Kitaaba Mammaakaa 17 - Kitaaba Woyyuu

1Mana lolli jirutti affeerraa dhiyeessan irra;

nagayaa fi tasgabbii keessatti buddeena goggogaa woyya.

2Hojjataan ogeessi ilma salphataa irratti baallii qabaata;

obboleewwan ufii ta dhaala qoodamtu woliin

dhaala qoodama.

3Wonti bassaniin meeti'iif; ibiddi worqi'iif;

Rabbi garuu garaa namaa qora.

4Namni hamaan dubbii hamaa caqasa;

sobdichi dubbii afaan dhartichaa kolbatti dhagaya.

5Worri hiyyeeyyi'itti baldan uumaa ufii tuffatan;

ka rakkoo nama biraatitti gammadu adabbii jalaa hin bayu.

6Ilmaan ilmaanii manguddootaa gulloo ulfinnaati;

maatiinillee ijoollee ufiitii abdi'i.

7Dubbiin mishaan gowwa'atti hin tolu;

keessattuu ka bulchutti arrabni sobaan hagam hamaa ta'a!

8Ka waa kennu'uuf deemu ka kennuuf sanii

akka meeshaa tolchaa ka ziiri'iiti;

hulee dhaqe marattuu waan milkaayu itti fakkaata.

9Namni yakka dhossu jaalala gabbisa;

ka dubbii irra deddeebi'u garuu

jaalalloo gara'aa adda fooya.

10Hennaa dhibba dhaanuun haga gowwa'atti dhagayamu caalaa;

xixuun nama hubatu keessa seenee itti dhagayama.

11Namni hamaan diddaa callaa barbaada;

ergamaa garaa jabaatutu isatti ergama.

12Nama gowwaa gowwummaa isaatiin wol gayuu irra,

doobbaa ilmooleen isi'ii jalaa fudhatamteen wolitti bayuu woyya.

13Namni bikka waan misha'aa waan hamaa deebisu;

wonti hamtuun mana isaatii hin fagaatu.

14Lola kaasuun akka bisaan cufame diigu'uuti;

kanaafuu uduu lolli hin kaane dubbii irraa fagaadhu.

15Yakkamaa qulqulluu taasisuu ta'ee'e

qulqulluu yakkamaa taasisuun;

lachuu Rabbiin afo'otti ceem'isiisa'a.

16Ogummaa argachu'uuf waan fedha hin qabneef

horiin gowwaa harka gale faayidaa maal qaba?

17Jaalalloon hennaa maraa jaalalloma;

obboleessillee guyyaa hammeennaatiif dhalata.

18Namni hubannaan hanqatuuf waadaa galu'uun harka dhaya;

jaalalloo ufiitiifillee wobii ta'a.

19Namni lola jaalatu cubbuu jaalata;

namni boonu badii ufitti fida.

20Namni garaa micciiramaa qabu hin milkaayu;

namni nama sobullee rakkoo irratti kufa;

21Ilma gowwaa uumachuun gadda fida;

abbaan gowwa'aa gammachuu hin qabu.

22Garaan gammadu qorsa misha'a;

yaanni cabaan garuu lafee gossa.

23Namni hamaan haqa dabsu'uuf

dhossa'aan gabbarsuu fudhata.

24Namni hubatu ogummaa uf afo'oo hin dhabamsiisu;

ijji gowwootaa garuu haga daangaa lafaa raantofti.

25Ilmi gowwaan abbaa ufiititti gadda fida;

ta isa deettettillee mararoo ta'a.

26Nama qulqulluu adabuun waan ta'uu miti;

worra muudaman qajeellummaa isaaniitiif isaan dhaanuun misha'aa miti.

27Namni beekaan dubbii qusata;

hubataa yaanni isaa itita'a.

28Namni waa hin beenne yoo cadhise ogeessa;

yoo afaan ufii adabellee hubataa fakkaata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help