Seera Keessa Deebii 20 - Kitaaba Woyyuu

Qajeelcha lolaaf kenname

1«Hennaa diina keessaniin lolu'uuf yaatan faradoo, konkolaataa fardaatii fi banii isin caalu yoo argite Rabbi Waandhi kee ka biyya Misiriitii si baase si woliin waan jiruuf isaan hin sodaatin;

2duula bira yoo geettan gadichi dhufee bani'itti akkana jedhee haa dubbatuu;

3‹Namoota Israa'elii! dhagayaa'a! adha diina keessaniin lolu'uuf baatanii hin sodaatinaa'a! hin raafaminaa'a; hin hollatinaa'a isaan afo'ottillee hin nayinaa'a!

4ka isin woliin deemu ka diina keessaniin lolee isin oolchu Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.›

5«Kanaan maayessa bulchoonnillee bani'itti dhufanii, «Namni tokko mana haarawa ijaaratee ka hin eebbisiifanne yoo duula kana keessa jiraate duulatti akka hin duune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu;

6Namni woyinii dhaabatee daraaraa isaa hin nyaanne yoo isin keessa jiraate inni duula keessatti akka hin duune daraaraa isaa sanillee namni biraa akka hin nyaanne inni gara mana ufii haa deebi'uu;

7namni intala qaadhimatee hin fuune yoo isin keessa jiraate duula keessatti du'ee ta inni qaadhimate san namni biraa akka hin fuune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu» jedhaniin.

8«Worri bulchootaa ammallee deebi'anii bani'iin ‹Isin keessaa eennullee namni nawuu fi nunni yoo isin keessa jiraate inni sodaatee obboleewwan ufiillee akka hin sodaachifne inni deebi'ee gara mana ufii haa galuu› jedhanii bani'itti haa himanii.

9Bulchoonnillee haga bani'itti himanii fixaniin maayessa loltoota maraa irratti ajajoota loltootaa haa muudanii.

10«Hennaa lolaaf gara qachaa takkaa seentu dura firrisiitii laagaa araaraatiin isaan waami;

11lagaa kee san dhagayanii yoo balbala si jalaa banan baniin qachaa san keessa jiru maruu si haa gabbaruu; si haa tajaajiluu;

12garuu jecha araaraa san dhagayanii yoo sii deebisuu didan yoo sitti duuluu fedhan ati qachattii san marsitee isii rakkifta.

13Hennaa Rabbi Waandhi kee qachattii san sii kenne dhiira qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixxa;

14garuu dubartii, daa'imman, loon, waan qachaa san keessa jiru ka boojite maraa ufii fudhatta; boojuu diina keetii ka Rabbi Waandhi kee sii kennu nyaatta.

15qachoota banii kanaa ka hin taane ka si irraa fagaatanillee akkasuma goota.

16«Garuu qachoota banii kanniinii ka Rabbi Waandhi kee dabarsee sii kennu keessatti waan lubbuu qabu tokkollee uduu hin hambifne ajjeesi.

17-18Waan battii isaan waaqa tolfamaa ufii irratti godhan isinillee akka gootaniif akka isin hin barsiifne Rabbii Waaqa keessan akka cubbuu hin hojjanne akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje worra Kana'aanotaa, worra Feerzotaa, worra Ewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirima balleessita.

19«Qachaa san fudhachu'uuf guyyaa baay'ee marsitee isii rakkiftee guraadee kee baafattee muka isaanii ka daraaraa kennu hin murin; munni waa nama ta'ee? atillee waan isa irraa nyaattuuf;

20Muka nyaataaf hin taane ka isin beettan murtanii balleessitan; qachattii san haga balleessitanitti kushee ittiin ijaarattan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help