Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Meeshaa Mana Woyyuu Keessatti Ittiin Hojjatan(Mot. 1ffaa 7:23-51)

1Mootichi Solomoon hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee diddamaa, dalgi ciqilee diddamaa, ka ol fageenni isaa ciqilee kudhanii sibiila diimaa irraa hojjate. qabata.

6Solomoon gongaa bisaanii ka keessatti hojjachiise shan mana woyyuu gara kibbaatiin; shan garuu mana woyyuu gara kaabaatiin kaaye; gongaan bisaanii kunniin ka foon horii ciincaa ciincawuu keessatti dhiqan; gongaa bisaanii guddaa worra gadootaatitu keessatti dhiqata.

7Solomoon akka ufii karoorfateen baattuu ibsa'aa kudhan worqii irraa hojjachiisee kutaa mana woyyuu keessa shan gara kaabaatiin, shan garuu gara kibbaatiin kaaye.Ser. Ba'u. 25:31-40

8Akkasuma xarapheessaa kudhanii hojjachiisee kutaa mana woyyuu keessa shan gara kaabaatiin, shan garuu gara kibbaatiin kaaye; kanatti eda'ee saanii dhibbaa worqi'iin hojjachiise.Ser. Ba'u. 25:23-30

9Solomoon hulee itti gad bayan ka tajaajila gadootaatiif ta'uu fi akkasuma hulee itti gad bayan guddaa hojjachiise; hulee itti gad bayan kanniin hojjachiisee balbala itti hojjachiisee sibiila diima'aan akka midhaassan godhe.

10Gongaa bisaanii guddaa gara baya biiftu'uutiin mana woyyuu bira dhaabsise; Kiraam xuwwee, qadhaba'aa fi keree baay'ee hojjate.

11-16Kiraam hujii mana woyyu'uu ka Solomoonii maraa hojjatee fixe; Meeshaan inni hojjate,

utubaa lamaan,

gulloo utubaa lamaan irra kaayan ka akka gabate'ee,

haada sibiilaa ka akka gingilcha'aatitti hojjatame,

ginnoo utubaa lamaan midhaassaniin,

fakii daraaraa Roomaani'ii ka sibiila diima'aan irratti hojjataman,

ka ginnoo utubaa lamaanii midhaassaniin,

hulee meeshaa irra kaayan ka luka ittiin lafa irra gangalatuun kudhan qabu,

Gongaa bisaanii ka keessatti dhiqatan kudhan,

Gongaa bisaanii guddaa'a,

Fakii Sangoota kudha lamaa ka waabaa baay'ee irkisan qaban.

Kiraam xuwwee baay'ee, qadhabaa baay'e'ee fi fadhaana baay'ee ogumma'aan hojjate; namni beekkamaan kun akkuma mootichi Solomoon isa ajajetti akka tajaajila mana woyyu'uutiif ta'an sibiila diimaa irraa meeshaa kanniin hojjate.

17Mootichi Solomoon meeshaa kanniin maraa hulee sibiila diimaa itti bassan ka dhooqa Yoordaanosii ka Suukootiitii fi Xaaredaa jiddu'uutitti hojjachiise.

18Meeshaan akkaataa kanaan hojjatame baay'ee waan ta'eef ulfinni sibiila diima'aa ka meeshaa kanniin ittiin hojjatan hagam akka ta'e eennullee hin beeku ture.

19Mootichi Solomoon meeshaa mana woyyuu keessaa hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame, gabatee xoroshoo woyyoome irra kaayan,

20baattuu ibsa'aatii fi waan irra kaayanii ibsan akka seeraan ibsaniif worqii mishaa irraa hojjate.

21Daraaraa, waan ibsaa irra kaayanii ibsanii fi waan daaraa irratti kuusan worqii mishaa irraa hojjate.

22Qadhabaa, keree, mooqqa'aa fi mi'a ibidda irratti bobeessan worqii mishaa irraa hojjate; mana keessa balbala woyyittii woyyootaatii fi balbala mana woyyu'uullee worqi'iin hojjate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help