1Rabbi ifa kiyyaa fi qorsa kiyya;
eentu na sodaachisa?
Rabbi lubbuu tiyyaa waan dawoo ta'eef;
eennuun sodaadha?
2Foon kiyya nyaachu'uuf;
hammeeyyiin hennaa dhufan;
hennaa diintonni tiyya natti ka'an
sakaallamanii kufan.
3Yoma loltoonni na marsanuu
garaan kiyya hin sodaatu;
yoma woraanni natti ka'ellee onneen tiyya guutu'u.
4Ani Rabbiin waan tokko kadhadha;
isiillee hin barbaada;
bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu;
bareedaa fi ulfinna isaa
maalalee inni godhu laalu'uu fi
akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.
5Inni hennaa rakko'oo;
gaaddisa ufii jalatti waan na dhossuuf;
mana woyyuu ufii keessatti na dhossa;
dhagaa qarsa'aa irra na dhaaba.
6Ani amma diintota na marsan irratti ulfinna argadha;
gammachu'uun ililfata'aa mana woyyuu isaa keessatti ciincaa dhiyeessa;
faaru'uun Rabbiin jajadha.
7Yaa Rabbi!
hennaa iyyee si kadhadhu naa dhagayi;
garaa naa laafi;
naa dhagayi.
8Onneen tiyya «Fuula isaa soqi» naan jette;
yaa Rabbi! ani fuula kee soqa.
9Yaa Waaqa fayyisaa kiyya!
fuula kee na hin dhoffatin;
ana tajaajilaa keetiin loltee uf biraa na hin fageessin;
yoomillee ati gargaaraa kiyya waan taateef na hin dhiisin;
na hin gatin.
10Yoma abbaan kiyyaa fi haati tiyyallee na dhiisan,
Rabbi na simata.
11Yaa Rabbi! karaa kee na barsiisi;
sababaa diintota tiyyaatiif jedhii
ati karaa qajeelaa na deemsisi.
12Worri dharaan waan hamaa na irratti ragu waan na irratti ka'aniiraniif;
fedhii diintota kiyyaatiif dabarsitee na hin kennin.
13Haga biyya worri jiraattotaa irra jiraatan irra jiru,
ani mishummaa Rabbii akka argu hin amana.
14Rabbiin abdadhu;
jabaadhu; abdii hin kutatin;
Rabbiin abdadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.