Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 29 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Adda Addaa Ka Ijaarsa Mana Woyyu'uutiif Dhiyaate

1Mootichi Daawiti banii maraanuu, «Mucaan kiyya Solomoon ka Rabbi filate ijoolle'e; manni ijaaramu garuu mana mootumma'aa uduu hin taane mana Rabbi itti waaqeffamu waan ta'eef hujiin isaa gudda'a.

2Anillee akkuma hunna kiyyaatitti worqii, meeshaa worqi'ii ka ittiin hojjatan, birrii, meeshaa birri'ii ka ittiin hojjatan, sibiila diimaa, sibiila hujii sibiilaatiif, muka hujii mukaatiif, dhagaa dhagaa qarsa'aatiif dhagaa adda addaa ka bifa adda addaa tartiibaan dhagaa jabaa calanqisullee qopheesseera.Sen. 1ffaa 22:5

3Waan amma qopheesseen alatti birri'ii fi worqii qabu keessaallee jaalala mana woyyuu Rabbiitii qabuuf fedha kiyyaan kenneera.

4Ijaarsa mana woyyu'uullee bareechisu'uuf worqii oofirii kiiloo kuma dhibba tokkootii fi birrii qulqulluu kiiloo kuma dhibba lamaa fi afurtama.

5Meeshaa worri ogeeyyi'ii harkaan hojjataniinillee kenneera. Isin keessaa namni Rabbii arjumma'aan kennaa kennu eennu?» jedhe.

6Kanaan maayessa bulchoonni manniin abboota isaanii, bulchoonni gosa Israa'elii, ajajoonni loltuu dhibbaatii fi loltuu kumaa worri fedha mootichaatiin mana woyyuu ijaaru'uuf muudaman maruu fedha ufiitiin waan qaban fidan.

7Isaan fedha ufiitiin worqii kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi torbaatama, birrii kiiloo giraama kuma dhibbaa sadihii fi afurtama, Sibiila diimaa kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi diddamaa gawu, sibiila miliyoona sadihiitii fi kuma dhibba afurii olii kennan;

8worri booka qabu maruu Yihi'eelii Leewwicha gosa Geedsooniititti kennaa mana woyyu'uu akka ittiin ijaaru kennan.

9Baniin waan fedha ufiitiin waan qaban kennaniif guddisanii gammadan; Daawitiillee guddisee gammade.

Daawiti Rabbiin Galatoonfate

10Daawiti banii maraa afo'otti «Rabbii Waaqa Israa'elii abbaa kiyyaa baraa haga bara baraa ulfaadhu!

11Waandhana; wonti ardi'ii fi samii irra jiru maruu kee waan ta'eef guddinni, hunni, ulfinni, mooyichinii fi gaachennillee keeti. Waandhana; baalliin teeti; ati waa maraafuu mata'a.Mat. 6:13

12Durummaanii fi ulfinni si biraa argama; ati maraa bulchita; hunninii fi jabeenni sima harka jira, nama guddisu'uu fi hunnallee kennu'uufii hin dandeetta.

13Eeganaa Waaqa keenna nu si jalatti bulla maqaa kee kabajjama'aaf galata dhiyeessina.

14Ani ka kennaa kana fedha kiyyaan sii kennu eennu? baniin kiyyallee eennu? wonti maruu kennaa si irraa fudhanne; kunoo waan si irraa fudhanne deebifnee sii kennineerra.

15Rabbii keenna nu akkuma abboota teenna ta durii san keessumma'aa fi gala'a; barri keenna ka lafa irratti qabnu akkuma gaaddisaati;

16Waaqa keenna! maqaa woyyuu keetii mana ijaaru'uuf kennaan wolitti qabne kun maruu kama si biraa dhufe; wonti maruu keeti.

17Waandhana ati yaada namaa qorta; akka qajeellummaa jaalattu hin beeka; anillee gara laafumma'aa fi fedha kiyyaan waan kana maraa dhiyeesseera; baniin kee ka as jiru kunillee akka fedha ufiitiin sii dhiyeesse argee gammadeera.

18Yaa Waaqa abboota teennaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Israa'elii; yabo'oo yaanni kun banii kee keessa baraa haga bara baraa haa jiraatu; onnee isaanii gara kee deebisi.

19Ilma kiyya Solomoonii akka inni gorsa, ajajaa fi seera kee eegu waan kana maraa akka raawwatu, mana haa inni ijaaru'uuf isaa qopheesse kana ijaaree akka raawwatu qalbii kenniif» jedhe.

20Kanaan maayessa Daawiti banii maraanuu, «Rabbii Waaqa keessan galatoonfadhaa'a!» jedhe; isaanillee Rabbii Waaqa abbaa ufii galatoonfatan; gad jedhanii Rabbii fi mootichaa sagadan.

21Bariisaa san horii baay'ee qalanii Rabbii ciincaa dhiyeessanii achiin maayessa baniin akka nyaatu kennaniif; akkasuma korommii kuma tokkoo, korbeeyyii gugurdaa, hoolotaatii fi korbeeyyii hoolotaa didiqqaa kuma tokko tokko ciincaa dhiyeessanii hulee ciinca'aa irratti ciinceessan; daadhii woyini'iillee hin kennan.

22Kanaafuu guyyaa san Rabbiin afo'otti nyaata'aa dhuga'aa gammadan; ilma Daawitii Solomooniin hennaa lammeesso'ootiif mootii taasisanii akka bulchuuf Rabbiin afo'otti isa muudan. Saadooqiinillee gadicha godhatanii muudan;

23akka kanaan Solomoon teessoo abbaa ufii ka Daawitii irra taa'e. Wonti maruu qajeeleefii baniin Israa'elii maruu isaa ajajaman.Mot. 1ffaa 2:12

24Bulchoonni worri jajjabaanii fi ijoolleen mooticha Daawitii maruu isaa ajajamu'uuf waadaa galan.

25Rabbi Solomooniin mootota armaan dura Israa'eliin bulcha'aa turan caalaa kabajjeen.

Seenaa Bara Daawiti Bulchee Gabaaba'atti

26Daawiti ilmi Isseyii banii Israa'elii maraa irratti mooye;

27Barri inni worra Israa'elii irratti mooye woggaa afurtama; woggaa torbaa Keebroonitti, woggaa soddomii sadihii Yerusaalemiin irratti mooye.Sam. 2ffaa 5:4-5; Sen. 1ffaa 3:4

28Umurii dheeraa, durummaa, ulfinnaa fi maqaa mishaa argee jaaree du'e; ilmi isaa Solomoon bikka isaa mooye.

29Seenaan mooticha Daawitii jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka raattonni sadihii Saamu'eel, Naataanii fi Gaad barreessan keessatti argama.

30Akkaataan Daawiti itti bulche, jabeenni isaatii fi wonti inni mootota Israa'eliitii fi mootota naannoo isaa jiran maraa irratti hojjate kitaaba seena'aa ka raattota sadihii san keessatti barreeffameera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help