Gara Worra Galaatiya'aa 3 - Kitaaba Woyyuu

Qajeellummaan Seera Eegu'uun Uduu Hin Taane Kiristoositti Amanu'uun

1Isin namoota Galaatiya'aa! worra qalbii hin qabne; ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muusessaa isinitti buuse?

2Ani waan tokko callaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan?

3Isin haganuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammo yaada fooniitiin fixuu barbaaddanii?

4Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee?

5Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii kennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraatiin mo'o amantii dhageetti'iin ta'een?

6 Rom. 3:4 Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantiin isaallee qajeellumma'aatti laakkayameef»

7Rom. 4:16 Eegasuu worri amanan maruu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a.

8Ser. Uma. 12:3; 18:18; Hu. Er. 3:25 Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanti'iin qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Dubbiin Nagayaa Abrahaamitti dursee himameera.

9Rom. 4:16 Kanaaf worri amanan maruu Abrahaamii amane woliin eebbifaman.

10 Kes. Deb. 27:26; Yaq. 2:10 Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu, ka hujii irra hin oolchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.

112:16; Imba. 2:4; Rom. 1:17; Ibr. 10:38 «Qajeelaan amanti'iin jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa.

12Ser. Lew. 18:5; Rom. 10:5 Seerrillee amanti'iinii miti. Haa ta'uu ammo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera.

13 Kes. Deb. 21:23; Rom. 8:3; Qor. 2ffaa 5:21 «Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame» jedhamee waan barreeffameeruuf Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee seera abaarsaa jalaa nu booji'e.

14Ser. Uma. 12:3; Isa. 44:3; Iyyu. 2:28 Abdii Ayyaanaa amanti'iin akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf.

Seerri Waadaa Abdi'ii Hin Diigu

15 Ibr. 9:16 Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookaan itti hin eda'u.

16Ser. Uma. 12:7; 13:15; 17:7-8 Abrahaamii fi fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu; akka nama tokkotti dubbateetitti ammo «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.

17Ser. Ba'u. 12:40 Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan kenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.

18Rom. 4:14 Dhaala argachuun uduu karaa seeraatiin ta'ee ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammo Rabbi Abrahaamii kenneera.

19 Hu. Er. 7:38,53; Rom. 3:20; 5:20; 7:8-9; Ibr. 2:2; Kes. Deb. 5:5 Eegasuu seerri maaf kenname? Haga fiixaan abdi'ii kennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname.

20Kes. Deb. 4:35 Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammo tokko.

Kaayyoo Seeraa

21 Rom. 8:2-4 Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? sirima hin mormu! Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida.

22Rom. 3:9-20; 11:32 Haa ta'uu ammo dubbiin abdi'ii worra Yesuus Kiristoositti amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran.

23Amantiin uduu hin dhufne amantii mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre.

24Rom. 10:4 Akkanatti amanti'iin akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera.

25Amantiin ammo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti.

Ijoollee Rabbii

26Karaa amanti'iitiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,

27Rom. 6:3; 13:14 worri Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan.

28Rom. 10:12; Qor. 1ffaa 12:13; Efe. 2:14-15; Qol. 3:11 Yihuudii yookaan namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookaan wolabaan hin jiru, dhiira yookaan intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.

29Rom. 4:13 Isinillee eega ka Kiristoosii taatan, akkasuma isin fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help