duwwa'aa miti.

Waan kanaan lafa itti galu'uuf Yoordaanosiin gama ceetanitti bara hedduu jiraattan.»

Akka Muuseen Du'u Dura Himame

48Guyyaa san Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;

49«Gara lafa Moo'aabii kolba Iyyaariko'oo biraan jirtuu gara gaara Naaba'aa ol bayi; lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu laali;

50akkuma obboleessi kee Aaroon gaara Hoorii irratti du'ee worra isaa ka du'anitti eda'ame atillee gaaruma irra baate kana irratti du'ii worra kee ka du'anitti eda'ami;

51isin banii Israa'elii maraa afo'otti anaa fi amanamtoota hin taane hennaa lafa gammoojjii Tsiinii ta qachaa Qaadeesii keessa jirtu burqaa bisaan Mariba'aa bira hennaa turtan akka ani banii Israa'elii afo'otti ulfaadhu hin goone.

52Lafattii san uf afo'otti argita malee gara lafa ani ijoolleee Israa'eliitii kennutti hin galtu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help