Seera Keessa Deebii 24 - Kitaaba Woyyuu

Seera Haadha Manaa Hiikanii Ta Biraa Fuudhu'uu

1«Namni tokko durba qaadhimatee haga fuudheen maayessa waan isii irratti hin jaalanne yoo arge waan kanaaf sababaa wol hiikuu isaanii ibsu katabbii katabee isi'ii kennee mana ufiitii isii haa baasuu.

8«Waan dhukkuba gogaa kukkutuu, waan gadoonni Leewwotaa si barsiisan maraa raawwattee akka eedduu fi raawwattu uf eegi.

10«Hennaa goshoo keetii waa liqeessite waan liqaa saniitiif waa jalaa qabachu'uuf mana isaa hin seenin.

11Diidatti eegiin; namichi ati liqaa itti liqeessite sun bikka liqaa sanii qabdii san sii haa fiduu.

12Yoo namichi sun hiyyeessa ta'e waan jalaa qabatte uf bira hin bulchin.

13Akka uffatee bulu, akka si eebbisu uduu aduun hin dhiine waan jalaa qabatte san deebisiif; Rabbii Waaqa kee afo'otti akka qajeellumma'aatitti sii laallamaa.

14«Nama Israa'elii yoo ta'e, yookaan qachoota biyya keetii keessaa qachaa tokkotti dhalataa biyya biraa achitti hiyyeessaa fi rakkataa ta'ee ka laallamu nama kamiinuu hin saamin.

15Gatii inni guyyaa guyya'aan hojjata'aa argatu uduu aduun hin dhiine kenniif; sababaanillee inni hiyyeessa waan ta'eef qarshii san argachu'uuf yaadaan eeggata; yoo kaffalu'uufii baatte garuu Rabbitti si himata; ati yakkamaa taata.

16«Abboonni yakka ijoolle'eetiif hin ajjeefamin; ijoolleenillee yakka abbootaatiif hin du'in; namni maruu waan cubbuu ufiitiif haa ajjeefamuu.

17«Murtii nama diidaa isinitti galeetii fi ka hiyyeessaa hin dabsin; uffata haadha hiyyeessaa jalaa hin qabatin.

18Ati biyya Misirii keessa garbicha akka turte Rabbi Waandhi kee akka achii si baase yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera.

19«Hennaa midhaan kee haamattee qixiraa qonna keessatti yoo irraanfattee biraa lixxe, san fuudhu'uuf uf irra hin deebi'in; Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa akka sii eebbisuuf galaa isinitti galee jiraatu, ijoollee maatii hin qabne, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatii dhiisi.

20Daraaraa muka ejjersaa irraa hennaa tokko yoo harcaaftee guurteen maayessa daraaraa hafe guurachu'uuf hin deebi'in; galaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi.

21Yoo daraaraa woyinii keetii guurtu daraaraa hafe guuru'uuf gara woyini'ii hin deebi'in; daraaraa hafe san galaa, ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi.Ser. Lew. 19:9-10; 23:22

22Ati biyya Misirii keessatti garbicha akka turte yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help