Gara Worra Rooma'aa 1 - Kitaaba Woyyuu

Nagaya

1 Hu. Er. 9:15; 13:2; Gal. 1:15 Phaawuloosii garbicha Yesuus Kiristoosii ka ergamaa ta'u'uuf waamamee fi ka dubbii Rabbiitiif fooyame irraa.

2Waan Dubbii Nagayaa kana karaa raattotaatiin kitaabbilee woyyuu keessatti dursa abdii kenname.

3-49:5; Mat. 22:42; Xim. 2ffaa 2:8 Dubbiin Nagayaa kun waan Ilma isaa ka fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalatee, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammo worra du'an keessaa ka'ee hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhateeti; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.

515:15-19; Gal. 2:7-9; Hu. Er. 26:16-18 Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.

6Akkasuma isinuu worra isaan jiddu'uu ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamame.

7 Qor. 1ffaa 1:1-3; Qor. 2ffaa 1:1-2; Efe. 1:1-2; Ser. Lak. 6:24-26 Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nagaya argadhaa'a.

Faatee Galataa

8 16:19; Tas. 1ffaa 1:8 Amantiin keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatoonfadha.

9-10Filph. 1:8; Efe. 1:16 Dubbiin Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo Rabbiin kadhadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.

11Akka isin jabaattaniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.

12Filph. 1:5; Phex. 2ffaa 1:1 Kana jechuun kiyya amantii jidduu tiyyaa fi teessan jirtuun isin woliin akka wol jajjabeessinuuf.

1315:22; Hu. Er. 19:21 Obboleewwan tiyya! akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammo dhooggamuu kiyya akka naa beettan barbaada.

14Qor. 1ffaa 1:23,24 Namoota Giriikii ka hin baranne, Ogeeyyi'ii fi worra hin hubanneef yabo'otu na irra jira.

15Hu. Er. 28:30,31 Wonti isin worra Roomaa jirtaniifillee haga naa danda'ameen Dubbii Nagayaa himu'uuf hawwuuf kanaaf.

Hunna Dubbii Nagayaa

16 Far. 119:46; Mar. 8:38; Hu. Er. 13:46; Qor. 1ffaa 1:18,24; Xim. 2ffaa 1:8 Dubbii Nagayaatiin hin saalfadhu; dura worra Yihuudi'iitiif; akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyiinsaaf waan ta'eef.

173:21-22; Gal. 3:11; Ibr. 10:38; Imba. 2:4 Dubbii Nagayaatiin qajeellummaan Rabbii waan mudhateef qajeellummaan Isaallee jalqabaa haga dhumaa waan amanti'iin ta'e; akkuma, «Qajeelaan amanti'iin jiraata» jedhamee barreeffame.

Yakka Namaa

18 2:5,8,9; Efe. 5:6; Qol. 3:6; Isa. 66:15 Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti dheekkamsi Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a.

19Hu. Er. 14:15-17; 17:24-28 Rabbi waan isaanitti mudhiseef waan Rabbii beekuu danda'uun isaan biratti addaataa waan ta'eef.

20-21Far. 19:1; 104; Iyyo. 12:7-9; 37—38; Isa. 40:26; Ibr. 11:3 Amalli isaa ka hin mudhanne; innillee hunna isaa ka bara baraa akkasuma Waaqummaan isaa uumama adunya'aatii jalqabee karaa waan inni uumeetiin beekkamee ifa ta'ee waan mudhatuuf; kanaafuu Rabbiin beeka'aa akka Rabbummaa isaatitti waan hin kabajjinee fi waan hin galatoonfanneef waan itti sababatan dhaban. Haa ta'uu ammo yaada isaaniitiin duwwaa ta'an; qalbiin isaanii ta hin hubannee fi ta dukkanoofte.

22Erm. 10:14; Qor. 1ffaa 1:19-21 Uduu «Nu ogeeyyi'i» ufiin jedhan jaanjoo ta'an.

23Kes. Deb. 4:15-19; Far. 106:20 Ulfinna Rabbii ka hin banne nama du'uuf, bifa simbirraniitiin, waan luka afur qaban, uumama lafa irra deemanitti fakkeessanii jijjiiran.

24Hu. Er. 14:16; Tas. 1ffaa 4:5 Kanaafuu nafa isaaniitiin akka wol shingeessaniif Rabbi qalbii isaanii keessatti fedha battummaa fooniitiif dabarsee isaan kenne.

25Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif; uumaa dhiisanii uumama waan waaqeffatanii tajaajilaniif, Rabbi garuu bara haga bara baraa kabajjama'a! Amiin.

26Kanaafuu Rabbi hawwii shinga'aatiif dabarsee isaan kenne. Dubartoonni isaanii hujii amala isaaniitiif ta'u waan amala isaaniitiif hin taaneen jijjiiran.

27Ser. Lew. 18:22; Qor. 1ffaa 6:9 Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan; waan badaa kana waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan.

28Haguma Rabbiin beekuu jibbaniin Rabbi waan hin taane akka godhan sammuu faayidaa hin qabneef dabarsee isaan kenne.

29Gal. 5:19-21; Efe. 5:3-4 Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.

30Xim. 2ffaa 3:2-4 Worra maqaa wol balleessu'uun wol hamatan, worra Waaqa jibban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi worra uf jajan, worra karaa badumma'aa wolitti soqanii fi worra maatii ufiitiif hin ajajamne.

31Worra hin hubanne, worra wolii galtee diigan, worra jaalala hin qabnee fi worra araara hin qabne.

32Worra kana godhan irratti «Seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'aa; worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhaniinillee wolii galan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help