Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 22 - Kitaaba Woyyuu

Raattichi Mikkiyaas Akka Mootichi Aki'aabi Uf Eegu Itti Hime(Sen. 2ffaa 18:2-27)

1Biyyi Sooriya'aatii fi worri Israa'elii uduu wol hin lolle haga woggaa sadihii nagayaan turan.

2Woggaa sadeesso'ootitti mootichi biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara mootii Israa'elii dhaqe.

3Mootiin Israa'eliillee worra biyya bulchaniin «Reemaatiin biyya Gala'aadii keessatti argamtu akkuma teenna taatee fi nullee mooticha biyya Sooriya'aa irraa fudhachuun keenna akka hin oolle hin beettanii?» isaaniin jedhe.

4Mootichi Iyyoosaafixiin, «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti argamtuutiif lolu'uuf baya'aarraa na woliin baataa?» jedheen; Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin «Ani keeti; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedheen.

5Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin, «Garuu dura akka fedha Rabbii gaafattu si kadhadha» jedheen.

6Mootiin Israa'elii raattota haga nama dhibba afurii gayan wolitti qabee «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuutiif lolaaf hin deema mo'o hin dhiisa?» jedhee isaan gaafate; raattonni, «Rabbi akka ati mooyattu waan godhuuf woliin bayi» jedhaniin.

7Iyyoosaafixi garuu, «Raanni Rabbii ka biraa ka ammallee deebinee waa gaafannu hin argamuu?» jedhe.

8Mootichi Israa'elii deebisee Iyyoosaafixiin, «Namni waan fedha Rabbii gaafannu ilmi Yimla'aa Mikkiyaas hin jira; inni garuu raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu; kanaafuu ani isa hin jaaladhu!» jedheen;

Iyyoosaafixi, «Akkana dubbachuun si hin barbaachisu!» jedheen.

9Kanaan maayessa mootiin Israa'elii worra isa woliin hojjatu keessaa nama tokko waamee «Mikkiyaasii ilma Yimla'aa dafii naa fidi» jedheen.

10Mootiin Israa'eliitii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi uffata mootumma'aa uffatanii teessoo ufii ka mootumma'aa ka seensa balbala Samaariya'aa jiru irra taa'anii raattonni maruu afoo isaanii dhaabatanii raaga'aa turan.

11Sedeqiyaas ilmi Kini'aana'aallee sibiila irraa gaafa hojjatee «Rabbi worri Sooriya'aa kunniin haga dhumanitti ati isaaniin lolta jedhiin» jedhe.

12Raattonni maruu «Reemaatii biyya Gala'aadii keessaatitti duuli Rabbi isii si jala taasisaa» jedha'aa raaga'aa turan.

13Namichi raatticha Mikkiyaasiin haa waamu'uuf ergame, «Raattonni maruu afaan tokko ta'anii waan mishaa mootichatti dubbata'aaranii dubbiin ati dubbattullee akkuma isaanii dubbii mishaa akka ta'u si kadhadha» jedheen.

14Raattichi Mikkiyaas deebisee «Ani Rabbii jiraata'aan kakadhaa; ani waan Rabbi natti dubbate callaa dubbadha» jedhe.

15Akkuma raattichi Mikkiyaas mooticha bira gayeen mootichi «Ani gara Reemaatii Gala'aadii lolaaf hin deema mo'o hin hafa?» jedheen.

Innillee deebisee «Dhaqii loli Rabbi si jala taasisaa» jedhee deebiseef.

16Mootichi deebisee raattichaan «Maqaa Rabbiitii waan dhuga'aa malee waan biraa akka natti hin dubbanne harka meeqa sitti hima?» jedheen.

17Raattichi Mikkiyaas, «Baniin Israa'elii maruu akka hoolota tissee hin qabneetitti gaara irratti ka bittinnaayaniiran arge; Rabbi ‹baniin kunniin maruu waan mootii hin qabneef nagayaan gara mana ufii haa deebi'anii› jedhee natti hime» jedhe.

18Mootichi Israa'elii Aki'aabi Iyyoosaafixiin «Inni raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu jedhee sitti hin himnee?» jedheen.

19Raattichi Mikkiyaas deebisee akkana isaan jedhe, «Eeganaa ati dubbii Rabbii dhagayi; Rabbi teessoo ufii irra taa'ee maleekkonni sami'ii maruu bita'aa fi mirga isaatiin ka dhaabataniiran arge. ka hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka bara abbaan isaa Aasaan bulchu irraa jalqabanii jiran maraa balleesse.

47Bara san biyyi Edoomiyaasii bulchaa isii bulchu hin qabdu turte; sababaa kanaaf nama mootiin biyya Yihuuda'aa muudu jalatti bulti.

48Mootiin Iyyoosaafixi galaana guddaa gama ceeyanii worra oofirii worqii fidaniif markaba hedduu ka akka markaba Tersesii hojjachiisee ture; garuu Markaboonni Itsiyoongaabiritti waan caccabaniif deemuu hin dandeenne.

49Achiin maayessa ilmi Aki'aabii Akaaziyaas Iyyoosaafixiin hojjattoonni tiyya hojjattoota tee woliin haa deemanii jennaaniin Iyyoosaafixi dide.

50Iyyoosaafixi du'ee qachaa abbaa ufii ka Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye.

Akaaziyaas Mootii Israa'elii

51Bara Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Aki'aabii Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti woggaa lamaaf Israa'eliin irratti mooye.

52Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa abbaan isaa Aki'aabii fi haati isaa Eelzaabeel Israa'eliin irratti hojjatan hojjate.

53Akkuma abbaa ufii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffata'aa sagadeefii tajaajila'aa Rabbii Waaqa Israa'elii aarse.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help